Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Adam slept with his wife Eve; she conceived and bore Cain, saying, "With our Father's help I have gained a man." Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera” jette.
2 Later she gave birth to his brother Abel. Abel kept flocks, and Cain worked the ground. Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture.
3 After some time, Cain brought our Father an offering of the ground's fruit. Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse.
4 Abel, too, brought the firstborn of his flock and their fat portions. Our Father favored Abel and his offering, Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale.
5 but not on Cain and his offering, so Cain burned with anger and his face fell. Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
6 Then our Father said to Cain, "Why are you angry? Why has your face fallen? Waaqayyos Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe?
7 If you do right, won't you be accepted? If you don't, sin crouches at your door, longing for you—but you must rule over it." Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.”
8 Cain said to his brother Abel, "Let's go to the field." There, Cain rose against his brother Abel and killed him. Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese.
9 Then our Father asked Cain, "Where's your brother Abel?" "I don't know," he said. "Am I my brother's keeper?" Waaqayyos, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise.
10 Our Father said, "What have you done? The voice of your brother's blood cries out to me from the ground. Waaqayyo akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
11 Now a curse drives you from the ground, which opened its mouth to take your brother's blood from your hand. Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
12 When you work the ground, it will no longer give you its strength; you will be a wandering fugitive on the earth." Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.”
13 Cain said to our Father, "My punishment is more than I can bear. Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol.
14 Today you drive me from this ground; I'll be hidden from your presence, a restless fugitive on earth, and whoever finds me will kill me." Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.”
15 But our Father told him, "No—whoever kills Cain will be avenged seven times over." Then our Father marked Cain, so no one who found him would kill him. Waaqayyo garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe.
16 Cain left the presence of our Father and settled in the land of Nod, east of Eden. Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
17 Cain slept with his wife; she conceived and bore Enoch. He was building a city and named it after his son Enoch. Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame.
18 Irad was born to Enoch. Irad fathered Mehujael, Mehujael fathered Methushael, Methushael fathered Lamech. Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
19 Lamech married two women, one named Adah and the other Zillah. Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe.
20 Adah bore Jabal, father of tent dwellers and livestock herders. Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.
21 His brother's name was Jubal; he was the father of all who play the harp and flute. Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti.
22 Zillah also bore Tubal-Cain, forger of all bronze and iron tools; Tubal-Cain's sister was Naamah. Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte.
23 Lamech told his wives: "Adah and Zillah, hear me; wives of Lamech, listen to what I say. I killed a man who wounded me, a young man who bruised me. Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. Nama tokko waan inni na madeesseef, dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
24 If Cain is avenged seven times, then Lamech seventy-seven times." Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.”
25 Adam slept with his wife again; she bore a son and named him Seth: "Our Father has given me another child instead of Abel, since Cain killed him." Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte.
26 Seth too had a son and named him Enosh. Then people began calling on our Father's name. Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. Bara sana namoonni maqaa Waaqayyoo waammachuu jalqaban.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]