Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 17 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 After saying this, Jesus looked up to heaven and said: "Father, the hour has come. Glorify your Son, so the Son may glorify you, Iisaan wantoota kanneen dubbatee gara shamaayʼun ol ilaalee akkana jedhee duʼaa godhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.
2 since you gave him authority over all people, to give eternal life to all you gave him. Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii.
3 This is eternal life: that they know you, the only true Father, and Jesus Christ whom you sent. Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Allaah dhugaa tokkichaa fi Iisaa Al-Masiihii isa ati ergite sana beekaniif.
4 I glorified you on the earth, having finished the work you gave me to do. Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
5 Father, glorify me now with yourself, with the glory I had with you before the world existed. Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
6 I revealed your name to those you gave me from the world. They were yours; you gave them to me, and they have kept your word. “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
7 Now they know that everything you have given me is from you, Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
8 for I gave them the words you gave me; they received them, truly knew I came from you, and believed you sent me. Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
9 I pray for them, not for the world, but for those you gave me, since they are yours. Ani isaaniif duʼaa nan godha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif duʼaa isaaniifin godha malee addunyaaf duʼaa hin godhu.
10 Everything mine is yours, and yours is mine, and I am glorified in them. Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
11 I'm no longer in the world, but they are in the world, and I'm coming to you. Holy Father, keep them in your name, the name you gave me, so they may be one as we are. Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
12 While with them, I kept them in your name you gave me. I guarded them—none was lost except the son of destruction, so Scripture would be fulfilled. Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
13 Now I come to you, and I say these things in the world so they may have my joy completed in themselves. “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
14 I've given them your word; the world hated them, since they're not of the world, just as I'm not of the world. Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
15 I don't ask you to remove them from the world, but to guard them from the evil one. Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si duʼaa hin godhu.
16 They are not of the world, just as I am not of the world. Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
17 Make them holy by truth; your word is truth. Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
18 As you sent me into the world, so I have sent them into the world. Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
19 For them I make myself holy, so they too may be made holy in truth. Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
20 I pray not only for these, but also for those who will believe in me through their word. “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf duʼaa hin godhu;
21 Father, let them all be one, as you're in me and I in you, so they're in us too, and the world believes you sent me. kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
22 The glory you have given me, I have given them, so they may be one as we are one. Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
23 I in them and you in me, so they may be made completely one, so the world may know you sent me and loved them as you loved me. kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
24 Father, I want those you gave me to be with me where I am, to see my glory, which you gave me because you loved me before the world was made. “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
25 Righteous Father—the world doesn't know you, but I know you, and these know you sent me. “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
26 I have made your name known to them, and will keep making it known, so the love you loved me with may be in them, and I in them." Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]