Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Solomon son of David strengthened his hold on his kingdom; our Father was with him, making him very great. Sababii Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule.
2 Solomon spoke to all Israel—the commanders of thousands and hundreds, the judges, and every leader in Israel, the family heads. Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate;
3 Solomon and the whole assembly went to the high place at Gibeon, where our Father's tent of meeting stood, which Moses, our Father's servant, made in the wilderness. sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi Waaqayyoo sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan.
4 But David had brought the ark of our Father up from Kiriath-jearim to the place he prepared for it, pitching a tent for it in Jerusalem. Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.
5 The bronze altar Bezalel son of Uri, son of Hur, made was there before the tabernacle of our Father; so Solomon and the assembly sought our Father there. Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu Waaqayyoo sanaa dura ture; kanaafuu Solomoonii fi yaaʼiin sun achitti Waaqa kadhatan.
6 Solomon went up to the bronze altar before our Father at the tent of meeting and offered 1,000 burnt offerings on it. Solomoonis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse.
7 That night our Father appeared to Solomon and said to him, "Ask what I should give you." Waaqnis halkan sana Solomoonitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen.
8 Solomon said to our Father, "You showed great covenant love to David my father, and made me king in his place. Solomoon immoo akkana jedhee Waaqaaf deebise; “Ati abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta.
9 Now, my Father, confirm your promise to my father David, for you made me king over a people as many as the earth's dust. Egaa yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, abdiin ati abbaa koo Daawitiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii.
10 Give me wisdom and knowledge now to lead this people, for who can govern this great people of yours?" Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
11 Our Father said to Solomon, "Because this was in your heart—you asked not for riches, wealth, or honor, nor your enemies' lives, nor long life, but for wisdom and knowledge to govern my people, over whom I made you king, Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef,
12 wisdom and knowledge are given you. I will also give you riches, wealth, and honor no king before you had, and none after you will." ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.”
13 So Solomon went from Gibeon's high place, from before the tent of meeting, to Jerusalem, and reigned over Israel. Solomoon ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe.
14 Solomon gathered chariots and horsemen; he had 1,400 chariots and 12,000 horsemen, which he stationed in the chariot cities and with the king in Jerusalem. Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
15 In Jerusalem the king made silver and gold like stones, and cedar as plentiful as foothill sycamore-figs. Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
16 Solomon's horses came from Egypt and Kue; the king's traders bought them from Kue at market price. Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
17 They imported a chariot from Egypt for about fifteen pounds of silver, a horse for about four; through them they exported these to all the kings of the Hittites and Aram. Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]