Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Exodus 31 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab

1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; 3ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; 4Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf; 5akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. 6Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.

7“Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis

8minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,

9iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,

10wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,

11Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”

Sanbata

12Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 13“Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.

14“ ‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu. 15Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. 16Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan. 17Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ”

18Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]