Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Genesis 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The serpent was shrewder than any field animal our Father had made. He asked the woman, "Did God really say, 'You must not eat from any tree in the garden'?" Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
2 The woman said to the serpent, "We may eat the fruit from the trees in the garden, Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna;
3 but God said, 'Don't eat the tree's fruit in the garden's middle, or touch it, or you'll die.'" ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette.
4 But the serpent said to the woman, "You will certainly not die. Bofi deebisee, «Hin duutanu.
5 God knows that when you eat from it, your eyes will open and you'll be like God, knowing good and evil." Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen.
6 The woman saw the tree was good for food, delightful to the eyes, and desirable for wisdom. She took its fruit, ate, gave some to her husband with her, and he ate. Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.
7 Then the eyes of both of them were opened, and they knew they were naked; they sewed fig leaves together and made themselves coverings. Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.
8 They heard the sound of our Father walking in the garden in the cool of the day, and the man and his wife hid from his presence among the garden's trees. Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane.
9 But our Father called to the man and said to him, "Where are you?" Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen.
10 The man said, "I heard you in the garden and was afraid, for I was naked, so I hid." Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen.
11 Our Father said, "Who told you you're naked? Did you eat from the tree I forbade you to eat from?" Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
12 The man said, "The woman you put with me gave me fruit from the tree, and I ate." Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe.
13 Then our Father asked the woman, "What have you done?" She said, "The serpent deceived me, and I ate." Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe. Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette.
14 So our Father said to the serpent, "Because you have done this, cursed are you above all livestock and above all wild animals; on your belly you will go, and dust you will eat all the days of your life. Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan, «Kana waan gooteef, ati horii maraa fi bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta. Gadhaa keetiin lafa irra hin loota; bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta.
15 And I will put enmity between you and the woman, and between your offspring and her offspring; he will crush your head, and you will strike his heel." Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti diinummaa hin buusa. Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
16 To the woman he said, "I will greatly increase your pain in childbirth; in pain you will give birth to children. Your desire will be for your husband, and he will rule over you." Namittiille'een, «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
17 And to Adam he said, "Because you listened to your wife and ate from the tree that I commanded you, saying, 'You must not eat from it,' cursed is the ground because of you; through painful toil you will eat from it all the days of your life. Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
18 It will produce thorns and thistles for you, and you will eat the plants of the field. Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi; atille biqiltuu badda'aa nyaatta.
19 By the sweat of your brow you will eat your bread until you return to the ground, since from it you were taken; for dust you are, and to dust you will return." Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. Biyyee irraa waan dadanteef, gara isi'ii haga deebitutti, danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
20 The man named his wife Eve, because she would become the mother of all the living. Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan» jedhee baase;
21 Our Father made garments of skin for Adam and his wife, and he clothed them. Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise.
22 Then our Father said, "Look, the man has become like one of us, knowing good and evil. Now, so he doesn't reach out, take from the tree of life too, eat, and live forever…" Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe.
23 So our Father sent him out of the garden of Eden to work the ground he was taken from. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe.
24 He drove out the man and placed cherubim and a whirling, flaming sword east of Eden's garden, guarding the way to the tree of life. Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]