Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 10 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Rehoboam went to Shechem, for all Israel had come to Shechem to make him king. Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
2 When Jeroboam son of Nebat heard of it—he was in Egypt, having fled from King Solomon—Jeroboam returned from Egypt. Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
3 So they sent for him, and Jeroboam and all Israel came and said to Rehoboam, Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
4 "Your father made our yoke heavy. Now lighten your father's hard service and the heavy yoke he put on us, and we will serve you." “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
5 He said to them, "Come back to me in three days." So the people went away. Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
6 Then King Rehoboam consulted the elders who had served his father Solomon during his lifetime: "How do you advise me to answer these people?" Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
7 They replied, "If you are good to these people, please them, and speak kindly, they will always be your servants." Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
8 But he rejected the elders' advice and consulted the young men who grew up with him and served him. Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
9 He asked them, "What do you advise? How should we answer these people asking me to lighten the yoke my father put on us?" Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
10 The young men who grew up with him replied, "Tell the people who told you, 'Your father made our yoke heavy; lighten it for us'—tell them: 'My little finger is thicker than my father's waist.' Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
11 My father put a heavy yoke on you; I'll add to it. My father disciplined you with whips; I will discipline you with scorpions.'" Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ”
12 So Jeroboam and all the people came to Rehoboam on the third day, as the king had said, "Come back to me on the third day." Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
13 The king answered them harshly. King Rehoboam rejected the advice of the elders, Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee,
14 and spoke to them as the young men advised: "My father made your yoke heavy; I will make it heavier. My father disciplined you with whips; I will discipline you with scorpions." gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
15 So the king did not listen to the people, for this turn came from our Father, to fulfill the word our Father spoke through Ahijah the Shilonite to Jeroboam son of Nebat. Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
16 When all Israel saw the king would not listen to them, the people answered him: "What share do we have in David? No inheritance in Jesse's son! To your tents, Israel! Look to your own house, David!" So all Israel went home to their tents. Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
17 But Rehoboam still reigned over the Israelites who lived in the cities of Judah. Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
18 Then King Rehoboam sent Hadoram, in charge of the forced labor, but the Israelites stoned him to death. King Rehoboam himself jumped into his chariot and fled to Jerusalem. Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
19 So Israel has been in rebellion against the house of David to this day. Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]