Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In the beginning, our Heavenly Father created the heavens and the earth. Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
2 The earth was formless and empty; darkness lay over the deep's surface, and the Spirit of our Father was hovering over the waters' surface. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
3 Then our Father said, "Let there be light," and there was light. Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.
4 He saw that the light was good, and he separated the light from the darkness. Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
5 He called the light "day" and called the darkness "night." There was evening, and there was morning—the first day. Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
6 And our Father said, "Let there be an expanse between the waters to separate water from water." Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe.
7 He made the expanse and separated the water under it from the water above it. And it was so. Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe.
8 He called the expanse "sky." So there was evening, and there was morning—the second day. Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
9 Then our Father said, "Let the water under the sky be gathered to one place, and let dry ground appear." And it was so. Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe.
10 He named the dry ground "land," the gathered waters "seas." And he saw it was good. Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
11 Then he said, "Let the land grow vegetation: seed-bearing plants, fruit trees bearing fruit with seed in it, after its kind." And it was so. Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe.
12 The land produced vegetation—seed-bearing plants by kind, and trees bearing seed-bearing fruit by kind—and our Father saw that it was good. Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
13 And there was evening, and there was morning—the third day. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
14 And our Father said, "Let there be lights in the sky's expanse to separate day from night, and serve as signs to mark seasons, days, and years, Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan;
15 and let them be lights in the sky's expanse, to give light on the earth." And it was so. isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe.
16 Our Father made two great lights—the greater light to rule the day, the lesser light to rule the night. He also made the stars. Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume.
17 He set them in the expanse of the sky to give light on the earth, Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe;
18 to rule the day and the night, and to separate light from darkness. He saw it was good. kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
19 So there was evening, and there was morning—the fourth day. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
20 Then our Father said, "Let the water swarm with living creatures, and let birds fly above the earth, across the sky's expanse." Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe.
21 So he created the great sea creatures, every living creature that moves and swarms in the water by its kind, and every winged bird by its kind. And he saw it was good. Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
22 Our Father blessed them and said, "Be fruitful, multiply, fill the waters in the seas, and let birds multiply on earth." Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise.
23 And there was evening, and there was morning—the fifth day. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
24 And our Father said, "Let the land produce living creatures by kind: livestock, crawling creatures, and wild animals, each by kind." And it was so. Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe.
25 He made wild animals by their kind, livestock by their kind, and every creature crawling the ground by its kind. And he saw that it was good. Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
26 Then our Father said, "Let us make humanity in our image, in our likeness, to rule the fish of the sea, the birds of the sky, the livestock, all the earth, and every creature crawling on the ground." Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe.
27 So our Father created humanity in his own image; in the image of God he created them; male and female he created them. Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
28 Our Father blessed them and said to them, "Be fruitful, multiply, fill the earth and subdue it. Rule the fish of the sea, the birds of the sky, and every living creature that moves on the earth." Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
29 Then he said, "I give you every seed-bearing plant across the whole earth, and every tree with seed-bearing fruit—they will be your food. Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.
30 To every animal of the earth, every bird of the sky, everything crawling on the ground with breath of life, I give every green plant for food." And so it happened. Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.
31 Our Father saw all he had made, and it was very good. So there was evening, and there was morning—the sixth day. Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]