Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Nahum 3 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Nanawweef Wayyoo

1Magaalattii dhiigaatiif,kan sobaan guutamteef,kan saamichaan guutamteef,kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!

2Iyyi qaccee,kakaksuun gommaa,gulufuun fardaa,didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!

3Abbaan fardaa ni gulufa;goraadeen ni balaqqisa;eeboon ni calaqqisa!Balaan hedduun nama irra gaʼeera;namni baayʼeen duʼeera;reeffi lakkoobsa hin qabu;namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;

4kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu,giiftii falfaltootaa,kan sagaagaltummaa isheetiin saboota,tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.

5Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Ani sitti kaʼeen jira.Ani uffata kee fuula keetti ol soqola.Ani sabootatti qullaa kee,mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.

6Ani xuriidhaan sin faala;akka malee sin tuffadha;waan kolfaa illee sin godha.

7Namni si argu hundi sirraa baqatee,‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha.Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”

8Ati, Nooʼi Amoonbiyya laga Abbayyaa irraakan bishaaniin marfamte sana caaltaa?Lagni daʼoo ishee ti;bishaanis dallaa ishee ti.

9Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha;Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.

10Taʼus isheen boojiʼamteebiyya ormaatti geeffamte.Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irrattimiciriqfamanii dhuman.Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufataniinamoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.

11Atis ni machoofta; ni dhokattas;diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.

12Daʼoon kee hundi mukkeen harbuukanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata;yeroo mukkeen sun hurgufamanittiiji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.

13Mee raayyaawwan kee ilaali;isaan hundinuu dubartoota!Karrawwan biyya keetii diinota keetiifbalʼatanii banamanii jiru;ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.

14Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu;humna hittisaa kee jajjabeeffadhu!Suphee tolfadhu;dhoqqee suphee dhiittadhu;xuubii tolfadhu.

15Achitti ibiddi si fixa;goraadeenis si ciccireeakkuma korophisaas si barbadeessa.Akka korophisaa hori;akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.

16Ati hamma isaan urjii samii caalaabaayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta;isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisaniiergasii barrisanii deemu.

17Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti;qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaakan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti;yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu;namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.

18Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu;namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru.Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabaniitulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.

19Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu;miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha.Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuukufaatii keetti harka walitti rurrukuta;gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaaneenyutu hin miidhamin?

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]