1After this, Jesus crossed the Sea of Galilee, also called the Sea of Tiberias.OOCSWantoota kanneen booddee Iisaan Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
2A large crowd followed him, because they saw the signs he performed on the sick.OOCSnamoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
3Jesus went up on the mountainside and sat down there with his disciples.OOCSIisaanis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
4Now the Passover, the feast of the Jews, was near.OOCSYeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
5Looking up, Jesus saw a large crowd approaching and asked Philip, "Where can we buy bread for these people to eat?"OOCSIisaan yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
6He said this to test Philip, for he himself already knew what he was going to do.OOCSKanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
7Philip answered him, "200 days' wages of bread isn't enough for each of them to get a little."OOCSFiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
8One of his disciples, Andrew, Simon Peter's brother, said to him,OOCSBarattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
9"A boy here has five barley loaves and two fish—but what's that for so many?"OOCS“Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
10Jesus said, "Have the people sit down." Much grass grew there, so about 5,000 men sat down.OOCSIisaanis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
11Jesus then took the loaves, gave thanks, and distributed them to those seated; likewise with the fish, as much as they wanted.OOCSIisaanis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12When they were full, he told his disciples, "Gather the leftover pieces, so nothing is lost."OOCSInnis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
13So they gathered the fragments left over from the five barley loaves after the people ate, filling twelve baskets.OOCSKanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
14So when the people saw the sign he did, they said, "This really is the Prophet coming into the world!"OOCSNamoonnis yommuu mallattoo Iisaan hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Nabiiʼiyyii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
15Knowing they meant to come and seize him to make him king, Jesus withdrew again to the mountain alone.OOCSIisaanis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
16When evening came, his disciples went down to the sea,OOCSYommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
17got in a boat and headed across the sea to Capernaum. It was already dark, and Jesus had not yet reached them.OOCSachittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Iisaan amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
18A strong wind was blowing, and the sea grew rough.OOCSBubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
19After rowing three or four miles, they saw Jesus walking on the water, approaching the boat, and were afraid.OOCSIsaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Iisaan galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
20But he said to them, "It is I; do not be afraid."OOCSInni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
21So they were glad to take him into the boat, and instantly it reached the shore they were heading toward.OOCSIsaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
22The next day, the crowd remaining on the far shore saw that only one boat had been there, that Jesus had not boarded it with his disciples, but that his disciples had gone off alone.OOCSGuyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Iisaan barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
23Other boats came from Tiberias near the place where they ate bread after the Lord gave thanks.OOCSBidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
24So when the crowd saw Jesus and his disciples weren't there, they got in boats and went to Capernaum to look for Jesus.OOCSNamoonni sunis yommuu akka Iisaa fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Iisaa barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
25Finding him across the sea, they asked, "Rabbi, when did you get here?"OOCSNamoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
26Jesus answered them, "Truly, truly, I tell you: you seek me not because you saw signs, but because you ate the loaves and were filled.OOCSIisaanis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
27Don't work for food that spoils, but for food that lasts to eternal life, which the Son of Man will give you. For on him our Father has set his seal."OOCSNyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Allaahan Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
28Then they said to him, "What must we do to be doing the works of our Father?"OOCSIsaanis, “Nu akka hojii Allaaha hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
29Jesus answered them, "This is our Father's work: that you believe in the one he sent."OOCSIisaanis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Allaaha ti” jedhee deebiseef.
30So they asked him, "What sign will you give, so we may see and believe you? What work will you do?OOCSKanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
31Our ancestors ate manna in the wilderness, as it is written: 'He gave them bread from heaven to eat.'"OOCS‘Akka isaan nyaataniif shamaayʼun irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
32Jesus told them, "Truly, truly, I tell you: Moses didn't give you the bread from heaven—my Father gives you the true bread from heaven.OOCSIisaanis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan shamaayʼun irraa buddeena isinii kenne Muusaa miti; kan shamaayʼun irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
33For the bread of our Father is he who comes down from heaven and gives the world life."OOCSBuddeenni Allaaha isa shamaayʼun irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
34So they said to him, "Lord, give us this bread always."OOCSIsaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
35Jesus told them, "I am the bread of life. Whoever comes to me will never hunger; whoever believes in me will never thirst.OOCSIisaanis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
36But as I told you, you have seen me and still do not believe.OOCSAkkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
37All the Father gives me will come to me, and the one who comes to me I will never drive away.OOCSKan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
38For I came down from heaven not to do my own will, but the will of him who sent me.OOCSAni fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf shamaayʼun irraa gad hin buuneetii.
39This is the will of him who sent me: that I lose none of all he has given me, but raise them up on the last day.OOCSFedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
40For this is the will of my Father: that everyone who looks to the Son and believes in him should have eternal life, and I will raise them up on the last day."OOCSFedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
41So the Jews grumbled about him because he said, "I am the bread that came down from heaven."OOCSKana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena shamaayʼun irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
42They said, "Isn't this Jesus, Joseph's son, whose father and mother we know? How can he now say, 'I have come down from heaven'?"OOCSIsaanis, “Kun Iisaa ilma Yuusuf, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani shamaayʼun irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
43Jesus answered them, "Stop grumbling among yourselves.OOCSIisaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
44"No one can come to me unless the Father who sent me draws him, and I will raise him on the last day.OOCSAbbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
45It is written in the Prophets: 'And they will all be taught by our Father.' Everyone who has heard and learned from the Father comes to me.OOCSNabiiʼiyyoota keessatti, ‘Isaan hundi warra Allaah irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
46Not that anyone has seen the Father except the one from him; he has seen the Father.OOCSIsa Allaah biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
47Truly, truly, I tell you, whoever believes has eternal life.OOCSAni dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
48I am the bread of life.OOCSBuddeenni jireenyaa ana.
49Your ancestors ate the manna in the wilderness, yet they died.OOCSAbbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
50This is the bread that comes down from heaven, so anyone may eat it and not die.OOCSBuddeenni shamaayʼun irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
51I am the living bread come down from heaven. Whoever eats this bread will live forever. The bread I will give is my flesh, for the life of the world."OOCSBuddeenni jiraataan shamaayʼun irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
52Then the Jews argued sharply among themselves, "How can this man give us his flesh to eat?"OOCSYihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
53Jesus told them, "Truly, truly, I tell you, unless you eat the flesh of the Son of Man and drink his blood, you have no life in yourselves.OOCSIisaan immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
54Whoever feeds on my flesh and drinks my blood has eternal life, and I will raise him on the last day.OOCSNamni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
55For my flesh is true food, and my blood is true drink.OOCSFoon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
56Whoever feeds on my flesh and drinks my blood remains in me, and I in him.OOCSNamni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
57As the living Father sent me and I live because of the Father, so whoever feeds on me will live because of me.OOCSAkkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
58This is the bread that came down from heaven. It is not like the bread your ancestors ate and still died. Whoever feeds on this bread will live forever."OOCSBuddeenni shamaayʼun irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”
59He said these things while teaching in the synagogue at Capernaum.OOCSInnis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
60On hearing it, many of his disciples said, "This is a hard teaching. Who can accept it?"OOCSBarattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
61Aware that his disciples were grumbling about this, Jesus said to them, "Does this offend you?OOCSIisaanis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
62"Then what if you see the Son of Man ascending to where he was before?OOCSYoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
63The Spirit gives life; the flesh helps nothing. The words I have spoken to you are spirit and life.OOCSKan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
64But some of you don't believe." For Jesus knew from the start who didn't believe, and who would betray him.OOCSIsin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Iisaan jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
65And he said, "This is why I told you: no one can come to me unless the Father enables him."OOCSInnis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
66From this time many of his disciples turned back and no longer walked with him.OOCSYeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67So Jesus asked the Twelve, "Do you want to leave too?"OOCSIisaanis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
68Simon Peter answered him, "Lord, to whom should we go? You have the words of eternal life.OOCSSimoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
69We have believed and known you are the Holy One of our Father."OOCSNu akka ati Qulqullicha Allaaha taate amanneerra; beekneerras.”
70Jesus answered them, "Have I not chosen you, the Twelve? Yet one of you is a devil."OOCSIisaanis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko ibliisii dha!” jedhe.
71He meant Judas, son of Simon Iscariot, one of the Twelve, who was about to betray him.OOCSInnis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Iisaa dabarsee kennuuf tureetii!