Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Genesis 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In the beginning, our Heavenly Father created the heavens and the earth. Waaqi jalqaba ol-gubba'aa fi lafa dade.
2 The earth was formless and empty; darkness lay over the deep's surface, and the Spirit of our Father was hovering over the waters' surface. Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Dukkanti qilee abbaaya'aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho'aa ture.
3 Then our Father said, "Let there be light," and there was light. Achiin duuba Waaqi, «Ifi te'uu ti» jedhe. Ifille te'e.
4 He saw that the light was good, and he separated the light from the darkness. Waaqi ifi dansaa akka te'e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase.
5 He called the light "day" and called the darkness "night." There was evening, and there was morning—the first day. Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti.
6 And our Father said, "Let there be an expanse between the waters to separate water from water." Waaqi, «Bisaan gad hafee fi bisaan ol hafe akka gargar baasu, gubbaan gombobbittiin teetuu ti» jedhe.
7 He made the expanse and separated the water under it from the water above it. And it was so. Maarre Waaqi gubbaa gombobbittii godhee, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan gad jiru, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan ol jiruun gargar baase. Akkasuma teete.
8 He called the expanse "sky." So there was evening, and there was morning—the second day. Waaqi gubbaa gombobbittii «Gubbaa» jedhee maqaa baase. Dhiite, bariitelle'e. Kun guyyaa lammeesso'oo ti.
9 Then our Father said, "Let the water under the sky be gathered to one place, and let dry ground appear." And it was so. Waaqi, «Latti godduun akka mudhattuuf, bisaan gubba'aan jala jiru wolitti dacha'uu ti» jedhe. Akkasuma teete.
10 He named the dry ground "land," the gathered waters "seas." And he saw it was good. Waaqi, lafa goddu'uun, «Lafa», bisaan wolitti dacha'een, «Abbaayaa» jedhee maqaa baase. Tunille dansaa akka teete dhagge.
11 Then he said, "Let the land grow vegetation: seed-bearing plants, fruit trees bearing fruit with seed in it, after its kind." And it was so. Achiin duuba Waaqi, «Latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu, baachuu ti» jedhe. Akkasuma teete.
12 The land produced vegetation—seed-bearing plants by kind, and trees bearing seed-bearing fruit by kind—and our Father saw that it was good. Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge.
13 And there was evening, and there was morning—the third day. Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa sadeesso'oo ti.
14 And our Father said, "Let there be lights in the sky's expanse to separate day from night, and serve as signs to mark seasons, days, and years, Akkasuma Waaqi, «Guyya'aa fi halkan gargar baasiisaaf gubbaa irratti ifooti jiraatanuu ti! Isaan beessisa yenna'aa, beessisa bonaa-gannaatii fi wogga'aa,
15 and let them be lights in the sky's expanse, to give light on the earth." And it was so. ifoota gubba'aa te'anee lafa irratti ka ifa kennanu te'anuu ti» jedhe. Tunille akkasuma teete.
16 Our Father made two great lights—the greater light to rule the day, the lesser light to rule the night. He also made the stars. Waaqi ifa gugurdaa lama godhe; ifi guddichi guyyaa, ifi diqqayyichi halkan akka ifu godhe. Urjootalle dade.
17 He set them in the expanse of the sky to give light on the earth, Waaqi akka lafa irratti issanuuf gubbaa irra isaan keye.
18 to rule the day and the night, and to separate light from darkness. He saw it was good. Guyya'aa fi halkan irratti baallii akka isaan qabatanuuf, ifa dukkana irraa gargar akka baasanuuf inni achi isaan keye. Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge.
19 So there was evening, and there was morning—the fourth day. Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa arfeesso'oo ti.
20 Then our Father said, "Let the water swarm with living creatures, and let birds fly above the earth, across the sky's expanse." Achiin duuba Waaqi, «Bisaan lubbuu qabeeyyii adda addaatiin ka guutame te'uu ti; sinbirrootille lafaan gubbaa irra kaatuu ti» jedhe.
21 So he created the great sea creatures, every living creature that moves and swarms in the water by its kind, and every winged bird by its kind. And he saw it was good. Maarre Waaqi bineensa gugurdaa abbaayaa keessaa, lubbuu qabeeyyii bisaan keessa le'anu mara, sinbirroota gosa adda addaa mara dade. Waaqi Tunille dansaa akka teete dhagge.
22 Our Father blessed them and said, "Be fruitful, multiply, fill the waters in the seas, and let birds multiply on earth." Waaqi, «Hora'aa heddadha'a; bisaan abbaaya'aa guuta'a; sinbirrootille lafa irra guuttuu ti» jedhee isaan eebbise.
23 And there was evening, and there was morning—the fifth day. Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa shaneesso'oo ti.
24 And our Father said, "Let the land produce living creatures by kind: livestock, crawling creatures, and wild animals, each by kind." And it was so. Achiin duuba Waaqi, «Latti, dada lubbuu qabanu, gosa adda addaa mara: horii, bineensota lafarra lowanu, bineensa gudda'aa fi diqqaa mara baattuu ti» jedhe.
25 He made wild animals by their kind, livestock by their kind, and every creature crawling the ground by its kind. And he saw that it was good. Waaqi bineensota lafaa akka gosa isaaniititti, horii akka gosa isaaniititti, bineensota lafa irra lowanu mara akka gosa isaaniititti dade. Inni tunille dansaa akka teete dhagge. Tunille akkasuma teete.
26 Then our Father said, "Let us make humanity in our image, in our likeness, to rule the fish of the sea, the birds of the sky, the livestock, all the earth, and every creature crawling on the ground." Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe.
27 So our Father created humanity in his own image; in the image of God he created them; male and female he created them. Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
28 Our Father blessed them and said to them, "Be fruitful, multiply, fill the earth and subdue it. Rule the fish of the sea, the birds of the sky, and every living creature that moves on the earth." Waaqi, «Hora'a, heddadha'a, lafa guuta'a, harkatti isii galfadha'a! Qurxummii abbaaya'aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
29 Then he said, "I give you every seed-bearing plant across the whole earth, and every tree with seed-bearing fruit—they will be your food. Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera.
30 To every animal of the earth, every bird of the sky, everything crawling on the ground with breath of life, I give every green plant for food." And so it happened. Akkasuma bineensa maraa fi sinbirroota qilleensaa maraaf, akka sagalee isaaniif te'u marraa fi biqiltuu baalaa isaaniif kenneera» jedhe; tunille akkasuma teete.
31 Our Father saw all he had made, and it was very good. So there was evening, and there was morning—the sixth day. Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa jayeesso'oo ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]