Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 4 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 King Nebuchadnezzar, to all peoples, nations, and languages living throughout the earth: May your peace be multiplied. Nebukadnezar Mooticha irraa, Sabootaa fi namoota afaan garaa garaa dubbatan kanneen guutummaa addunyaa irra jiraatan hundaaf: Assalaam aleeyikum!
2 I am glad to declare the signs and wonders the Most High God has done for me. Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Allaahan Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa.
3 How great are his signs, and how mighty are his wonders! His kingdom is an everlasting kingdom, and his dominion is from generation to generation. Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha; dinqiin isaas akkam jabaa dha! Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti jabaatee dhaabata.
4 I, Nebuchadnezzar, was at ease in my house and flourishing in my palace. Ani Nebukadnezar natti tolee masaraa mootummaa koottis qananiidhaan mana koo nan jiraadhan ture.
5 I saw a dream that frightened me; thoughts on my bed and visions in my head terrified me. Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuu ani siree koo irra ciisee jiruu fakkii fi mulʼanni qalbii koo keessa darbu na sodaachise.
6 So I ordered all Babylon's wise men brought before me to tell me the dream's meaning. Kanaafuu ani akka isaan abjuu sana naa hiikaniif akka ogeeyyiin Baabilon hundi fuula koo duratti dhiʼeeffaman nan ajaje.
7 Then the magicians, enchanters, Babylonians, and astrologers entered. I told them the dream, but they could not interpret it for me. Yommuu tolchitoonni, mortoonni, warri urjii ilaalanii fi waa himtoonni dhufanitti abjuu sana isaanitti nan hime; isaan garuu naaf hiikuu hin dandeenye.
8 Finally Daniel came before me—named Belteshazzar after my god's name, the holy gods' spirit in him—and I told him the dream. Dhuma irratti Daaniʼel fuula duratti dhiʼaate; anis abjuu sana isatti nan hime. Inni Beelxishaazaari jedhamee maqaa waaqeffatamaa kootiin waamama; hafuurri waaqeffatamtoota qulqulluu isa keessa ture.
9 Belteshazzar, chief magician, I know the spirit of the holy gods is in you, and no mystery baffles you—tell me the visions of my dream that I saw, and their meaning. Anis akkanan jedhe; “Yaa Beelxishaazaari, hangafa tolchitootaa, ani akka hafuurri waaqeffatamtoota qulqulluu si keessa jiru nan beeka; icciitiin kam iyyuu sitti hin ulfaatu. Abjuun ani arge kana; hiikkaa isaa natti himi.
10 The visions in my mind while in bed: I saw a tree in the middle of the earth, very tall. Mulʼanni utuun siree koo irra ciisee jiruu arge isa kanaa dha: Ani nan ilaale; mukni tokko fuula koo dura walakkaa lafaa dhaabatee ture. Dheerinni isaas guddaa ture.
11 The tree grew and became strong, and its top reached to heaven, and it was visible to the ends of the whole earth. Mukni sun akka malee guddatee jabaate; fiixeen isaas shamaayʼun tuqe; hamma daarii lafaattis ni mulʼata ture.
12 Its leaves were beautiful and its fruit abundant, and in it was food for all. Wild animals found shade under it, and the birds of the heavens lived in its branches, and all flesh was fed from it. Baalli isaa bareedaa, iji isaa akka malee baayʼee ture; mukicha irras nyaata waan hundaaf taʼutu ture. Bineensonni gaaddisa isaa jala boqotu; simbirroon shamaayʼuniis dameellee isaa irra jiraatu; lubbuu qabeeyyiin hundinuus isa irraa nyaatu ture.
13 In my visions in bed I saw a watcher, a holy one, coming down from heaven. “Ani mulʼata utuun siree koo irra ciisee jiruu arge sana keessatti nan ilaale; fuula koo duras malaʼikkaa qulqulluu shamaayʼuniidhaa gad buʼaa jiru tokkotu ture.
14 He shouted: Cut down the tree, chop its branches, strip its leaves, scatter its fruit. Let animals flee from under it, birds from its branches. Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: ‘Mukicha muraa; dameewwan isaa cicciraa; baala isaa harcaasaa; ija isaa bittinneessaa. Bineensonni isa jalaa, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatani.
15 But leave the stump of its roots in the earth, bound with a band of iron and bronze, in the grass of the field. Let him be drenched with the dew of heaven, and let his portion be with the wild animals in the grass of the earth. Gufuu fi hiddi isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhamee lafa keessa, marga dirree keessa haa turu. “ ‘Inni fixeensa shamaayʼuniitiin haa jiidhu; biqiltuu keessas bineensota wajjin haa jiraatu.
16 Let his human mind be taken away and a beast's mind be given to him, and let seven periods of time pass over him. Qalbiin isaas qalbii namaa irraa geeddaramee qalbiin horii isaaf haa kennamu; kunis hamma waggaan torba darbutti haa taʼu.
17 The sentence is by the decree of the watchers, the decision by the word of the holy ones, so that the living may know that the Most High rules over the kingdom of men and gives it to whom he will and sets over it the lowliest of men.' “ ‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Allaahan Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’
18 This is the dream I, King Nebuchadnezzar, saw. Tell me its meaning, Belteshazzar, for my kingdom's wise men can't explain it, but you can—the spirit of the holy gods is in you. “Abjuun ani Nebukadnezar mootiin arge kanaa dha. Egaa yaa Beelxishaazaari waan namoota mootummaa kootii qaqqaroo keessaa tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenyeef abjuun sun maal akka taʼe natti himi. Ati garuu sababii hafuurri waaqeffatamtoota qulqulluu si keessa jiruuf ni dandeessa.”
19 Then Daniel, called Belteshazzar, was stunned briefly, alarmed by his thoughts. The king said, "Belteshazzar, don't let the dream or its meaning alarm you." Belteshazzar answered, "My lord, may the dream be for your haters, its meaning for your enemies!" Ergasii Daaniʼel inni Beelxishaazaari jedhamu sun yeroodhaaf akka malee jeeqamee yaadni isaas isa rifachiise. Kanaafuu mootichi, “Yaa Beelxishaazaar, abjuun kun yookaan hiikkaan isaa si hin rifachiisin” jedhe. Beelxishaazaaris akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo abjuun kun warra si jibbaniif, hiikkaan isaa immoo diinota keetiif haa taʼu!
20 The tree you saw grew strong, its top reaching heaven, visible to all the earth, Mukni ati argite kan akka malee guddatee fi cimaan, kan fiixeen isaa shamaayʼun tuqee hamma daarii lafaatti mulʼatu,
21 beautiful leaves, abundant fruit, food for all—wild animals lived beneath it, birds of the sky nested in its branches. kan baalli isaa bareedu, kan ija baayʼee qabu, kan iji isaa waan hundaaf nyaata taʼu, kan bineensotaaf gaaddisa, kan damee isaa irratti simbirroonni shamaayʼun mandhee ijaarratan,
22 It is you, king—you have grown and become strong; your greatness has grown, reaching heaven, your dominion to the ends of the earth. yaa Mootii, mukni sun siʼi! Ati guddaa fi jabaa taateerta; guddinni kee hamma shamaayʼun gaʼutti ol baʼee bulchiinsi kees hamma daarii lafaatti balʼata.
23 Because the king saw a watcher, a holy one, come down from heaven, saying: Cut down the tree, destroy it—but leave the stump of its roots in the ground, bound with a band of iron and bronze in the field's grass. Let him be drenched with the dew of heaven; his portion with the wild animals, until seven periods of time pass over him. “Yaa Mootii, ati malaʼikkaa qulqulluu tokko utuu inni, ‘Mukicha muraa balleessaa; gufuu fi hidda isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhaatii lafa keessatti marga dirree irratti dhiisaa; inni fixeensa shamaayʼuniitiin haa jiidhu; akka bineensota bosonaatti haa jiraatu; waggaan torbas isa haa darbu’ jechaa shamaayʼuniidhaa buʼu argite.
24 This is the interpretation, my king: the Most High's decree has come upon my lord the king, “Yaa Mootii hiikkaan isaa kana; labsiin Allaahan Waan Hundaa Olii gooftaa koo irratti baases kana:
25 you'll be driven from people to live among wild animals, eating grass like oxen, drenched with the dew of heaven, until seven times pass over you and you know the Most High rules the human kingdom, giving it to whoever he chooses. Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa shamaayʼuniitiinis ni jiita. Ati hamma akka Allaahan Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba.
26 The command to leave the stump and its roots in the ground: your kingdom will be restored to you once you know Heaven rules. Ajajni akka gufuun muka sanaa hidda isaa wajjin hafuuf kenname sunis akka mootummaan kee yeroo ati ol aantummaan kan shamaayʼun taʼe beektutti siif deebifamu argisiisa.
27 So, king, accept my advice: break from your sins through righteousness, your wrongdoing through mercy to the poor, so your prosperity may continue. Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.”
28 All this came upon King Nebuchadnezzar. Kun hundi Nebukadnezar Mooticha irra gaʼe.
29 Twelve months later, he was walking on the roof of Babylon's royal palace. Jiʼa kudha lama booddee mootichi utuu gubbaa masaraa mootummaa Baabilon irra asii fi achi deddeebiʼaa jiruu,
30 The king said, "Is this not great Babylon I built as a royal house by my mighty power, for the glory of my majesty?" “Kun Baabilon guddittii ani akka isheen mana jireenya mootii taatuuf ulfina maqaa kootiif jedhee humna koo jabaadhaan ijaare sanaa mitii?” jedhe.
31 The words were still in the king's mouth when a voice fell from heaven: "King Nebuchadnezzar, this is said to you: the kingdom has left you. Utuu inni dubbii isaa afaanii hin fixatin sagaleen akkana jedhu tokko shamaayʼuniidhaa dhufe; “Yaa Nebukadnezar Mooticha, wanni sirratti labsame kana: Aangoon mootummaa keetii sirraa fudhatameera.
32 You'll be driven from people, living with wild animals, eating grass like an ox. Seven periods will pass over you, until you know the Most High rules mankind's kingdom and gives it to whomever he wills." Ati uummata keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta. Akka looniis marga nyaatta. Hamma ati akka Allaahan Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti Gooftaa taʼee fi akka inni mootummoota sana abbaa fedheef kennu beektutti waggaan torba si darba.”
33 At once the word came true against Nebuchadnezzar: driven from people, he ate grass like cattle, his body soaked by the dew of heaven, until his hair grew like eagle feathers, his nails like bird claws. Yommusuma wanni waaʼee Nebukadnezar dubbatame sun ni raawwatame. Innis uummata keessaa ariʼamee akka loonii marga nyaate. Inni hamma rifeensi isaa akka baallee risaa guddatee qeensi isaa akka qeensa allaattii fakkaatutti dhagni isaa fixeensa shamaayʼuniitiin jiidhe.
34 When the days ended, I, Nebuchadnezzar, raised my eyes to heaven, and my reason returned. I blessed the Most High, praised and honored the One who lives forever, whose rule is everlasting, whose kingdom spans every generation. Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara shamaayʼun ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Allaah Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti; mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufee dhaabata.
35 All the inhabitants of the earth are counted as nothing, and he does according to his will among the host of heaven and among the inhabitants of the earth; and no one can hold back his hand or say to him, "What have you done?" Uummanni lafaa hundi wayittuu hin hedaman. Inni humnoota shamaayʼun irratti, namoota lafaa irrattis, waanuma fedhe hojjeta. Namni harka isaa dhowwuu yookaan “Ati maal hojjechaa jirta?” jedhee isa gaafachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
36 Then my sanity returned; my majesty and splendor returned for my kingdom's glory. My advisers and nobles sought me; I was restored over my kingdom, and surpassing greatness was added to me. Akkuma qalbiin koo naaf deebiʼeenis, ulfina mootummaa kootiitiif ulfinnii fi miidhaginni koo yommusuma naaf deebiʼan. Gorsitoonnii fi qondaaltonni koo na barbaadan; anis teessoo kootti deebifamee kan durii caalaas guddaa nan taʼe.
37 Now I, Nebuchadnezzar, praise, exalt, and honor Heaven's King, for all his works are right, his ways just; those walking in pride he can humble. Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha shamaayʼun sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]