Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In the beginning was the Word, and the Word was with our Father, and the Word was God. Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
2 He was in the beginning with our Father. Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture.
3 All things were made through him, and without him not one thing was made that was made. Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
4 In him was life, and the life was the light of all people. Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture.
5 The light shines in the darkness, and the darkness has not overcome it. Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
6 There came a man sent from our Father, whose name was John. Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture.
7 He came as a witness, to bear witness about the light, so that all might believe through John's witness. Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe.
8 He was not the light, but came to bear witness about the light. Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre.
9 The true light, which gives light to everyone, was coming into the world. Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.
10 He was in the world. The world came into being through him, yet did not know him. Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
11 He came to his own, and his own people did not receive him. Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne.
12 But to all who received him, believing in his name, he gave the right to become children of our Father, Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
13 children born not of blood nor of the will of flesh nor of the will of man, but of our Father. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
14 The Word became flesh and lived among us. We saw his glory, the glory of the one and only Son from the Father, full of grace and truth. Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
15 John testified about him, crying out, "This is the one I meant: he who comes after me outranks me, since he existed before me." Yohannisis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; “Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.”
16 For from his fullness we have all received, grace upon grace. Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
17 For the law was given through Moses; grace and truth came through Jesus Christ. Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
18 No one has ever seen our Father; the one and only God, close beside the Father, has made him known. Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
19 This is John's testimony, when the Jews sent priests and Levites from Jerusalem to ask him, "Who are you?" Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yohannisitti erganii, “Ati eenyu?” jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture.
20 He confessed, and did not deny, but confessed, "I am not the Christ." Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; “Ani Kiristoos miti” jedhee dhugaa baʼe.
21 So they asked him, "What then? Are you Elijah?" "I am not," he said. "Are you the Prophet?" "No," he answered. Isaanis, “Yoos ati eenyu ree? Eeliyaas moo?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Lakki, ani isa miti” jedhee deebiseef. Isaanis, “Yoos ati Raajichaa ree?” jedhaniin. Inni immoo, “Lakki” jedheen.
22 So they asked, "Who are you? We need to give an answer to those who sent us. What do you say about yourself?" Isaanis, “Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?” jedhaniin.
23 He said, "I'm the voice of one crying out in the wilderness, 'Make straight the way of the Lord,' as the prophet Isaiah said." Yohannisis dubbii Isaayyaas raajichi dubbate sanaan deebisee, “Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’ jedhee iyyu sanaa dha” jedheen.
24 Now they had been sent from the Pharisees. Fariisonni ergaman tokko tokkos,
25 They asked him, "Why baptize, then, if you're not the Christ, nor Elijah, nor the Prophet?" akkana jedhanii isa gaafatan; “Ati erga Kiristoos yookaan Eeliyaas yookaan raajicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?”
26 John answered them, "I baptize with water, but among you stands one you do not know, Yohannis immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata.
27 even he who comes after me, whose sandal strap I am not worthy to untie." Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha.”
28 These things took place in Bethany across the Jordan, where John was baptizing. Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yohannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe.
29 The next day, seeing Jesus coming toward him, he said, "Look! The Lamb of our Father—Jesus—who takes away the sin of the world! Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
30 This is the one I meant: 'After me comes a man who ranks before me, because he was before me.' Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.
31 I didn't know him, but I came baptizing with water so he would be revealed to Israel." Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.”
32 John testified: "I saw the Holy Spirit descend from heaven like a dove and remain on him. Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge.
33 I didn't know him, but the one who sent me to baptize with water told me, 'The one you see the Holy Spirit come down and stay on—he is the one who baptizes with the Holy Spirit.' Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.
34 And I have seen and have borne witness that this is the Son of our Father." Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.”
35 The next day John was standing again with two of his disciples, Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture.
36 and looking at Jesus as he walked by, he said, "Look! The Lamb of our Father!" Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
37 The two disciples heard him say this, and they followed Jesus. Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan.
38 Jesus turned, saw them following, and asked, "What do you seek?" They said, "Rabbi" (meaning Teacher), "where do you stay?" Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, “Isin maal barbaaddu?” jedheen. Isaanis, “Rabbii, ati eessa jiraatta?” jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha.
39 He told them, "Come and you will see." So they went and saw where he was staying, and remained with him that day—about four in the afternoon. Innis, “Kottaatii ilaalaa” jedheen. Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture.
40 One of the two who heard John speak and followed Jesus was Andrew, Simon Peter's brother. Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture.
41 He first found his own brother Simon and told him, "We've found the Messiah" (meaning Christ). Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha.
42 He brought him to Jesus. Jesus looked at him and said, "You are Simon the son of John. You will be called Cephas" (meaning Peter). Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide. Yesuusis isa ilaalee, “Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta” jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha.
43 The next day, Jesus decided to leave for Galilee. He found Philip and said, "Follow me." Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, “Na duukaa buʼi” jedheen.
44 Now Philip was from Bethsaida, the city of Andrew and Peter. Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture.
45 Philip found Nathanael and told him, "We've found the one Moses wrote of in the Law and the prophets—Jesus, son of Joseph, from Nazareth." Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, “Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra” jedheen.
46 Nathanael said, "Can anything good come from Nazareth?" Philip said, "Come and see." Naatnaaʼelis, “Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?” jedhee gaafate. Fiiliphoosis, “Kottuutii ilaali” jedheen.
47 Jesus saw Nathanael approaching and said of him, "Look—a true Israelite, with no deceit in him!" Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, “Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!” jedhee waaʼee isaa dubbate.
48 Nathanael asked him, "How do you know me?" Jesus answered, "Before Philip called you, while you were under the fig tree, I saw you." Naatnaaʼelis, “Ati eessatti na beekta?” jedheen. Yesuusis, “Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge” jedhee deebiseef.
49 Nathanael answered him, "Rabbi, you are the Son of our Father! You are the King of Israel!" Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen.
50 Jesus answered him, "You believe because I told you I saw you under the fig tree? You'll see greater things than these." Yesuus immoo akkana jedheen; “Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta.”
51 He told him, "Truly, truly, I say to you, you will see heaven opened, and our Father's angels ascending and descending on the Son of Man." Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]