Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 9 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Hearing Solomon's fame, the queen of Sheba came to Jerusalem to test him with hard questions—a huge retinue, camels bearing spices, much gold, precious stones. Reaching Solomon, she told him all on her mind. Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte.
2 Solomon answered all her questions; nothing was too hard for him to explain to her. Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre.
3 When the queen of Sheba had seen the wisdom of Solomon, and the palace he had built, Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare,
4 the food on his table, his officials seated, his servants attending, their clothing, his cupbearers and theirs, and the burnt offerings at the house of our Father—it took her breath away. nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
5 She told the king, "The report I heard in my own land about your words and your wisdom was true. Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha.
6 I didn't believe the reports until I came and saw for myself. Not half the greatness of your wisdom was told me; you surpass the report I heard. Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta.
7 How happy your people! How happy these servants who stand before you always, hearing your wisdom! Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan!
8 Blessed be the LORD your God, who delighted in you and set you on his throne as king for the LORD your God! Because your God loved Israel, establishing them forever, he made you king to do justice and righteousness." Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.”
9 She gave the king about 9,000 pounds of gold, great quantities of spices, and precious stones. No spice ever matched what the queen of Sheba gave King Solomon. Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne.
10 Huram's and Solomon's servants, who brought gold from Ophir, also brought sandalwood and precious stones. Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan.
11 From the sandalwood the king made steps for our Father's house and his palace, and lyres and harps for the singers—none like them ever seen in Judah. Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne.
12 King Solomon gave the queen of Sheba all she desired, whatever she asked, more than she had brought him. Then she returned to her own land with her servants. Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
13 The weight of gold that came to Solomon in a single year was about twenty-five tons, Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture;
14 besides what traders and merchants brought; all the kings of Arabia and governors of the land brought gold and silver to Solomon. kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi kan warra qabeenya xixinnaa irraa argamuu hin dabalatu. Akkasumas mootonni Arabaa fi bulchitoonni biyyaa hundi Solomooniif warqee fi meetii ni fidan.
15 King Solomon made 200 large shields of hammered gold, each with about fifteen pounds of gold. Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe.
16 He made 300 smaller shields of hammered gold, about seven and a half pounds each. The king put them in the House of the Forest of Lebanon. Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche. Tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee saqilii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
17 The king made a large ivory throne and covered it with pure gold. Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise.
18 The throne had six steps with a gold footstool attached to it; armrests flanked the seat, with two lions standing beside them, Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; ejjenni miillaa kan warqee irraa hojjetame tokkos itti qabsiifamee ture. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture.
19 and twelve lions stood there, one at either end of each of the six steps. Nothing like it was ever made for any kingdom. Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne.
20 All King Solomon's cups were gold, and every vessel of the House of the Forest of Lebanon was pure gold. Silver counted as nothing in Solomon's days, Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne.
21 for the king's ships sailed to Tarshish with Huram's servants; every three years the Tarshish ships returned with gold, silver, ivory, apes, and peacocks. Mootichis dooniiwwan daldalaa kanneen namoonni Huuraam oofan qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
22 So King Solomon surpassed all the kings of the earth in riches and wisdom. Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
23 All the kings of the earth sought Solomon's presence to hear the wisdom our Father put in his heart. Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture.
24 Each brought his gift—silver and gold articles, garments, weapons, spices, horses, and mules—year after year. Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
25 Solomon had 4,000 horse-and-chariot stalls and 12,000 horsemen, kept in the chariot cities and with the king in Jerusalem. Solomoon gola fardeenii fi gaariiwwanii kuma afur akkasumas fardeen kuma kudha lama kanneen magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi of bira Yerusaalem keessa kaaʼate qaba ture.
26 He ruled all the kings from the Euphrates to the land of the Philistines, to Egypt's border. Innis mootota Laga Efraaxiisiitii hamma biyya Filisxeemotaattii fi hamma daarii Gibxitti jiran hunda ni bulche.
27 The king made silver in Jerusalem like stones, and cedar as plentiful as foothill sycamore-figs. Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
28 Horses were imported for Solomon from Egypt and from all the lands. Fardeen Solomoon Gibxii fi biyyoota biraa hunda irraa bitamanii dhufan.
29 Solomon's other deeds, first to last—aren't they recorded in the words of Nathan the prophet, Ahijah of Shiloh's prophecy, and the visions of Iddo the seer about Jeroboam son of Nebat? Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessatti, raajii Ahiiyaa namicha Shiiloo sanaa keessattii fi mulʼata Iddoon namichi waa himu sun waaʼee Yerobiʼaam ilma Nebaat arge keessatti barreeffamanii jiru mitii?
30 Solomon reigned in Jerusalem over all Israel forty years. Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
31 Solomon rested with his ancestors, buried in the city of David his father. His son Rehoboam reigned in his place. Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]