Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

2 Chronicles 8 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 After twenty years, in which Solomon built the house of our Father and his own palace, Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Suleyimaan mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi mana ofii isaa ijaaretti,
2 Solomon rebuilt the cities that Huram had given him, and settled the people of Israel in them. Suleyimaan gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.
3 Then Solomon marched against Hamath-zobah and overpowered it. Ergasii immoo Suleyimaan Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.
4 He built Tadmor in the wilderness, along with all the storage cities he built in Hamath. Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.
5 He also rebuilt Upper Beth-horon and Lower Beth-horon as fortified cities, with walls, gates, and bars, Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;
6 Baalath, all Solomon's supply cities, his chariot and horsemen cities, and all he desired to build in Jerusalem, Lebanon, and his whole realm. kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
7 There were still people left from the Hittites, Amorites, Perizzites, Hivites, and Jebusites, who were not Israelites. Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
8 Their descendants still living in the land, whom Israel had not destroyed, Solomon conscripted for forced labor, as they still are today. Suleyimaanis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
9 Solomon enslaved no Israelites for his work; they were soldiers, commanders of his officers, and commanders of his chariots and horsemen. Suleyimaan garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.
10 These were King Solomon's chief officers: 250 who supervised the people. Isaan akkasumas qondaaltota Suleyimaan Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
11 Solomon brought Pharaoh's daughter from the City of David to the house he built her, saying, "No wife of mine will live in David king of Israel's house, for holy is wherever our Father's ark has entered." Suleyimaanis, “Sababii iddoon taabonni Rabbii Allaah seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawud Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawud keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
12 Then Solomon offered burnt offerings to our Father on the altar he built before the portico, Suleyimaan iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Rabbii Allaah duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Rabbii Allaahaf ni dhiʼeesse;
13 daily as required, by Moses' command: Sabbaths, New Moons, and three yearly festivals—the Feast of Unleavened Bread, the Feast of Weeks, and the Feast of Tabernacles. kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Muusaan Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.
14 Following his father David's rules, he set priestly divisions for service, Levite divisions to praise and serve before the priests as each day required, and gatekeeper divisions at each gate, for David the man of our Father had commanded it. Innis akkuma seera abbaa isaa Daawuditti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawud namni Allaaha sun waan kana ajajeetii.
15 They followed the king's orders to the priests and Levites exactly, down to the storerooms. Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
16 All Solomon's work was finished, from the day our Father's house was founded until its completion; our Father's house was complete. Hojiin Suleyimaan hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Rabbii Allaah buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Rabbii Allaah ni xumurame.
17 Then Solomon went to Ezion-geber and Eloth on the seacoast in the land of Edom. Ergasii Suleyimaan gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.
18 Huram sent him ships by his servants, with sailors who knew the sea; they sailed with Solomon's servants to Ophir, took about seventeen tons of gold, and brought it to King Solomon. Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Suleyimaan wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Suleyimaan Mootichatti kennan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]