Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 32 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The sons of Reuben and sons of Gad had vast herds of livestock. Seeing the land of Jazer and land of Gilead, they noticed it suited livestock well. Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan.
2 The sons of Gad and sons of Reuben came and said to Moses, to Eleazar the priest, and to the community's leaders: Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan;
3 "Ataroth, Dibon, Jazer, Nimrah, Heshbon, Elealeh, Sebam, Nebo, and Beon, “Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon,
4 the land our Father struck down before Israel's community—is land for livestock, and your servants have livestock." biyyi Waaqayyo fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna.
5 They said, "If we have found favor in your eyes, give this land to your servants as a possession. Don't make us cross the Jordan." Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin.”
6 Moses said to the sons of Gad and Reuben, "Should your brothers go to war while you sit here? Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu?
7 Why discourage Israel from crossing into the land our Father has given them? Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu?
8 This is what your fathers did when I sent them from Kadesh-barnea to see the land. Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha.
9 They went up to the Valley of Eshcol, saw the land, then discouraged the Israelites' hearts from entering the land our Father had given them. Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan.
10 And our Father's anger burned that day, and he swore an oath, saying, Dheekkamsi Waaqayyoos guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate;
11 surely the men who came up from Egypt, twenty years old and up, will not see the land I swore to give to Abraham, to Isaac, and to Jacob—because they did not fully follow me. ‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sana hin argu.
12 None but Caleb son of Jephunneh the Kenizzite and Joshua son of Nun, for they fully followed our Father. Kaaleb ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼaniiruutii.’
13 The anger of our Father burned against Israel; he made them wander the wilderness forty years until the whole generation that had done evil before our Father had died. Dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe.
14 Now you have risen up in place of your fathers, a brood of sinners, adding still more to our Father's fierce anger against Israel! “Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa Waaqayyoo kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu.
15 If you turn from following him, he will leave them in the wilderness once again, and you will destroy all this people." Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu.”
16 They came to him and said, "We'll build pens here for our livestock and cities for our children. Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra.
17 But we will arm ourselves, ready to go ahead of the Israelites until we bring them to their place, while our children stay in fortified cities, safe from those living in the land. Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan.
18 We will not return home until every Israelite has taken his inheritance. Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu.
19 We won't inherit with them across the Jordan and beyond, since our inheritance has come to us on this side of the Jordan, to the east." Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.”
20 Moses said to them, "If you do this—if you arm yourselves before our Father for the war, Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula Waaqayyoo duratti hidhattanii duulaaf kaatan,
21 and every armed man among you crosses the Jordan before our Father until he drives out his enemies from before him, yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula Waaqayyoo dura Yordaanosin ceetan,
22 and the land is subdued before our Father, afterward you may return and be free of obligation to him and to Israel, and this land will be your possession before our Father. yeroo biyyattiin fuula Waaqayyoo duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama Waaqayyoo fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula Waaqayyoo duratti dhaala keessan taʼa.
23 But if you don't do this, look—you will have sinned against our Father, and know: your sin will overtake you. “Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo Waaqayyotti cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa.
24 Build cities for your little ones, pens for your flocks, and do what your mouth has promised." Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa.”
25 The sons of Gad and Reuben said to Moses, "Your servants will do as my lord commands. Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona.
26 Our children, wives, flocks, and all our herds will stay there in the cities of Gilead, Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan.
27 but your servants, every man armed for war, will cross before our Father to battle, as my lord says." Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula Waaqayyoo duratti duuluuf ni ceena.”
28 So Moses commanded Eleazar the priest, Joshua son of Nun, and the clan leaders of Israel's tribes about them. Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne.
29 Moses said to them, "If Gad's and Reuben's sons cross the Jordan with you, every man armed for battle before our Father, and the land is subdued before you, then give them Gilead as their possession. Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula Waaqayyoo duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii.
30 But if they won't cross over armed with you, they must take possession among you in the land of Canaan." Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan.”
31 Gad's and Reuben's sons answered, "We will do as our Father told your servants. Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan Waaqayyo jedhe ni goona.
32 We ourselves will cross armed before our Father into the land of Canaan, and our inherited possession will remain ours beyond the Jordan." Nu miʼa lolaa hidhannee fuula Waaqayyoo dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu.”
33 Moses gave to them—the sons of Gad, the sons of Reuben, and the half-tribe of Manasseh son of Joseph—the kingdom of Sihon king of the Amorites and the kingdom of Og king of Bashan: the land, its cities, the territories, and the cities of the country around. Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne.
34 And the sons of Gad built Dibon, Ataroth, Aroer, Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer,
35 Atroth-shophan, Jazer, Jogbehah, Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa,
36 Beth-nimrah, and Beth-haran—fortified cities and pens for sheep. Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan.
37 And the sons of Reuben built Heshbon, Elealeh, Kiriathaim, Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim,
38 Nebo, Baal-meon (renamed), and Sibmah—they gave the cities they rebuilt new names. akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
39 Sons of Machir son of Manasseh went to Gilead, captured it, and drove out the Amorites living there. Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan.
40 So Moses gave Gilead to Machir son of Manasseh, and he settled in it. Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan.
41 And Jair son of Manasseh went and captured their villages, and called them Havvoth-jair. Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase.
42 And Nobah went and captured Kenath and its villages, and called it Nobah, after his own name. Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]