Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Genesis 3 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 The serpent was shrewder than any field animal our Father had made. He asked the woman, "Did God really say, 'You must not eat from any tree in the garden'?" Bineensa Rabbii Allaahan, Allaahan uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Allaahan, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
2 The woman said to the serpent, "We may eat the fruit from the trees in the garden, Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya;
3 but God said, 'Don't eat the tree's fruit in the garden's middle, or touch it, or you'll die.'" garuu Allaahan, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.”
4 But the serpent said to the woman, "You will certainly not die. Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan.
5 God knows that when you eat from it, your eyes will open and you'll be like God, knowing good and evil." Allaahan akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akkuma Allaah taatan ni beekaatii.”
6 The woman saw the tree was good for food, delightful to the eyes, and desirable for wisdom. She took its fruit, ate, gave some to her husband with her, and he ate. Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
7 Then the eyes of both of them were opened, and they knew they were naked; they sewed fig leaves together and made themselves coverings. Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan.
8 They heard the sound of our Father walking in the garden in the cool of the day, and the man and his wife hid from his presence among the garden's trees. Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Rabbii Allaahan iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Rabbii Allaah, Allaah duraa dhokatan.
9 But our Father called to the man and said to him, "Where are you?" Rabbii Allaahan, Allaahan garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen.
10 The man said, "I heard you in the garden and was afraid, for I was naked, so I hid." Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen.
11 Our Father said, "Who told you you're naked? Did you eat from the tree I forbade you to eat from?" Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
12 The man said, "The woman you put with me gave me fruit from the tree, and I ate." Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe.
13 Then our Father asked the woman, "What have you done?" She said, "The serpent deceived me, and I ate." Rabbii Allaahanis, Allaahan dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
14 So our Father said to the serpent, "Because you have done this, cursed are you above all livestock and above all wild animals; on your belly you will go, and dust you will eat all the days of your life. Kanaafuu Rabbii Allaahan, Allaahan bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta.
15 And I will put enmity between you and the woman, and between your offspring and her offspring; he will crush your head, and you will strike his heel." Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
16 To the woman he said, "I will greatly increase your pain in childbirth; in pain you will give birth to children. Your desire will be for your husband, and he will rule over you." Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
17 And to Adam he said, "Because you listened to your wife and ate from the tree that I commanded you, saying, 'You must not eat from it,' cursed is the ground because of you; through painful toil you will eat from it all the days of your life. Aadamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa ‘Hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
18 It will produce thorns and thistles for you, and you will eat the plants of the field. Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.
19 By the sweat of your brow you will eat your bread until you return to the ground, since from it you were taken; for dust you are, and to dust you will return." Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
20 The man named his wife Eve, because she would become the mother of all the living. Aadamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Haawaa” jedhee moggaase.
21 Our Father made garments of skin for Adam and his wife, and he clothed them. Rabbii Allaahan, Allaahan Aadamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise.
22 Then our Father said, "Look, the man has become like one of us, knowing good and evil. Now, so he doesn't reach out, take from the tree of life too, eat, and live forever…" Rabbii Allaahanis, Allaahan “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe.
23 So our Father sent him out of the garden of Eden to work the ground he was taken from. Kanaafuu Rabbii Allaahan, Allaahan lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe.
24 He drove out the man and placed cherubim and a whirling, flaming sword east of Eden's garden, guarding the way to the tree of life. Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]