Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 12 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 He began speaking to them in parables: "A man planted a vineyard, fenced it in, dug a winepress pit, built a watchtower, rented it to farmers, and left. Iisaanis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
2 At harvest time he sent a servant to the tenants to collect some of the vineyard's fruit. Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate.
3 But they seized him, beat him, and sent him away empty-handed. Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
4 Again he sent them another servant; they hit him on the head and dishonored him. Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan.
5 And he sent another, and they killed him—then many more, beating some and killing others." Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.
6 He had still one, a beloved son; last he sent him to them, saying, "They will respect my son." “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
7 "But the tenants said to each other, 'This is the heir. Come, let's kill him—the inheritance will be ours.' “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.
8 So they took him and killed him and threw him out of the vineyard. Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
9 So what will the vineyard's owner do? He'll come, destroy the tenants, and give the vineyard to others. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.
10 Have you not read this Scripture: 'The stone the builders rejected has become the cornerstone; Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha: “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
11 this was our Father's doing, and it is marvelous in our eyes'?" kanas Gooftaatu godhe; kunis ija keenyatti dinqii dha.’ ”
12 They wanted to arrest him but feared the crowd, knowing he'd told the parable against them. So they left him and went away. Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
13 They sent some of the Pharisees and Herodians to trap him in his words. Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Iisaatti ergan.
14 They came and said to him, "Teacher, we know you're true and don't care what anyone thinks, since you don't judge by appearance but truly teach our Father's way. Is it lawful to pay taxes to Caesar, or not? Should we pay, or should we not?" Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Allaaha barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?
15 But, knowing their hypocrisy, he said to them, "Why are you testing me? Bring me a silver coin to look at." Haa baasnu moo haa dhiifnuu?” Iisaan garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii tokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen.
16 They brought one, and he asked them, "Whose image and inscription is this?" They told him, "Caesar's." Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.
17 Jesus told them, "Give to Caesar what's Caesar's, and to our Father what's our Father's." They were amazed at him. Kana irratti Iisaan, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Allaaha immoo Allaahaf kennaa” jedheen. Isaanis isa dinqifatan.
18 And the Sadducees came to him, who say there is no resurrection. And they questioned him, saying, Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Iisaa dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan;
19 "Teacher, Moses wrote for us that if a man's brother dies leaving a wife but no child, the brother must marry her and raise up offspring for him. “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Muusaan nuu barreesseera.
20 There were seven brothers; the first married, and when he died, left no children. Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
21 And the second married her, and he died leaving no children. And the third likewise. Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe.
22 And none of the seven left any children. Last of all the woman also died. Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
23 At the resurrection, when they rise, whose wife will she be? The seven had her as wife." Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
24 Jesus said to them, "Isn't this why you're wrong—you know neither the Scriptures nor our Father's power? Iisaan immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Allaaha hin beekneef dogoggortu mitii?
25 For when the dead rise, they neither marry nor are given in marriage, but are like the angels in heaven. Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka malaʼikkoota shamaayʼun taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
26 About the dead being raised, haven't you read in Moses' book, in the passage about the bush, how our Father told him, 'I am the God of Abraham, of Isaac, and of Jacob'? Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Allaahan Kitaaba Muusaa keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Yaaʼikuub’ jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
27 He is not God of the dead, but of the living. You are badly mistaken." Inni Allaah warra jiraataniiti malee Allaah warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”
28 One scribe approached, heard them debate, saw Jesus answered well, and asked, "Which commandment is most important of all?" Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Iisaan deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.
29 Jesus answered, "The most important is this: 'Hear, Israel: our Father is one.' Iisaanis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Allaahan Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.
30 Love your Father with all your heart, with all your soul, with all your mind, with all your strength." Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’
31 "The second is this: 'Love your neighbor as yourself.' No commandment is greater than these." Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”
32 The scribe said to him, "Well said, Teacher. You've said truly that he is one, and there's no other besides him. Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Allaah tokkicha malee Allaahan biraa hin jiruutii.
33 Loving him with all the heart, all the understanding, all the strength, and loving one's neighbor as oneself, matters far more than all whole burnt offerings and sacrifices." Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”
34 Seeing he answered wisely, Jesus said to him, "You are not far from the kingdom of our Father." After that, no one dared ask him any more questions. Iisaanis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, “Ati mootummaa Allaaha irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
35 Teaching in the temple, Jesus asked, "How can the scribes say the Christ is the son of David? Iisaan utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Al-Masiihiin ilma Daawud jedhu?
36 David himself said by the Holy Spirit: 'Our Father said to my Lord, "Sit at my right hand until I put your enemies under your feet."' Daawud mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe: “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin, “Hamma ani diinota kee, miilla kee jala siif galchutti, gara mirga koo taaʼi.” ’
37 "David himself calls the Christ Lord. How can the Christ be David's son?" The large crowd enjoyed listening to him. Daawud mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
38 And in his teaching he said, "Beware of the scribes, who like walking in long robes and being greeted in the marketplaces, Iisaanis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu;
39 and to have the best seats in the synagogues and the places of honor at banquets, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
40 who devour widows' houses and make long prayers just for show. These will receive the greater condemnation." Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis duʼaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
41 Sitting across from the treasury, he watched the crowd drop coins in; many rich people dropped in large sums. Iisaanis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan.
42 And a poor widow came and put in two small copper coins, worth a penny. Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
43 Calling his disciples, he said, "Truly, I tell you, this poor widow put in more than all who put into the offering box. Iisaanis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti.
44 For they all gave from their surplus, but she gave from her poverty—all she had, her whole livelihood." Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]