Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Obadiah 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The vision of Obadiah. This is what the Sovereign Father says about Edom: We have heard a message from our Father, and an envoy sent among the nations—"Rise up! Let us rise against her for battle!" Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti: Ergamaan tokko gara gosa biyya adda addaa ergamee, «Ka'aa! Dhandhee, biyya Edoomii lollaa!» jedhuun ergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra.
2 Look, I will make you small among the nations; you will be utterly despised. Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin, «Kunoo, gosa biyya adda addaa keessatti akka ati dadhaddu, ijjumaa akka tuffatantu hin godha.
3 The pride of your heart has deceived you, you who live in the clefts of the rock, whose home is the heights, who say to yourself, "Who can bring me down to the ground?" Ati ka mana keeti addee ol jette gaara irratti ka ijaarratte, ka holla dhaka'aa keessa leetu, ‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu, koora keetittuu si sobe.
4 Though you soar like the eagle, though you set your nest among the stars, from there I will bring you down, declares our Father. Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle, mandhee teeti urjoota oddu'utti, yoo ijaarrattelle, ani achii gad si buusa
5 If thieves came to you, if plunderers came by night—how you have been destroyed!—wouldn't they steal only what they wanted? If grape-pickers came to you, wouldn't they leave some grapes behind? Hattuun Yookiin saantuun halkaniin mana keeti yoo dhufane, haguma barbaadane qofa fudhatan. Worri midhaan woyni'ii guuratulle, woxoo hin lakkisa. Diinni keeti ammoo ijjuma si hin balleessa.
6 How Esau has been ransacked, his hidden treasures plundered! Isin sanyiin Esaawuu manni keessan soffameera. Karri teessan duudiille saamanteerti.
7 All your allies have driven you to the border; those who were at peace with you have deceived you and overpowered you; those who shared your table have set a trap beneath you—and you don't even see it. Goliin teeti si sobanee, biyya teeti keessa si ari'ane. Jaaloti teeti worri addatamane dhossa'aan tiyyoo si duratti afanee, ‹Qarummaan isaa meet› jedhane.
8 Will I not on that day, declares our Father, destroy the wise men of Edom and wipe out understanding from the mountain of Esau? Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa: Ani qaroolle Edoom keessaa, worra hubantii qabu gaara Esaawuu irraa hin balleessu.
9 Your warriors will be shattered, Teman, so that everyone on the mountain of Esau will be cut down in the slaughter. Ee qachaa Temaanii! Loltooti teeti hin bararaqan; worri gaara Esaawuu irra jiranu martinuu hin ijjeefaman.
10 Because of the violence you did to your brother Jacob, shame will cover you, and you will be cut off forever. «Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobii hunnaan waan ijjeetteef, hin qaanotta; haga bara baraalle hin badda.
11 On the day you stood by and did nothing, on the day strangers carried off his wealth and foreigners entered his gates and cast lots for Jerusalem—you too were like one of them. Guyyaa alagaan karra saame, worri ormaa dalleya cassee seenee Yerusaalem irratti hixaa buufate, atille akkuma worra sanii itti teetee, irraa fagaattee dhaabbatte.
12 But do not gloat over your brother in the day of his misfortune; do not rejoice over the people of Judah in the day of their ruin; do not boast loudly in the day of distress. Guyyaa obboleessi keeti rakkatu isatti qacifatuun, guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun, guyyaa gadda isaanii geeraruun si'iif hin malle.
13 Do not enter the gate of my people in the day of their calamity; you of all people, do not gloat over his disaster in the day of his calamity; do not loot his wealth in the day of his calamity. Guyyaa badii kolbaa tiyyaa qachaa isaanii seenuun, guyyaa badii isaanii itti qacifatuun, karra isaaniille saamuun si'iif hin malle.
14 Do not stand at the crossroads to cut down his fugitives; do not hand over his survivors in the day of distress. Guyyaa gadda isaanii qaxxaamura kara'aa irra dhaabbattee worra baqatanee bayanu qaddee dabarsitee diinotatti kennuun, si'iif hin malle.
15 For the day of our Father is near for all the nations. As you have done, it will be done to you; your deeds will come back on your own head. «Guyyaan ani Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera; Edoom, akkuma ati nama irratti goote si'i irralle'etti hin godhama; hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti.
16 For as you drank on my holy mountain, so all the nations will drink continually; they will drink and swallow and become as though they had never been. Akkuma kolbaan tiyya gaara kiyya woyyicha irratti muduunuu rakko'oo unte, gosi biyya adda addaa marti adoo wol irraa hin kutin hin unti; irra caalaalle hin unti; akka hin jirrelle hin teeti.
17 But on Mount Zion there will be deliverance, and it will be holy, and the house of Jacob will possess their inheritance. Worri gariin ammoo gaara Xiyoonii irratti hin hafan, gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a; sanyiin Yaaqoobii ammoo worra lafa isaanii isaan irraa fudhate irraa deebifatanee hin fudhatan.
18 The house of Jacob will be a fire and the house of Joseph a flame, and the house of Esau will be stubble; they will burn it and consume it, and there will be no survivor of the house of Esau, for our Father has spoken. Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa, sanyiin Yoseefiille akka bobe'aa te'anee, sanyii Esaawuu ta akka huuraa gubanee hin fixan; sanyii Esaawuu keessaa ka hafu tokkolle hin jiru.
19 Those of the Negev will possess the mountain of Esau, and those of the foothills the land of the Philistines; they will possess the land of Ephraim and the land of Samaria, and Benjamin will possess Gilead. Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranu gaara Esaawuu, worri gaara jala jiranu ammoo biyya Filisxeemotaa hin qabatan; isaan Samaariya'aa fi lafa sanyii Efreemii hin qabatan; sanyiin Beniyaaminii ammoo Giil'aad hin qabatan.
20 The exiles of this army of the people of Israel will possess the land of the Canaanites as far as Zarephath, and the exiles of Jerusalem who are in Sepharad will possess the cities of the Negev. Loltooti Israa'elii worri booji'amee Kana'aan keessa jiru haga Zaarefa'aatitti hin qabatan; worri Yerusaalemii booji'amee Safaaraad jiru qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu hin qabatan.
21 Deliverers will go up to Mount Zion to rule the mountain of Esau, and the kingdom will belong to our Father. Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irratti ol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan; yennaa san mootummaan ta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]