Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 16 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In Asa's thirty-sixth year, Baasha king of Israel invaded Judah, fortifying Ramah to keep anyone from leaving or entering Asa king of Judah's territory. Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii jayeesso'ootitti, mootiin Israa'elii Baashaan Yihuda'atti duule; karaa saniin nami gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu jalqabe.
2 Asa took silver and gold from the storerooms of our Father's house and the royal house, and sent them to Ben-Hadad king of Aram, living in Damascus, with this message: Achiin duuba Aasaan addee qabeenni Galma Waaqaatii fi qabeenni mana mootumma'aa ka isaa jiru keessaa meeti'ii fi worqii fuudhee, mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaad ka Damaasqoo keessa tee'ee bulchuuf ergee,
3 "Let there be a treaty between me and you, as there was between my father and your father. See, I'm sending you silver and gold. Go now and break your treaty with Baasha king of Israel, so he withdraws from me." «Akkuma abbaa keetii fi abbaa kiyya wodhakkaa Gondooroon jirtu, anaa fi si wodhakkaalle Gondooroon jiraattuu ti. Kunoo, ani meeti'ii fi worqii sii ergeera. Akka inni na irraa deebi'uuf Gondooroo mooticha Israa'elii Baashaan woliin qaddu san diigi» jedhe.
4 Ben-Hadad agreed with King Asa and sent his army commanders against Israel's cities. They struck down Ijon, Dan, Abel-maim, and all Naphtali's store cities. Ben-Hadaadille Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjoota loltoota ifii gara qachoota Israa'elii erge; isaan Iyoon, Daan, Abeel-Maayimii fi qachoota mey itti kuufamu ka biyya Niftaalemii keessaa mara qabatane.
5 When Baasha heard of it, he stopped fortifying Ramah and abandoned his work. Baashaan tana yennaa dhage'e, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raama'atitti ijaaruu jalqabe san lakkisee, hujii ifii dhaabbachiise.
6 King Asa mustered all Judah; they carried off the stones and timber Baasha had fortified Ramah with, and with them he fortified Geba and Mizpah. Achiin duuba Aasaan mootichi namoota Yihuda'aa mara fidee, dhaka'aa fi muka Baashaan ittiin dalleya dhaka'aa ka Raama'atti ijaaruu jalqabe san fudhatee, dalleya dhaka'aa Geba'aa fi Miispha'atti ijaare.
7 Then Hanani the seer came to Asa king of Judah and said to him, "Because you relied on Aram's king and not your Father, his army escaped your hand. Yennaa Haanaaniin mudhii dhaggu gara Aasaa mooticha Yihuda'aa dhufee, «Ati mootii Sooriya'aatitti ciqilfattee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti ciqilfatuu waan dhaddeef, loltooti Israa'elii si jalaa miliqaneeran.
8 Weren't Cushites and Libyans a vast army with countless chariots and horsemen? Because you relied on your Father, he gave them to you. Loltooti Itoophiya'aatii fi loltooti Liibiya'aa loltoota bindillaa hunnaameyyii garreettaa fardaan harkifamu heddu'uu fi abbootii fardaa heddu'uun lolanuu motiiyyuu? Te'uu malee, ati Mootii Waan Maraatitti waan ciqilfatteef, inni harka keetitti dabarsee isaan kenne.
9 For our Father's eyes scan the whole earth, to strengthen those whose heart is fully devoted to him. You acted foolishly in this; from now on you will have wars." Worra gadhaa tokkochaan isatti ciqilfatuuf, qarqaarsa jabaa kenniisaaf, ilti Mootii Waan Maraa biyya lafaa duudii hin ilaalti. Ati waan kana gowwumma'aan hujje; tanaaf haganaa achi woraanni sitti hin ka'a» jedhe.
10 Asa raged at the seer for this and jailed him in the stocks, for he was furious with him about it; he also brutally oppressed some people at that time. Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise.
11 Asa's acts, first to last, are written in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wonni Aasaan bara bulchiinsa ifii huje, jalqabaa haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
12 In his thirty-ninth year of reign, Asa's feet grew diseased, the disease severe. Yet even in his illness he did not seek our Father, but only the doctors. Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubi sun ittuma jabaataa deemulle, inni cidheeyyii qofa barbaadate malee, qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin barbaanne.
13 Then Asa rested with his fathers, dying in the forty-first year of his reign. Achiin duuba Aasaan motii te'ee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e.
14 They buried him in his own tomb, cut for himself in the City of David, laid him on a funeral bed covered with spices and various blended perfumes prepared by skilled perfumers, and lit a great fire for him. Isaan addee awwaalaa ta inni ifiif qachaa Daawitii keessatti qopheeffate keessatti isa awwaalane. Isaan taqee uddowaa adda addaatii fi fiqire'een uddeeffante irra isa irkisane. Isaan ulfinna isaatiif ibidda guddaa goolane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]