Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 18 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 After saying these things, Jesus went out with his disciples across the Kidron Valley, where a garden stood; he and his disciples entered it. Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.
2 Judas the betrayer knew the place too, since Jesus often gathered there with his disciples. Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture.
3 So Judas came there with a detachment of soldiers and officers from the chief priests and Pharisees, carrying lanterns, torches, and weapons. Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.
4 So Jesus, knowing all that was coming on him, went out and said to them, "Who are you looking for?" Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
5 They answered him, "Jesus of Nazareth." Jesus said, "I AM." Judas, his betrayer, stood with them. Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. Yesuus immoo, “Ani isaa dha” jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture.
6 When Jesus said to them, "I AM," they drew back and fell to the ground. Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.
7 So he asked them again, "Who are you looking for?" And they said, "Jesus of Nazareth." Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.
8 Jesus answered, "I told you I AM. So if you're looking for me, let these men go." Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe.
9 This fulfilled Jesus's own word: "I have not lost a single one of those you gave me." Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
10 So Simon Peter drew his sword, struck the high priest's servant, and cut off his right ear—the servant named Malchus. Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.
11 So Jesus told Peter, "Sheath your sword. Shouldn't I drink the cup my Father has given me?" Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.
12 Then the troops, their commander, and the Jewish officers seized Jesus and tied him up. Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan.
13 They took him to Annas first, for he was father-in-law to Caiaphas, high priest that year. Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture.
14 Caiaphas was the one who advised the Jews: better one man die for the people. Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.
15 Simon Peter and another disciple followed Jesus. That disciple was known to the high priest, so he entered with Jesus into the high priest's courtyard, Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene;
16 but Peter stood outside at the door. So the other disciple, known to the high priest, went out, spoke to the servant girl who kept the door, and brought Peter in. Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.
17 The servant girl guarding the door said to Peter, "You also are not one of this man's disciples, are you?" He said, "I'm not." Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.
18 The servants and officers, feeling the cold, had lit a charcoal fire and stood warming themselves; Peter stood with them, warming himself. Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
19 The high priest then questioned Jesus about his disciples and his teaching. Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.
20 Jesus answered him, "I spoke openly to the world; I always taught in synagogues and in the temple, where all the Jews gather. I said nothing in secret. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.
21 Why ask me? Ask those who heard what I said to them; they know what I said." Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”
22 At this, one of the guards nearby slapped Jesus, saying, "Is that how you answer the high priest?" Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.
23 Jesus answered him, "If I spoke wrongly, testify about the wrong; but if rightly, why do you strike me?" Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe.
24 Then Annas sent him, still bound, to Caiaphas the high priest. Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
25 Simon Peter, meanwhile, stood warming himself. They said, "Aren't you also one of his disciples?" He denied it: "I'm not." Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin. Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale.
26 One of the high priest's servants, a relative of the man whose ear Peter cut off, asked, "Didn't I see you with him in the garden?" Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen.
27 Peter again denied it, and at once a rooster crowed. Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.
28 Then they led Jesus from Caiaphas to the governor's headquarters. It was early morning. They themselves didn't enter, so they wouldn't be made unclean but could eat the Passover. Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif.
29 So Pilate went out to them and said, "What accusation do you bring against this man?" Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.
30 They answered him, "If this man weren't doing wrong, we wouldn't have handed him over to you." Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.
31 Pilate said, "Take him yourselves and judge him by your own law." The Jews said, "We're not permitted to execute anyone." Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin.
32 This fulfilled the word Jesus had spoken, showing what kind of death he was about to die. Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.
33 So Pilate went back into the headquarters, summoned Jesus, and asked, "Are you the King of the Jews?" Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
34 Jesus answered, "Are you saying this on your own, or did others tell you about me?" Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.
35 Pilate replied, "Am I a Jew? Your own nation and chief priests handed you over to me. What have you done?" Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.
36 Jesus answered, "My kingdom isn't from this world. If it were, my servants would fight against my being handed to the Jews. But my kingdom isn't from here." Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
37 Then Pilate said to him, "So you are a king?" Jesus answered, "You say I'm a king. I was born for this, and I came into the world for this—to testify to the truth. Everyone who belongs to the truth hears my voice." Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.
38 Pilate asked, "What is truth?" Then he went out to the Jews again and said, "I find nothing wrong in him. Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.
39 But you have a custom: I release one man to you at Passover. So do you want me to release the King of the Jews to you?" Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
40 They cried out again, "Not this man, but Barabbas!" Now Barabbas was a robber. Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]