Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 17 guj

Show guj only
Verse × ×
1 His son Jehoshaphat became king in his place and strengthened himself against Israel. Ilmi isaa Yoshaafaax addee Aasaa abbaa ifiititti mootii te'ee, Israa'el loliisaaf ifi jabeeffate.
2 He stationed troops in all Judah's fortified cities and garrisons in the land of Judah and in the cities of Ephraim that his father Asa had captured. Inni qachaa biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara keessa loltoota keye. Lafa Yihuda'aa keessa qachaa Efreemii ka abbaan isaa Aasaan qabate mara keessalle waardiyoota ifii keye.
3 Our Father was with Jehoshaphat, for he walked his father David's earlier ways, not seeking the Baals. Yoshaafaax akkuma abbaan abbootii isaa ta durii Daawiti jalqaba mootummaa ifiititti deddeebi'e waan deddeebi'eef, Mootiin Waan Maraa isa woliin jiraate; inni Ba'aal hin barbaanne.
4 Instead, he sought the Father his father served, obeyed his commandments, and not the practices of Israel. Inni Waaqa abbaa ifii barbaadatee, ajaja isaa hordofe malee, akka mootota Israa'elii ta isaan qaraa hin deddeebine.
5 So our Father secured the kingdom in his hand; all Judah brought gifts to Jehoshaphat, and he had great wealth and honor. Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootummaa Yoshaafaaxii ta Yihuda'aa harka isaatitti jabeesse. Namooti Yihuda'aa marti kennansa adda addaa isaaf fidanee, inni durumma'aa fi ulfinna guddaa dhaggate.
6 His heart was devoted to our Father's ways; he removed the high places and Asherah poles from Judah. Gadhaan isaa Mootii Waan Maraatiif ajajamiisaaf jajjabaatee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu biyya Yihuda'aa keessaa balleesse.
7 In his reign's third year he sent his officials Ben-hail, Obadiah, Zechariah, Nethanel, and Micaiah to teach in Judah's cities, Yoshaafaax mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti qachoota biyya Yihuda'aa keessatti akka barsiisanuuf qondaaltota ifii keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaas erge.
8 and the Levites with them: Shemaiah, Nethaniah, Zebadiah, Asahel, Shemiramoth, Jehonathan, Adonijah, Tobijah, Tob-adonijah; and with them the priests Elishama, Jehoram. Isaan Woliin Lewwoota keessaa: Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiya'aa fi Tob-Adoniyaa, hayyoota keessaalle'ee Elshaama'aa fi Yehoraam erge.
9 They taught throughout Judah, carrying the Book of our Father's Instruction, going to all Judah's cities, teaching the people. Isaan Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa fuudhanee dhaqanee, qachoota Yihuda'aa keessatti kolbaa barsiisane. Isaan qachoota Yihuda'aa mara keessa deemanee odduu kolba'aatitti barsiisane.
10 The dread of our Father fell on all the kingdoms around Judah, so they made no war on Jehoshaphat. Gosi biyya adda addaa ta adaala biyya Yihuda'aa jirtu Mootii Waan Maraa waan sodaatteef, Yoshaafaax irratti lola kaasuu hin barbaanne.
11 Some Philistines brought Jehoshaphat gifts and silver tribute; the Arabs brought flocks: 7,700 rams, 7,700 male goats. Worri Filisxeemotaa gariin Yoshaafaaxii mootichaaf kennansa hedduu fidanee, meetiille gabbarane; worri Arabaalle korbeeyyii hoole'ee kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii re'e'ee kuma torbaa fi dhibba torba fidanee isaaf kennane.
12 Jehoshaphat grew more and more powerful, and he built fortresses and storage cities in Judah. Yoshaafaax ittuma guddataa, jabaataalle ideeme. Inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanuu fi qachaa gootaraa midhaaniitii fi meya adda addaa itti galchanu ijaare.
13 He had large supplies in the cities of Judah, and mighty warriors in Jerusalem. Inni qachaa biyya Yihuda'aa keessatti sagalee bacaa tuulchisiise; loltoota jajjaboolle qachaa Yerusaalemii keessa keye.
14 Their enrollment by ancestral house: from Judah, commanders of thousands—Adnah the commander, with him 300,000 mighty warriors; Laakkossi isaanii akka maatii maatii isaaniititti asii gad jiran: Yihudaa keessaa ajajaan kumaa Adina'a; inni loltoota jajjaba kuma dhibba sad ka ajaju.
15 next to him was Jehohanan the commander, and with him 280,000; Isatti aanee Yohaannaan ajajaan loltootaa, loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ka ajaju.
16 next Amasiah son of Zichri, who volunteered for our Father, with him 200,000 mighty warriors. Isatti aanee ajajaan loltootaa Amaasiyaan ilmi Ziikrii, ka Mootii Waan Maraatiif tajaajiliisaaf fedha qabu, loltoota jajjaba kuma dhibba lama ka ajaju.
17 From Benjamin: Eliada, a mighty warrior, and with him 200,000 armed with bow and shield; Gosa Beniyaaminii keessaa Eliyaadaan, loltichi janni loltoota kuma dhibba lama worra guube'ee fi wonte'een lolu ka ajaju.
18 next to him Jehozabad, and with him 180,000 equipped for war. Isatti aanee Yehozaabaad loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophowane ka ajaju.
19 These men served the king, besides those he stationed in the fortified cities throughout Judah. Isaan kun worra mootichi biyya Yihuda'aa keessaa qachoota dalleya dhaka'aa qabanu mara akka eeganuuf keessa keye adoo hin dabalatin worra qofitti isa tajaajilane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]