Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jeremiah 1 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti. 2Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe; 3akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.

Waamamuu Ermiyaas

4Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

5“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”

6Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.

7Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. 8Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.

9Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera. 10Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”

11Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.

12Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.

13Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.

14Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa. 15Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo.“Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem durateessoowwan isaanii ni dhaabbatu;isaan dallaawwan naannoo isheehundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.

16Sababii isaan na dhiisaniiwaaqota biraaf ixaana aarsuudhaanwaan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniifani saba kootti murtii nan labsa.

17“Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa. 18Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera. 19Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]