Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Matthew 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In those days John the Baptist came, preaching in the wilderness of Judea, Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe;
2 "Repent, for the kingdom of our Father has come near." innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe.
3 This is the one Isaiah the prophet spoke of, saying: "A voice calling out in the wilderness: Prepare the way of the Lord, make his paths straight." Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa; daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo” jedhamee dubbatame sanaa dha.
4 John wore clothes of camel hair, with a leather belt around his waist; his food was locusts and wild honey. Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture.
5 Then Jerusalem and all Judea and all the region around the Jordan went out to him, Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan.
6 and they were baptized by him in the Jordan River, confessing their sins. Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
7 Seeing many Pharisees and Sadducees coming to be baptized, he said to them, "You brood of vipers! Who warned you to flee the coming wrath? Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
8 Bear fruit, then, worthy of repentance. Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
9 Don't presume to say to yourselves, 'Abraham is our father,' for I tell you: our Father can raise up children for Abraham from these stones. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
10 The axe already lies at the root of the trees, so every tree not bearing good fruit is cut down and thrown into the fire. Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.
11 "I baptize you with water for repentance, but the one coming after me is stronger than I am—I'm not worthy to carry his sandals. He will baptize you with the Holy Spirit and fire. “Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
12 His winnowing fork is in his hand; he'll clear his threshing floor, gather his wheat into the barn, but burn the chaff with fire that never goes out." Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
13 Then Jesus came from Galilee to the Jordan to John, to be baptized by him. Yesuus ergasii Yohannisiin cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe.
14 But John tried to stop him: "I need baptism from you, yet you come to me?" Yohannis garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe.
15 Jesus replied to him, "Allow it now, for this is how we must fulfill all righteousness." So John allowed him. Yesuusis deebisee, “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii” jedheen. Yohannisis isa dhowwuu dhiise.
16 After Jesus was baptized, he came up out of the water at once, and suddenly the heavens opened to him; he saw the Spirit of our Father coming down like a dove and settling on him. Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge.
17 Then a voice from heaven said, "This is my Son, the one I love; I delight in him." Sagaleen tokkos samii irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]