Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 36 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The people of the land took Josiah's son Jehoahaz and made him king in Jerusalem in place of his father. Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane.
2 Jehoahaz was twenty-three years old when he became king, and he reigned three months in Jerusalem. Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche.
3 Egypt's king deposed him at Jerusalem and fined the land about 7,500 pounds of silver and 75 pounds of gold. Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure.
4 Egypt's king made his brother Eliakim king over Judah and Jerusalem, renaming him Jehoiakim; Neco took his brother Jehoahaz to Egypt. Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse.
5 Jehoiakim was twenty-five when he became king; he reigned eleven years in Jerusalem, doing evil in our Father's eyes. Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje.
6 Nebuchadnezzar king of Babylon marched against him, bound him in bronze chains to take him to Babylon. Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe.
7 Nebuchadnezzar also took some of our Father's house articles to Babylon, putting them in his temple in Babylon. Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate.
8 The rest of Jehoiakim's acts, his detestable things, and the charges against him are written in the Book of Kings of Israel and Judah; his son Jehoiachin reigned in his place. Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e.
9 Jehoiachin was eight when he became king; he reigned three months and ten days in Jerusalem, doing evil in our Father's eyes. Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
10 In spring, King Nebuchadnezzar brought him to Babylon with the precious articles from our Father's house, making Zedekiah, Jehoiachin's relative, king over Judah and Jerusalem. Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
11 Zedekiah was twenty-one years old when he became king, and he reigned eleven years in Jerusalem. Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche.
12 He did evil in our Father's eyes, not humbling himself before Jeremiah the prophet, who spoke from our Father's mouth. Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne.
13 He also rebelled against King Nebuchadnezzar, who made him swear by our Father, stiffening his neck and hardening his heart, refusing to return to our Father, God of Israel. Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine.
14 All the leading priests and the people grew more and more unfaithful, matching all the nations' detestable practices, and made unclean the house our Father had made holy in Jerusalem. Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane.
15 Our Father, the God of their fathers, sent word repeatedly through his messengers, pitying his people and his dwelling place. Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii ta durii, kolbaa ifiitiif, Galma ifiitiifille marartii waan qabuuf, yennaa bacaa raagota ifii gara isaanii ergee, isaan ifi eeggachiiseeraayyu.
16 But they mocked our Father's messengers, despised his words, mocked his prophets, until our Father's anger rose against his people, past remedy. Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane.
17 So he brought Chaldea's king against them, who killed their young men with the sword in their sanctuary, sparing no young man, virgin, elder, or aged. Our Father gave them all into his hand. Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne.
18 All the articles of our Father's house, great and small, the treasures of our Father's house and of the king and his officials—all he brought to Babylon. Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa gugurda'aa fi didiqqaa mara, qabeenna Galma Waaqaa, qabeenna mana mootumma'aatii fi qondaaltota mootichaa mara fudhatee gara Baabilonii geesse.
19 They burned the house of our Father, tore down Jerusalem's wall, burned all its palaces, destroyed everything valuable in it. Isaan Galma Waaqaa ibiddaan gubanee, dalleya qachaa Yerusaalemiille diiganee, mana mootumma'aa isaa mara ibiddaan gubanee, meya gatii guddo'oo ka isaa mara balleessane.
20 He exiled the sword's survivors to Babylon; they served him and his sons until Persia's kingdom began to reign, Inni worra shallaagaa jalaa miliqee hafe booji'ee gara Baabilonii geessee, isaan haga mootummaan worra Faaresii dhaabantetti, tajaajiltoota mootichaatii fi ilmaan isaa te'ane.
21 to fulfill our Father's word through Jeremiah: until the land enjoyed its sabbaths, all its desolate days it rested, fulfilling seventy years. Akkasiin jechi Mootii Waan Maraa ka karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatame muummowee, woggaa torbaatama haga isaan biyya itti booji'amane keessa le'anu kana mara latti ontee, foora Sanbataa ka woggaa torbaa ka dur dhadde dhaggatte.
22 In Cyrus king of Persia's first year, to fulfill our Father's word through Jeremiah, our Father stirred Cyrus king of Persia's spirit to proclaim throughout all his kingdom, and to put it in writing: Jechi Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummowu, mootiin Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yaadaa isaa kakkaase; tanaaf inni mootummaa ifii mara keessa lassii lassiisee, barreeffamaan baasee,
23 Cyrus king of Persia says: "The LORD, God of heaven, gave me all earth's kingdoms and charged me to build him a house in Jerusalem, in Judah. Any of his people among you—may the LORD his God be with him—let him go up." mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]