Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 So the heavens and the earth were completed in all their vast array. Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
2 By the seventh day our Father had completed his work, and he rested on the seventh day from everything he had made. Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote.
3 And our Father blessed the seventh day, making it holy, because on it he rested from all the work of creation he had done. Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
4 This is the history of the heavens and the earth when they were created, when our Father made earth and heavens. Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Waaqayyo Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha.
5 No shrub of the field yet existed on the earth, no plant of the field had yet sprouted, for our Father had not sent rain on the earth, and there was no man to work the ground, Sababii Waaqayyo Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture.
6 but springs came up from the earth and watered the whole surface of the ground. Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture.
7 Then our Father formed the man from dust of the ground, breathed into his nostrils the breath of life, and the man became a living person. Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
8 Then our Father planted a garden in Eden, in the east, and put there the man he had formed. Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
9 From the ground our Father grew every tree lovely to see and good to eat, with the tree of life in the garden's center and the tree of knowing good and evil. Waaqayyo Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
10 A river flowed from Eden to water the garden; from there it divided into four rivers. Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe.
11 The first is named Pishon; it flows around all the land of Havilah, where gold is found. Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa.
12 The gold of that land is good; aromatic resin and onyx are also there. Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu.
13 The name of the second river is the Gihon; it winds through the entire land of Cush. Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa.
14 The third river's name is Tigris, flowing east of Assyria. The fourth river is the Euphrates. Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
15 Our Father took the man and set him in the garden of Eden to work it and guard it. Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.
16 And our Father commanded the man, "You are free to eat from any tree in the garden; Waaqayyo Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa;
17 but you must not eat from the tree of knowledge of good and evil, for you will surely die the day you eat from it." garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
18 Then our Father said, "It is not good for the man to be alone. I will make a helper matching him." Waaqayyo Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.
19 From the ground our Father formed every field animal and every sky bird, then brought each to the man to see what he'd name it. Whatever the man named each living creature, that was its name. Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef.
20 The man named all livestock, birds of the sky, and all wild animals, but for Adam no helper matching him was found. Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
21 So our Father made the man fall into a deep sleep, and while he slept, took one of his ribs and closed the flesh over it. Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche.
22 Then our Father built a woman from the rib he took from the man, and brought her to the man. Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
23 The man said, "At last! This is bone of my bones and flesh of my flesh; she will be called 'woman,' for she was taken out of man." Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
24 So a man leaves his father and mother, joins his wife, and they become one flesh. Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
25 The man and his wife were both naked, and they were not ashamed. Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]