Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Romans 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 So you have no excuse, whoever you are, when you judge another—in judging them you condemn yourself, since you do the same things. Ati, nama dhibi'itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi'itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta.
2 Now we know that our Father's judgment rightly falls on those who do such things. Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te'e nuuti hin beenna.
3 Do you think, whoever judges others for such things while doing them yourself, that you'll escape our Father's judgment? Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?
4 Or do you despise the riches of his kindness and restraint and patience, not realizing that our Father's kindness is meant to lead you to repentance? Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande'uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si'iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi'iisaa si geessiisaaf akka te'e hin beettuu?
5 But because of your hard, unrepentant heart, you are storing up wrath for yourself, for the day of wrath when our Father's righteous judgment will be revealed. Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.
6 He will repay each person according to what they have done. Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna.
7 To those who through persistent good work seek glory, honor, and immortality, he will give eternal life. Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna.
8 But those who are self-seeking, reject the truth, and follow wickedness face wrath and rage. Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te'e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi'ii fi muraa ifii isaanitti hin fida.
9 Trouble and distress for everyone who does evil—the Jew first, then the Greek, Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te'in irralle'etti hin dhufa.
10 but glory, honor, and peace for all who do good—Jew first, then Greek too. Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te'iniifille hin kenna.
11 For our Father shows no favoritism. Waaqi nama wol hin caalchisu.
12 Sinners without the law also perish without it; sinners under the law will be judged by it. Worri adoo Seera Muuse'ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti.
13 For not those who hear the law are righteous before our Father, but those who obey it will be justified. Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti.
14 Indeed, when Gentiles, who do not have the law, do by nature what the law requires, the law is at work within them, even though they do not have the law. Worri Yihudoota hin te'in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti.
15 They show the law's work written on their hearts, their conscience bearing witness, and their conflicting thoughts accusing or defending them. Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa.
16 This happens on the day our Father judges everyone's secrets through Jesus Christ—so my gospel says. Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa'a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
17 But if you call yourself a Jew, rely on the law, and boast in our Father, Kunoo ati, «Ani Yihudi'i» ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te'iisa keetille'een ifi jajja.
18 if you know our Father's will and approve what is excellent because you are instructed by the law, Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te'uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta.
19 if you're convinced you are a guide for the blind, a light for those in darkness, Worra balla'aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta;
20 a corrector of the foolish, teacher of the immature, holding in the law the shape of knowledge and truth. Seera keessatti beekkumsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta.
21 You teach others—do you not teach yourself? You preach against stealing—do you steal? Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? «Hin hatina'a!» jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta;
22 You who tell others not to commit adultery—do you commit it? You who detest idols—do you rob temples? «Hin gaarayyeeffatina'a!» jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqonfatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta.
23 You who boast in the law, do you dishonor our Father by breaking the law? Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda.
24 As it is written: "Our Father's name is blasphemed among the nations because of you." Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Sababa keessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te'in oddu'utti faanshoweera» jedhu.
25 Circumcision helps if you keep the law; break it, and your circumcision becomes being uncircumcised. Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta.
26 So if the uncircumcised keep the law's requirements, won't their uncircumcision be counted as circumcision? Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree?
27 The physically uncircumcised who keep the law will judge you who, with the letter and circumcision, break the law. Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran.
28 For being a Jew isn't merely about the outside, nor circumcision merely about the body. Nami maqaa calla'aan nama Yihudi'ii te'e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti.
29 Rather, one is a Jew inwardly, circumcision being of the heart, by the Spirit, not the written code; that one's praise is not from people but from our Father. Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'ii ti malee, haqanqabaa nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraanii moti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]