Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 On the third day, a wedding took place in Cana of Galilee; Jesus's mother was there. Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Iisaas achi turte;
2 Jesus and his disciples were also invited to the wedding. Iisaa fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan.
3 When the wine ran out, the mother of Jesus said to him, "They have no wine." Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Iisaa, “Jarri daadhii wayinii hin qaban” isaan jette.
4 "Woman, why are you bringing me into this?" Jesus replied. "My hour has not yet come." Iisaan immoo deebisee, “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye” jedheen.
5 His mother said to the servants, "Do whatever he tells you." Haati isaas tajaajiltootaan, “Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa” jette.
6 Six stone water jars stood there, used for Jewish purification, each holding twenty to thirty gallons. Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.
7 Jesus said to them, "Fill the jars with water," so they filled them to the brim. Iisaan tajaajiltootaan, “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa” jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.
8 He told them, "Draw some out now, and take it to the head steward." So they did. Innis, “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa” jedheen. Isaanis akkasuma godhan;
9 The master of the banquet tasted the water now wine, not knowing its source—though the servants who drew it knew. So he called the bridegroom aside, abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee
10 and said, "Everyone serves the good wine first, then the lesser once guests are drunk. But you've kept the good wine till now." akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.”
11 Jesus performed this first sign at Cana in Galilee. He revealed his glory, and his disciples believed in him. Iisaan mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
12 After this he went down to Capernaum with his mother, brothers, and disciples, and stayed there a few days. Kana booddees inni haadha isaa, obboloota isaatii fi barattoota isaa wajjin Qifirnaahomitti gad buʼe. Isaanis guyyoota muraasa achi turan.
13 When the Jewish Passover was near, Jesus went up to Jerusalem. Iisaanis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe.
14 In the temple courts he found sellers of cattle, sheep, and doves, and others sitting at tables exchanging money. Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge.
15 He made a whip of cords and drove them all out of the temple courts, sheep and cattle alike, poured out the money-changers' coins, and overturned their tables. Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche.
16 To the dove sellers he said, "Take these out of here! Don't make my Father's house a marketplace." Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe.
17 His disciples remembered that it is written: "Zeal for your house will consume me." Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba” jedhamee akka barreeffame yaadatan.
18 So the Jews asked, "What sign will you show us for doing these things?" Yihuudoonnis deebisanii, “Kana hunda hojjechuuf akka taayitaa qabdu mirkaneessuuf mallattoo maalii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan.
19 Jesus answered them, "Destroy this temple, and in three days I will raise it up." Iisaanis, “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa” jedhee deebiseef.
20 They replied, "This temple took forty-six years to build, and will you raise it in three days?" Yihuudoonnis deebisanii, “Mana qulqullummaa kana ijaaruun waggaa afurtamii jaʼa fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ol dhaabdaa?” jedhaniin.
21 But the temple he had spoken of was his body. Manni qulqullummaa kan inni waaʼee isaa dubbate sun garuu dhagna isaa ti.
22 After he rose from the dead, his disciples remembered he had said this, and believed the Scripture and the word Jesus had spoken. Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Iisaan dubbate amanan.
23 While he was in Jerusalem at the Passover, many saw the signs he did and trusted in his name. Yeroo inni Ayyaana Faasiikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baayʼeen mallattoo inni hojjete arganii maqaa isaatti amanan.
24 But Jesus would not entrust himself to them, for he knew all people. Iisaan garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne.
25 He didn't need anyone's testimony about people—he knew what was in each one. Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]