Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 14 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Two days before Passover and Unleavened Bread, the chief priests and scribes were looking for a way to seize Jesus by trickery and kill him. Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Iisaa qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
2 For they said, "Not during the feast, or the people might riot." Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
3 While he was in Bethany, in Simon the leper's house, reclining at the table, a woman came with an alabaster flask of pure nard perfume, very costly. She broke the flask and poured it on his head. Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
4 There were some who said to themselves indignantly, "Why was this perfume wasted like that? Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif?
5 For this perfume could have sold for over 300 denarii and given to the poor." And they scolded her. Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.
6 But Jesus said, "Leave her alone. Why trouble her? She has done a beautiful thing for me. Iisaan garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
7 For the poor are always with you, and you can do good for them whenever you want; but you won't always have me. Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
8 She has done what she could; she has anointed my body beforehand for burial. Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo qabriif dibde.
9 Truly, I tell you, wherever the gospel is preached worldwide, what she did will be told in memory of her." Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo injiilli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
10 Then Judas Iscariot, one of the twelve, went to the chief priests to betray Jesus to them. Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Iisaa dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe.
11 Hearing this, they were glad and promised him money. So he looked for a chance to betray Jesus. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
12 On the first day of Unleavened Bread, when they sacrificed the Passover lamb, his disciples asked him, "Where do you want us to go and prepare for you to eat the Passover?" Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Iisaa, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
13 He sent two of his disciples, "Go into the city; a man carrying a jar of water will meet you. Follow him, Innis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.
14 and wherever he enters, tell the house's owner, 'The Teacher says: Where is my guest room, where I may eat the Passover with my disciples?' Abbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.
15 And he will show you a large upper room furnished and ready; there prepare for us." Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”
16 The disciples left, went to the city, found things as he had told them, and prepared the Passover. Barattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Iisaan isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
17 And when it was evening, Jesus came with the twelve. Iisaanis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe.
18 While they reclined and ate, Jesus said, "Truly, I tell you, one of you will betray me, one eating with me." Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Iisaan, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.
19 They began to grieve and ask him, one by one, "Is it I?" Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.
20 He said to them, "One of the twelve, dipping bread with me into the dish. Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.
21 The Son of Man goes as the Scriptures said about him, but how terrible for that man who betrays him—better if he had never been born." Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
22 As they ate, he took bread, blessed it, broke it, gave it to them, and said, "Take; this is my body." Utuu nyaachaa jiranuus Iisaan buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa; kun foon koo ti” jedhee isaaniif kenne.
23 He took a cup, gave thanks, gave it to them, and they all drank from it. Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
24 He said to them, "This is my blood of the covenant, poured out for many. Innis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
25 Truly I tell you, I will not drink wine again until that day when I drink it new in the kingdom of our Father." Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Allaaha keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”
26 And when they had sung a hymn, they went out to the Mount of Olives. Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
27 Jesus said to them, "You will all stumble, for it's written: 'I will strike the shepherd, and the sheep will be scattered.' Iisaan akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonnis ni bittinneeffamu.’
28 But after I am raised up, I will go ahead of you to Galilee." Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
29 Peter said to him, "Even though they all fall away, I will not." Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.
30 Jesus said to him, "Truly I tell you, today, this night, before the rooster crows twice, you will deny me three times." Iisaan immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.
31 But he insisted, "Even if I must die with you, I will never deny you." They all said the same. Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
32 They arrived at a place called Gethsemane, and he told his disciples, "Sit here while I pray." Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Iisaanis barattoota isaatiin, “Hamma ani duʼaa godhutti isin as taaʼaa” jedhe.
33 He took Peter, James, and John, and began to feel deep distress and anguish. Innis Phexrosin, Yaaʼikuubii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe.
34 He said to them, "My soul is crushed with grief, to death. Stay here and stay alert." Innis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.
35 Going a little farther, he fell to the ground and prayed that, if possible, the hour would pass from him. Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf duʼaa godhe.
36 He said, "Abba, Father, all things are possible for you. Take this cup from me—but let it be your will, not mine." Innis, “Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
37 He returned, found them asleep, and said to Peter, "Simon, are you asleep? Couldn't you stay awake one hour? Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?
38 Watch and pray, so you don't fall into temptation. The spirit is willing, but the flesh is weak." Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
39 And again he went away and prayed, saying the same words. Ammas achi hiiqee waanuma duraan duʼaa godhate sana duʼaa godhate.
40 Again he found them sleeping, eyes heavy, not knowing how to answer him. Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.
41 He came a third time and said, "Still sleeping and resting? Enough—the hour has come. Look, the Son of Man is handed over into the hands of sinners. Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
42 Rise, let us be going; see, my betrayer is here." Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
43 While he was still speaking, Judas—one of the twelve—arrived, and with him a crowd with swords and clubs from the chief priests, scribes, and elders. Utuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
44 His betrayer had given them a signal: "The one I kiss is him—seize him and take him away securely." Inni dabarsee Iisaa kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
45 He came up to Jesus at once, said, "Rabbi!" and kissed him. Yihuudaanis yommusuma Iisaatti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
46 And they laid hands on him and seized him. Namoonni sun Iisaa qabanii hidhan.
47 One of the bystanders drew his sword, struck the high priest's servant, and cut off his ear. Warra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
48 Jesus said to them, "Have you come out with swords and clubs to seize me, like a robber? Iisaanis akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?
49 Every day I was with you in the temple teaching, and you didn't arrest me. But let the Scriptures be fulfilled." Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”
50 And they all left him and fled. Isaan hundinuus isa dhiisanii baqatan.
51 And a young man followed him, wearing nothing but a linen cloth. And they seized the young man, Dargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Iisaa faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis,
52 but he left the linen cloth and ran away naked. dargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe.
53 They led Jesus to the high priest, and all the chief priests and elders and scribes gathered. Isaanis Iisaa luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman.
54 Peter had followed at a distance, all the way into the high priest's courtyard, and sat with the guards, warming himself by the fire. Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture.
55 The chief priests and the whole council sought testimony against Jesus to put him to death, but found none. Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Iisaa ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
56 For many gave false testimony against him, but their testimony did not agree. Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
57 And some stood up and gave false testimony against him, saying, Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan:
58 "We heard him say, 'I will destroy this temple made by hands, and in three days build another not made by hands.'" “ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.”
59 Yet even about this their testimony did not agree. Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane.
60 The high priest stood up in the midst and asked Jesus, "You have no answer? What are these men testifying against you?" Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Iisaa gaafate.
61 He stayed silent, answered nothing. Again the high priest asked him, "Are you the Christ, the Son of the Blessed?" Iisaan garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. Lubichi ol aanaan ammas, “Al-Masiihiin Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate.
62 Jesus said, "I AM, and you will see the Son of Man seated at the right hand of the Mighty One and coming with heaven's clouds." Iisaanis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa shamaayʼuniitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
63 And the high priest tore his clothes and said, "What further witnesses do we need? Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
64 You have heard his blasphemy. What is your decision?" And they all condemned him as deserving death. Allaah arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran.
65 Some began spitting on him, covering his face, and punching him, saying to him, "Prophesy!" Then the guards slapped him. Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
66 While Peter was below in the courtyard, one of the high priest's servant girls came, Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte.
67 seeing Peter warming himself, she looked at him and said, "You too were with the Nazarene, Jesus." Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. Isheenis, “Atis Iisaa nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen.
68 But he denied it: "I don't know or understand what you mean." Then he went out to the entrance, and a rooster crowed. Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
69 The servant girl saw him and again told the bystanders, "This man is one of them." Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette.
70 But he denied it again. A little later the bystanders again told Peter, "You truly are one of them, for you're a Galilean." Inni garuu ammas ni gane. Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin.
71 He began to call down curses on himself and swear, "I don't know this man you're talking about." Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
72 At once a rooster crowed a second time. Peter remembered Jesus' words: "Before the rooster crows twice, you will deny me three times." He broke down and wept. Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Iisaan, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]