Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

2 Peter 1 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Simon Peter, servant and apostle of Jesus Christ, to those given a faith as precious as ours through the righteousness of our God and Savior Jesus Christ: Simoon Phexros garbichaa fi ergamaa Iisaa Al-Masiihii irraa, Gara warra karaa qajeelummaa Allaah keenyaa fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiin amantii akkuma amantii keenyaa gatii guddaa qabu sana argattaniitti:
2 May grace and peace be multiplied to you through knowing our Father and Jesus our Lord. Beekumsa Allaahatii fi beekumsa Gooftaa keenya Iisaatiin ayyaanni haa baayʼatu. Assalaam aleeyikum.
3 His divine power gave us all we need for life and devotion to God, through knowing him who called us by his glory and excellence. Humni waaqeffamummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Allaahatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.
4 Through these he gave us his precious and very great promises, so that through them you may share the divine nature, having escaped the world's corruption from evil desires. Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala Allaah taʼuu isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
5 So, making every effort, add goodness to your faith, and to goodness, knowledge; Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa;
6 to knowledge, self-control; to self-control, endurance; to endurance, devotion to God, akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Allaahatti buluu,
7 to devotion to God, brotherly affection; to brotherly affection, love. Allaahatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
8 If you have these qualities, growing, they'll keep you from being useless or fruitless in knowing our Lord Jesus Christ. Yoo isin waan kana hunda qabaattanii ittuma isinii baayʼachaa deeme, wanni kun akka isin Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi beekuu keessatti dadhaboo fi buʼaa dhabeeyyii hin taane isin godha.
9 Whoever lacks these things is blind, shortsighted, forgetting he was cleansed from his past sins. Garuu namni waan kana hin qabne kam iyyuu jaamaa dha; fagoottis arguu hin dandaʼu; cubbuu isaa durii sana irraa qulqulleeffamuu isaa irraanfateera.
10 So, brothers and sisters, strive to confirm your calling and election; do these things and you will never stumble. Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;
11 This way you'll be richly given entrance into the eternal kingdom of our Lord and Savior Jesus Christ. akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti galuun guutummaatti isiniif kennama.
12 So I will always remind you of these things, though you know them and stand firm in the truth you now hold. Kanaafuu isin wantoota kanneen beektanii, dhugaa amma qabdan kanatti jabaatanii dhaabattanii iyyuu ani yeroo hunda wantoota kanneen isin yaadachiisuu nan barbaada.
13 I think it right to keep stirring you with reminders while I remain in this tent, Ani hamman dunkaana kana keessa jirutti waan kana isin yaadachiisuudhaan isin dammaqsuu koo qajeelaa nan seʼa;
14 since I know I'll soon set my tent aside, as our Lord Jesus Christ showed me. ani akka Gooftaan keenya Iisaa Al-Masiihiin naaf ibsetti, dunkaana koo kana akkan dafee of irraa baasu beekaatii.
15 I will also strive so you can always recall these things after I depart. Ani akka isin erguma ani isin biraa godaanee booddee yeroo hunda waan kana yaadachuu dandeessan gochuuf nan carraaqa.
16 For we didn't follow ingenious myths to tell you of our Lord Jesus Christ's power and coming—we were eyewitnesses of his majesty. Nu yommuu waaʼee humnaa fi dhufaatii Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii isinitti himnetti, surraa isaa ijuma keenyaan argineeti malee oduu haxxummaadhaan uumame duukaa buunee miti.
17 He received honor and glory from our Father when a voice came to him from the Majestic Glory: "This is my Son, the one I love; I delight in him." Innis yommuu sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada” jedhu sun Ulfina Surra qabeessa sana biraa dhufeefitti, Allaah Abbaa biraa kabajaa fi ulfina argateeraatii.
18 We ourselves heard this voice come from heaven, for we were with him on the holy mountain. Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun shamaayʼun irraa dhufuu dhageenye.
19 We also have the prophetic word made more certain—you do well to attend to it, like a lamp shining in a dark place, until day dawns and the morning star rises in your hearts. Kanaafuu dubbiin nabiiʼiyyoonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.
20 Above all, you must understand that no prophecy of Scripture comes from one's own interpretation. Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa nabiiʼiyyichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu.
21 No prophecy ever came by human will, but men spoke from our Father, carried along by the Holy Spirit. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Allaahatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]