Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 12 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When Rehoboam's reign was secure and strong, he abandoned our Father's law, and all Israel with him. Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera Waaqayyoo eeguu didan.
2 In Rehoboam's fifth year, because they were unfaithful to our Father, Shishak king of Egypt attacked Jerusalem. Sababii isaan Waaqayyoof amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
3 He came with 1,200 chariots, 60,000 horsemen, and countless troops from Egypt: Libyans, Sukkites, and Cushites. Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee,
4 He captured the fortified cities of Judah and came as far as Jerusalem. magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe.
5 Shemaiah the prophet came to Rehoboam and Judah's leaders, gathered in Jerusalem because of Shishak: "So says our Father: You abandoned me, so I abandon you to Shishak." Ergasii Shemaaʼiyaan raajichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’ ” jedhe.
6 Then the leaders of Israel and the king humbled themselves and said, "Our Father is righteous." Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, “Waaqayyo qajeelaa dha” jedhan.
7 When our Father saw they had humbled themselves, our Father's word came to Shemaiah: "They've humbled themselves; I won't destroy them, but grant them a little rescue, and my anger won't pour out on Jerusalem through Shishak. Yommuu Waaqayyo akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; “Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu.
8 But they will be Shishak's servants, to know my service and the service of earthly kingdoms." Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu.”
9 Shishak king of Egypt attacked Jerusalem and took everything—the treasures of our Father's house, the royal palace, including the gold shields Solomon made. Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale.
10 Rehoboam replaced them with bronze shields, entrusted to the guard commanders watching the entrance to the king's house. Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
11 Whenever the king entered our Father's house, the guards carried the shields, then returned them to the guard chamber. Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
12 When Rehoboam humbled himself, our Father's anger turned from him, not destroying him completely; good things remained in Judah too. Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Waaqayyoo isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.
13 King Rehoboam strengthened himself in Jerusalem and reigned; forty-one when he became king, he reigned seventeen years in Jerusalem, the city our Father chose from all the tribes of Israel to place his name there. His mother was Naamah, an Ammonite. Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
14 He did evil, because he did not set his heart to seek our Father. Inni sababii Waaqayyoon barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
15 Rehoboam's deeds, first to last, appear in the records of Shemaiah the prophet and Iddo the seer, listing genealogies. Rehoboam and Jeroboam warred continually. Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
16 Rehoboam rested with his ancestors, buried in the City of David; his son Abijah reigned instead. Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]