Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 28 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The wicked flee when no one pursues, but the righteous are as bold as a lion. Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata; nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata.
2 When a land rebels, it has many rulers, but with a man of understanding and knowledge, it stays stable. Kolbaan yennaa finqila kaatu, bulchitooti isi'ii hin heddatti; nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoo mootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti.
3 A poor man who oppresses the helpless is like a driving rain that leaves no food. Bulchaan hiyyeessa cunqursu akka bokkeya midhaan balleessuu ti.
4 Those who forsake the law praise the wicked, but those who keep the law strive against them. Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa; worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma.
5 Evil people do not understand justice, but those who seek our Father understand it fully. Nami hamaan haqa hin beeku; worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo guutumaa guutu'utti haqa beekan.
6 Better is a poor man who walks with integrity than a rich man crooked in his ways. Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa, hiyyeessa komii hin qanne woyya.
7 Whoever keeps the law is a son with understanding, but a companion of gluttons shames his father. Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a; ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo abbaa ifii salphisa.
8 Whoever multiplies his wealth by interest and unjust gain gathers it for one who is generous to the poor. Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu, nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa.
9 If anyone refuses to listen to the law, even his prayer is detestable. Nama seeraaf hin ajajanne, daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa.
10 Whoever leads the upright astray down an evil path will fall into his own pit, but the blameless will inherit good things. Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu, boolla ifumaa qote keessa hin bu'a; nami komii hin qanne ammoo waan dansaa hin dhaala.
11 A rich man is wise in his own eyes, but a poor man with understanding sees right through him. Nami dureessi qaroo ifi seya; hiyyeessi hubantii qabu ammoo qorqoree keessa isaa hin beeka.
12 When the righteous triumph, there is great glory, but when the wicked rise, people go into hiding. Nami balchaan yennaa injifatu, martinuu hin gammadan; nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoo namooti hin dhokatan.
13 Whoever conceals his sins will not prosper, but whoever confesses and turns from them will find mercy. Nami cubbuu ifii dhoffatu, hin milkowu; nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo marartii hin dhaggata.
14 Blessed is the one who always remains reverent, but whoever hardens his heart will fall into calamity. Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu ka gammade; nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.
15 Like a roaring lion or a charging bear is a wicked ruler over a helpless people. Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irratti akka neenqa dhangaa dhowuu yookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti.
16 A ruler who lacks understanding is a cruel oppressor, but whoever hates unjust gain will prolong his days. Bulchaan hubantii hin qanne akka malee nama cunqursa. Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoo bara dheeraa hin le'a.
17 A man weighed down by the guilt of bloodshed will be a fugitive until death; let no one support him. Nami nama ijjeese, haga du'utti baqataa hin le'a; nami tokkolle isa hin qarqaarin.
18 Whoever walks in integrity will be kept safe, but whoever is crooked in his ways will suddenly fall. Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u; nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga.
19 Whoever works his land will have plenty of bread, but whoever chases empty pursuits will have plenty of poverty. Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata; nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega.
20 A faithful man will abound with blessings, but whoever rushes to get rich will not go unpunished. Nami addatamaan guddoo hin eebbifama; nami durumma'aaf ariifatu ammoo adoo hin adabamin hin hafu.
21 Showing partiality is not good, yet for a piece of bread a man will do wrong. Nama wol caalchisuun dansa'aa moti; garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedhee dokonkora huja.
22 A stingy man rushes after wealth and does not know that poverty will overtake him. Nami donni duroomiisaaf ariifata; hiyyuun akka isa eegattu hin beeku.
23 Whoever rebukes a man will in the end find more favor than one who flatters with his tongue. Nama afaaniin nama kookkisu caalaa, ka balleessaa namatti himee nama xixutti dhuma irratti saadama.
24 Whoever robs his father or mother and says, "It is no sin," is a companion to one who destroys. Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee, «Kun dokonkoraa moti» jedhu, inni jaala nama woy balleessuu ti.
25 A greedy man stirs up strife, but whoever trusts in our Father will be enriched. Nami joljolaan lola kakkaasa; nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo hin milkowa.
26 Whoever trusts in his own heart is a fool, but whoever walks in wisdom will be kept safe. Nami ifitti addatu gowwa'a; nami qarumma'aan deddeebi'u ammoo waan hantuu irra hin bu'u.
27 Whoever gives to the poor will lack nothing, but whoever closes his eyes to them will receive many curses. Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu; nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammoo abaarsa hedduu fudhata.
28 When the wicked rise, people go into hiding, but when they perish, the righteous flourish. Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu, kolbaan hin dhokatti; yennaa isaan badanu ammoo balchooti hin bacatti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]