Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 Chronicles 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 David's sons born to him in Hebron: the firstborn Amnon, by Ahinoam of Jezreel; the second Daniel, by Abigail of Carmel; Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
2 third, Absalom son of Maacah, daughter of Talmai king of Geshur; fourth, Adonijah son of Haggith; sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
3 the fifth, Shephatiah, by Abital; the sixth, Ithream, by his wife Eglah. shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.
4 Six were born to him in Hebron, where he reigned seven years and six months; in Jerusalem he reigned thirty-three years. Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche;
5 Born to him in Jerusalem: Shimea, Shobab, Nathan, and Solomon—four by Bath-shua, daughter of Ammiel; ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.
6 also Ibhar, Elishama, Eliphelet, Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
7 Nogah, Nepheg, Japhia, Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
8 Elishama, Eliada, and Eliphelet—nine in all. Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.
9 These were all David's sons, besides the sons of his concubines; Tamar was their sister. Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.
10 Solomon's son was Rehoboam; Abijah his son, Asa his son, Jehoshaphat his son, Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; ilmi Abiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
11 Joram his son, Ahaziah his son, Joash his son, ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; ilmi Yooraam Ahaaziyaa; ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
12 Amaziah his son, Azariah his son, Jotham his son, ilmi Yooʼaash Amasiyaa; ilmi Amasiyaa Azaariyaa; ilmi Azaariyaa Yootaam;
13 Ahaz his son, Hezekiah his son, Manasseh his son, ilmi Yootaam Aahaaz; ilmi Aahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
14 Amon his son, Josiah his son. ilmi Minaasee Aamoon; ilmi isaa immoo Yosiyaas.
15 The sons of Josiah: the firstborn, Johanan; the second, Jehoiakim; the third, Zedekiah; the fourth, Shallum. Ilmaan Yosiyaas: Inni hangafni Yoohaanaan, lammaffaan Yehooyaaqiim, sadaffaan Zedeqiyaa, afuraffaan immoo Shaluum.
16 The sons of Jehoiakim: Jeconiah his son, Zedekiah his son. Ilmaan Yehooyaaqiim: Ilma isaa Yehooyaakiinii fi ilma isaa Zedeqiyaa.
17 The sons of Jeconiah, the captive: Shealtiel his son, Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel,
18 Malchiram, Pedaiah, Shenazzar, Jekamiah, Hoshama, and Nedabiah. Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.
19 Pedaiah's sons: Zerubbabel and Shimei. Zerubbabel's sons: Meshullam and Hananiah, and their sister Shelomith, Ilmaan Phedaayaa: Zarubaabelii fi Shimeʼii. Ilmaan Zarubaabel: Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti.
20 and Hashubah, Ohel, Berechiah, Hasadiah, and Jushab-hesed—five. Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.
21 Sons of Hananiah: Pelatiah and Jeshaiah; sons of Rephaiah, sons of Arnan, sons of Obadiah, sons of Shecaniah. Ilmaan Hanaaniyaa: Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.
22 Sons of Shecaniah: Shemaiah. Sons of Shemaiah: Hattush, Igal, Bariah, Neariah, and Shaphat—six. Ilmaan Shekaaniyaa: Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.
23 The sons of Neariah: Elioenai, Hizkiah, and Azrikam—three. Ilmaan Naʼaariyaa: Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.
24 The sons of Elioenai: Hodaviah, Eliashib, Pelaiah, Akkub, Johanan, Delaiah, and Anani—seven. Ilmaan Eliiyooʼeenayi: Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]