Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 35 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Josiah kept Passover to our Father in Jerusalem; they slaughtered the Passover lamb on the fourteenth day of the first month. Yosiyaas Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraatiif Jila Irra Dabaramaa jilise. Ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti hoolichi Jila Irra Dabaramaa qalame.
2 He assigned priests their duties and encouraged them in service of our Father's house. Inni Galma Mootii Waan Maraa keessa akka tajaajilanuuf hayyoota jajjabeessee, hujii hujii isaaniititti isaan ramade.
3 He told the Levites who taught all Israel and were holy to our Father: "Put the holy ark in the house Solomon son of David, king of Israel, built. You need no longer carry it on your shoulders. Now serve your Father and his people Israel. Lewwoota worra Israa'eloota mara barsiisanuu fi worra Mootii Waan Maraatiif woyyoomeen, «Saanduqa Gondooro'oo woyyittii ta Mootii Waan Maraa, Galma Mootii Waan Maraa ka ilmi Daawitii, mootiin Israa'elii Solomoon ijaare keessa keya'a malee, gurmuu teessan irratti hin ba'atina'a! Ammalle Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi kolbaa isaa Israa'el tajaajila'a!
4 Prepare yourselves by your fathers' houses, by your divisions, by David king of Israel's written instructions, and his son Solomon's instructions. Akkuma seera mootiin Israa'elii Daawitii fi ilmi isaa Solomoon barreessiisaan seera isinii dhaabanetti, akka maatii maatii abbootii teessaniititti kutaa kuta'aan tajaajilaaf qophowa'a.
5 Stand in the holy place by family groups of your lay brothers, one Levite division per group. Akka maatii maatii abbootii kolba'aa, obboleeyyan teessan worra kaaniititti, akka kutaa kutaa maatii abbootii Lewwootaatitti, addee woyyittii dhaabbadha'a.
6 Slaughter the Passover lamb, dedicate yourselves, and prepare for your brothers, following the word of our Father through Moses." Ifi woyyoonsa'aatii hoolee Jila Irra Dabaramaa qala'a; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje, hoolee qalame san fira keessan kolbaa Israa'eliitiif qopheessa'a» jedhe.
7 Josiah gave the lay people 30,000 lambs and young goats, 3,000 bulls, for Passover offerings—for everyone present, from his own possessions. Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi Jila Irra Dabaramaatiif, loon ifii irraa, tika hoole'ee fi re'ee ifii irraa buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi supheelee re'e'ee kuma soddoma, dardaroota kuma sad kolbaa achitti wolitti qabante san maraaf kenne.
8 His officials also gave willingly to the people, priests, and Levites. Hilkiah, Zechariah, and Jehiel, chief officers of our Father's house, gave the priests 2,600 Passover offerings and 300 bulls. Sooressitooti isaalle fedha ifiitiin kolba'aaf, hayyootaa fi Lewwootaaf kennane. Sooreyyiin Galma Waaqaa Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el kennansa Jila Irra Dabaramaatiif dhikaatu hoole'ee fi re'ee'e kuma lamaa fi dhibba jaa, loon dhibba sad kennane.
9 Conaniah, with his brothers Shemaiah and Nethanel, and Hashabiah, Jeiel, and Jozabad, Levite leaders, gave the Levites 5,000 Passover offerings and 500 bulls. Qondaaltoti Lewwootaa Konaaniya'aa fi obboleeyyan isaa Shemaa'iyaa fi Nataani'el, akkasuma Hashabiiyaan, Yeyi'elii fi Yozaabaad kennansa Jila Irra Dabaramaatiif hoole'ee fi re'ee'e kuma shan, loon dhibba shan Lewwootaaf kennane.
10 The service was set; priests stood at their posts, Levites by their divisions, as the king commanded. Hujiin marti yennaa qophootte akkuma mootichi ajajetti hayyooti addee ifiititti, Lewwootille addee addee ifii qabatanee tajaajilaaf dhaabbatane.
11 They slaughtered the Passover lambs; priests sprinkled the blood passed to them, and Levites skinned them. Hooloti Jila Irra Dabaramaa gorra'amanee, Lewwooti gogaa irraa baasiisatti adoo jiranuu, hayyooti dhiiga hoolotaa ka fuudhane san fiffixxe.
12 They set aside the burnt offerings, distributing them by family division among the common people, to offer to our Father as written in the book of Moses; likewise with the bulls. Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffametti, kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, akka maatii maatii abbootii isaaniititti kolba'aaf kenniisaaf adda baasane; dardaroota looniille akkasuma godhane.
13 They roasted the Passover lamb in fire as required, boiled the holy offerings in pots, kettles, and pans, and quickly brought them to all the common people. Lewwooti akkuma ajajamanetti hoolee Jila Irra Dabaramaa san woddane; kennansa woyyicha san okkote'etti, ibido'oo fi disti'itti iffeelanee ariiti'iin kolba'aaf geessane.
14 Afterward they prepared for themselves and the priests, since the priests, Aaron's sons, were busy offering burnt offerings and fat portions until night; so the Levites prepared for themselves and the priests, Aaron's sons. Duubarra ifiif, hayyootaafille qopheessane; hayyooti sanyii Aaronii kennansa gubamuu fi cooma ciinceffamu haga galgalaatitti dhikeessaa waan turanuuf, Lewwooti ifii fi hayyoota sanyii Aaroniitiif kennansa Jila Irra dabaramaa qopheessane.
15 The singers, Asaph's sons, stood at their posts as David, Asaph, Heman, and Jeduthun the king's seer had commanded. The gatekeepers stayed at each gate; they had no need to leave their duty, for their fellow Levites prepared for them. Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne.
16 So all the service of our Father was arranged that day: to keep Passover and offer burnt offerings on the altar of our Father, by King Josiah's command. Maarre Jila Irra Dabaramaa jilifatiisaan, kennansa gubamu addee ciinca'aa irratti Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan, akkuma mootichi Yosiyaas ajajetti hujiin Mootii Waan Maraa marti guyyuma san muummotte.
17 The Israelites present kept Passover then, and the Feast of Unleavened Bread seven days. Yennaa san Israa'elooti addee sanitti dhaggamane Jila Irra Dabaramaa jilifatane; jila daabboo uukoo hin qanneelle guyyaa torba jilifatane.
18 No Passover like it had been kept in Israel since Samuel the prophet's days; none of Israel's kings kept a Passover like Josiah's, with the priests, Levites, all Judah and Israel present, and Jerusalem's residents. Bara Saamu'elii raagichaatii jalqabanee Israa'el keessatti jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifantee hin beekanu; mootota Israa'elii keessa mootichi Yosiyaas hayyoota, Lewwoota, Yihudootaa fi Israa'eloota mara, kolbaa Yerusaalemii worra addee sanitti dhaggamane woliin Jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifatanee hin beekanu.
19 This Passover was kept in the eighteenth year of Josiah's reign. Jilti Irra Dabaramaa tun Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jilifante.
20 After all this, once Josiah had prepared the temple, Egypt's king Neco marched up to fight at Carchemish on the Euphrates, and Josiah went out to meet him. Yosiyaas waan kana mara Galma Waaqaatiif hujeen duuba, mootiin Gibxi'ii Nekoon qachaa Karkemiishii ka laga Efraaxiisii biraatitti isa loliisaaf duule; Yosiyaasille isa loliisaaf baye.
21 But Neco sent messengers to him, saying, "What do we have to do with each other, king of Judah? I'm not coming against you today, but against the house I'm at war with. God told me to hurry—stop opposing God, who is with me, or he'll destroy you." Nekoon ammoo namoota isatti ergee, «Ee mootii Yihuda'aa! Anii fi ati maaf wol lolla? Ani diinota kiyya loliisaaf dhufe malee si loliisaafii moti; Waaqi akka ani ariifadhu na ajajeera, akka inni si hin balleessine Waaqa na woliin jiru kana hin mormin» jedhe.
22 Josiah did not turn away from him, but disguised himself to fight him. He ignored Neco's words from the mouth of our Father, and went to fight in the plain of Megiddo. Yosiyaas ammoo nama dhibii fakkaatee isa loliisaaf baye malee duubatti hin deebine; dirree Megidootitti isa loliisaaf dhaqe malee waan ajaja Waaqaatiin Nekoon isatti hime hin caqanne.
23 Archers shot King Josiah; he told his servants, "Get me out—I'm badly wounded." Worri guube'een lolu daayaan mooticha Yosiyaas woraane; innille tajaajiltoota ifiitiin, «Ani akka malee madoweera, na fuudha'aa deema'a» jedhe.
24 His servants moved him from the chariot to his second chariot and brought him to Jerusalem, where he died and was buried in his fathers' tombs. All Judah and Jerusalem mourned Josiah. Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane.
25 Jeremiah composed laments for Josiah, and to this day all the singers, men and women, sing laments for Josiah. This became a custom in Israel, and it is written in the Laments. Ermiyaasille faaruu gaddaa Yosiyaasiif baase; haga adhaalle faarfattooti dhiiraatii fi dubartootaa marti faaruu gaddaa ta ifii keessatti waan Yosiyaasii dubbatan. Wonni kun Israa'el keessatti akka seerataa teetee kitaabota wolaloo gaddaa keessatti barreeffanteerti.
26 The rest of Josiah's acts, and his faithful deeds in keeping with what is written in our Father's law. Akkuma seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas hujee fi hujiin isaa ta jaalala bara baraa,
27 His acts, first to last, are written in the Book of the Kings of Israel and Judah. hujiin isaa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreefanteerti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]