Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 13 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In the eighteenth year of King Jeroboam, Abijah became king of Judah. Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
2 He reigned three years in Jerusalem; his mother was Micaiah, Uriel of Gibeah's daughter. Abijah and Jeroboam went to war. innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte. Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
3 Abijah joined battle with an army of 400,000 chosen warriors, mighty in war; Jeroboam lined up against him with 800,000 chosen, mighty warriors. Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate.
4 Abijah stood on Mount Zemaraim in Ephraim's hill country and said, "Hear me, Jeroboam and all Israel! Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa!
5 Don't you know our Father, the God of Israel, gave David and his sons Israel's throne forever, by a covenant of salt? Isin akka Waaqayyo Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii?
6 But Jeroboam son of Nebat—a servant of Solomon son of David—rose and rebelled against his master. Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile.
7 Worthless men gathered around him, defying Solomon's son Rehoboam, young and timid, unable to resist them. Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman.
8 Now you think you can resist our Father's kingdom in David's sons' hands, since you're a huge crowd with the golden calves Jeroboam made as your gods. “Isin amma mootummaa Waaqayyoo kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu.
9 Haven't you driven out our Father's priests, Aaron's sons and the Levites, and made your own priests like other nations? Anyone who comes with a young bull and seven rams can become a priest of things that aren't gods. Isin garuu luboota Waaqayyoo, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa.
10 But our Father is ours, and we haven't abandoned him. The priests serving him are Aaron's sons, and the Levites are at their work. “Nuuf garuu Waaqayyo Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni Waaqayyoon tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru.
11 Every morning and evening they burn to our Father burnt offerings and fragrant incense; they set rows of bread on the pure gold table and tend the gold lampstand, lit every evening. We keep our Father's charge, but you have abandoned him. Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu Waaqayyoof ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja Waaqayyo Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu.
12 Look, our Father is with us at our head, and his priests have trumpets to sound alarm against you. Israelites, do not fight our Father, the God of your ancestors, for you will not prevail." Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.”
13 Jeroboam had sent an ambush around, to come from behind them; his forces faced Judah, the ambush behind them. Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge.
14 Judah turned, saw battle facing them front and back, cried to our Father; the priests blew the trumpets. Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara Waaqayyootti ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan;
15 Judah's men shouted the war cry, and as they shouted, our Father struck Jeroboam and all Israel before Abijah and Judah. namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse.
16 The people of Israel fled before Judah, and our Father handed them over to Judah. Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne.
17 Abijah and his army struck them a heavy blow; 500,000 chosen men of Israel fell dead. Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume.
18 So Israel was humbled then, and Judah prevailed because they relied on our Father, God of their ancestors. Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan.
19 Abijah chased Jeroboam, capturing cities from him—Bethel and its villages, Jeshanah and its villages, Ephron and its villages. Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate.
20 Jeroboam never regained his strength during Abijah's lifetime, and our Father struck him down, and he died. Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. Waaqayyo isa dhaʼe; innis ni duʼe.
21 But Abijah grew strong. He married fourteen wives and had twenty-two sons and sixteen daughters. Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
22 The rest of Abijah's acts, his ways and sayings, are written in the prophet Iddo's commentary. Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]