Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 22 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then the Israelites set out and camped in the plains of Moab beyond the Jordan, opposite Jericho. Israaʼeloonni gara dirree Moʼaabitti qajeelanii Yerikoon gama qarqara Yordaanos qubatan.
2 Now Balak son of Zippor saw all that Israel had done to the Amorites. Baalaaq ilmi Ziphoori waan Israaʼel Amoorotatti hojjete hunda arge;
3 Moab feared the people greatly, for they were many; Moab dreaded the Israelites. Moʼaabis waan sabni sun akka malee baayʼee taʼeef ni sodaate. Moʼaabis sababii Israaʼelootaatiif raafame.
4 Moab said to Midian's elders, "This horde will lick up everything around us, as an ox licks up field grass." Balak son of Zippor was king of Moab then. Warri Moʼaabis maanguddoota Midiyaaniin, “Namoonni baayʼeen kunneen akkuma qotiyyoon marga bakkee dheedee fixu sana waan naannoo keenya jiru dheedee fixa” jedhan. Kana irratti Baalaaq ilmi Ziphoori kan yeroo sana mootii Moʼaab ture sun,
5 He sent messengers to Balaam son of Beor at Pethor, by the Euphrates in his people's land, to summon him. He said, "Look, a people has come out of Egypt. Look, they cover the face of the land, and have settled facing me. akka isaan Balaʼaam ilma Beʼoor kan biyyuma itti dhalate keessa laga Efraaxiis bira Phetoori keessa jiraachaa ture sana waamaniif ergamoota erge. Baalaaqis akkana jedhe: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii baʼee dhufeera; kunoo isaan lafa guutanii natti aananii qubataniiru.
6 Come, please curse this people for me—they are stronger than I am. Maybe then I can strike them and drive them from the land, for I know: whoever you bless is blessed, and whoever you curse is cursed." Sababii isaan na caalaa humna qabaniif amma kottuutii isaan abaari. Yoos ani isaan moʼadhee biyya keessaa ariʼee isaan baasuu nan dandaʼa taʼa. Ani akka warri ati eebbiftu eebbifaman, warri ati abaartus abaaraman nan beekaatii.”
7 The elders of Moab and elders of Midian went, fortune-telling fees in their hand, and came to Balaam and told him Balak's words. Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan.
8 He said to them, "Stay here tonight, and I'll bring back word as God speaks to me." So the officials of Moab stayed with Balaam. Balaʼaamis, “Halkan kana asuma bulaa; anis deebii Waaqayyo naaf kennu isinitti nan hima” jedheen. Qondaaltonni Moʼaab sun isuma bira turan.
9 Then our Father came to Balaam and said, "Who are these men with you?" Waaqni gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
10 Balaam said to our Father, "Balak son of Zippor, king of Moab, has sent word to me: Balaʼaamis akkana jedhee Waaqaaf deebii kenne; “Baalaaq ilmi Ziphoori, mootichi Moʼaab akkana jedhee ergaa kana natti erge:
11 Look, the people who came out of Egypt cover the land's face. Come now, curse them for me—maybe I can fight against them and drive them out." ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii baʼee dhufe tokko lafa guuteera; ati amma kottuutii isaan naaf abaari. Yoos ani isaan lolee ariʼee biyyaa baasuu nan dandaʼa taʼaatii.’ ”
12 But our Father told Balaam, "Do not go with them. Do not curse the people, for they are blessed." Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaan wajjin hin deemin. Sababii isaan eebbifamoo taʼaniif ati saba sana hin abaarin” jedhe.
13 Balaam got up that morning and told Balak's officials, "Return to your land—God has refused to let me go with you." Balaʼaam ganama itti aanu kaʼee qondaaltota Baalaaqiin, “Sababii Waaqayyo isin wajjin deemuu na dhowweef, isin amma kaʼaa biyya keessanitti deebiʼaa” jedhe.
14 Moab's officials got up, went to Balak, and said, "Balaam refused to come with us." Qondaaltonni Moʼaab gara Baalaaqitti deebiʼanii, “Balaʼaam nu wajjin dhufuu dide” jedhaniin.
15 Then Balak sent officials again—more numerous and more honored than the first. Baalaaqis qondaaltota warra duraa sana caalaa baayʼee fi caalaa bebeekamoo kan biraa erge.
16 They came to Balaam and said, "Balak son of Zippor says: Let nothing keep you from coming to me, Isaanis dhufanii Balaʼaamiin akkana jedhan: “Wanni Baalaaq ilmi Ziphoori jedhu kunoo kana: ‘Maaloo wanni tokko iyyuu gara koo dhufuu si hin dhowwin;
17 for I will honor you greatly, and do whatever you say to me. So please come and curse this people for me." ani ulfina guddaa siif nan kennaatii; waan ati jettu hundas nan guuta. Kottuu saba kana naa abaari.’ ”
18 Balaam answered Balak's servants, "Even if Balak gave me his house full of silver and gold, I cannot go beyond God's command, to do small or great. Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja Waaqayyo Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.
19 Now please, stay here tonight, you too, so I may learn what more our Father will say to me." Akka ani waan Waaqayyo natti himu kan biraa beekuu dandaʼuuf isinis akkuma warra kaanii as bulaa.”
20 And our Father came to Balaam at night and said to him, "Since these men came to summon you, get up and go with them, but do only what I tell you." Halkan sana Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Sababii namoonni kunneen si waamuu dhufaniif, isaan wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa hojjedhu” jedheen.
21 So Balaam got up in the morning, saddled his donkey, and went with the officials of Moab. Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee qondaaltota Moʼaab sana wajjin deeme.
22 But our Father's anger burned because he went, and our Father's messenger stood in the road as Balaam's adversary. Balaam was riding his donkey, with his two servants. Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan Waaqayyoo tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan.
23 The donkey saw the messenger of our Father standing in the road, his sword drawn in his hand, and she turned off the road into the field. So Balaam struck the donkey to turn her back onto the road. Harreen sun immoo ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute.
24 Then our Father's messenger stood in a narrow path between vineyards, a wall on each side. Ergamaan Waaqayyoo sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate.
25 The donkey saw the messenger of our Father, pressed against the wall, and pressed Balaam's foot against it, so he struck her again. Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute.
26 The messenger of our Father went further and stood in a narrow place with no room to turn right or left. Ergamaan Waaqayyoos fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate.
27 When the donkey saw the messenger of our Father, she lay down under Balaam; his anger flared, and he struck her with his staff. Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute.
28 Then our Father opened the donkey's mouth, and she said to Balaam, "What have I done to you, that you struck me these three times?" Kana irratti Waaqayyo afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette.
29 Balaam said to the donkey, "You have mocked me! If I had a sword in my hand, I'd kill you now." Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe.
30 The donkey said to Balaam, "Am I not your donkey, the one you've ridden all your life until today? Have I ever treated you this way before?" He said, "No." Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?” Innis, “Lakkii” jedhee deebiseef.
31 Then our Father opened Balaam's eyes, and he saw our Father's messenger standing in the road, sword drawn in hand, and he bowed low and fell facedown. Yommus Waaqayyo ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade.
32 The messenger of our Father said to him, "Why have you hit your donkey three times? I've come out as an adversary, because your way is reckless before me. Ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe.
33 The donkey saw me and turned aside from me these three times. Had she not turned aside, I would have killed you by now and spared her life." Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.”
34 Balaam said to the messenger of our Father, "I have sinned—I didn't know you stood in the road to oppose me. Now if this is displeasing in your eyes, I'll turn back." Balaʼaamis ergamaa Waaqayyootiin, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe.
35 The messenger of our Father told Balaam, "Go with the men, but say only what I tell you." So Balaam went on with Balak's officials. Ergamaan Waaqayyoo sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme.
36 When Balak heard Balaam was coming, he went out to meet him at the city of Moab, on the Arnon border, at the border's edge. Baalaaqis akka Balaʼaam dhufaa jiru dhageenyaan, magaalaa Moʼaab kan daarii Arnoon irratti argamtutti isa simachuudhaaf kaʼee deeme.
37 Balak said to Balaam, "Didn't I send urgently to call you? Why didn't you come to me? Can I really not honor you?" Baalaaqis Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani dhaamsa ariifachiisaa sitti hin erginee? Ati maaliif na bira hin dhufne? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin dandaʼuu?”
38 Balaam told Balak, "Look, I've come to you now—but can I say just anything? I can only speak what God puts in my mouth." Balaʼaamis, “Kunoo ani si bira dhufeera. Garuu ani waanuman arge dubbachuu nan dandaʼaa? Ani waanuma Waaqni afaan koo keessa kaaʼu qofan dubbachuu qaba” jedhee deebise.
39 So Balaam went with Balak, and they came to Kiriath-huzoth. Balaʼaamis kaʼee Baalaaq wajjin Qiiriyaati Haxoti dhaqe.
40 Balak sacrificed cattle and sheep, sending shares to Balaam and the officials with him. Baalaaq loonii fi hoolaa aarsaa dhiʼeessee gara tokko Balaʼaamii fi qondaaltota isa wajjin turaniif kenne.
41 In the morning Balak took Balaam and brought him up to Bamoth-baal, and from there he saw the edge of the people. Ganama itti aanus Baalaaq, Balaʼaamin Baamooti Baʼaalitti ol baase; innis achi dhaabatee saba Israaʼel warra daangaa gamaa irra jiran arge.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]