Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

2 Chronicles 5 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Solomon completed all the work for the house of our Father. He then brought in his father David's dedicated things—silver, gold, all the vessels—and put them in the storerooms of the house of our Father. Suleyimaan yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Rabbii Allaahatiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawud Allaahaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota hunda fidee mankuusa mana qulqullummaa Allaaha keessa kaaʼe.
2 Solomon then gathered Israel's elders, all tribal heads, and leaders of Israel's ancestral families in Jerusalem, to bring up the ark of the covenant of our Father from the City of David, also called Zion. Ergasii Suleyimaan Xiyoon magaalaa Daawud irraa taabota kakuu Rabbii Allaah ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti walitti waame.
3 So all the men of Israel gathered before the king at the feast in the seventh month. Israaʼeloonni hundinuus jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti mooticha biratti walitti qabaman.
4 When all the elders of Israel had come, the Levites took up the ark. Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti Lewwonni taaboticha ol fuudhan;
5 The priests and Levites brought up the ark, the tent of meeting, and all the holy vessels in it. isaanis taabota sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman kanneen dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Lewwonni luboota taʼanis baatanii ol isaan fidan;
6 King Solomon and all Israel's assembly who had gathered before him stood before the ark, sacrificing sheep and cattle too many to count or number. Suleyimaan Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
7 The priests brought our Father's covenant ark to its place, the house's inner sanctuary, the Most Holy Place, beneath the cherubim's wings. Luboonnis ergasii taabota kakuu Rabbii Allaah sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
8 For the cherubim spread their wings over the ark's place, covering it and its poles from above. Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan.
9 The poles were long enough that their ends showed from the ark before the inner sanctuary, but not outside; they remain there to this day. Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii taaboticha biraa dhedheerattee fuula Iddoo Qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu iddoo qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
10 The ark held nothing but the two tablets Moses placed there at Horeb, where our Father made a covenant with the Israelites when they left Egypt. Taabota sana keessa gabateewwan kanneen Muusaan Kooreebitti, iddoo Rabbii Allaahan erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
11 Then the priests left the holy place. (All priests present had made themselves holy, regardless of their divisions, Luboonnis Iddoo Qulqulluu sanaa ni baʼan. Luboonni achi turan hundinuu yoo dabareen kan isaanii taʼuu baate iyyuu of qulqulleessanii turan.
12 and all the Levite singers—Asaph, Heman, Jeduthun, their sons and relatives—stood east of the altar in fine linen, playing cymbals, harps, and lyres, with 120 priests blowing trumpets.). Lewwonni faarfattoota turan jechuunis Asaaf, Heemaan, Yeduutuun, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii iddoo aarsaa bira karaa baʼa biiftuutiin dhaabatanii kilillee kililchaa, baganaa fi kiraara taphachaa turan. Luboonni 120 kanneen malakata afuufan isaan wajjin turan.
13 The trumpeters and singers, united, praised and thanked our Father with one voice—raising their voices with the trumpets, cymbals, and instruments, they praised him: "He is good; his covenant love endures forever." Then a cloud filled our Father's house, Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni Rabbii Allaah leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii Rabbii Allaah galateeffachuudhaan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhanii faarfatan. Ergasiis manni qulqullummaa Rabbii Allaah duumessaan ni guutame;
14 so the priests couldn't stand to serve because of the cloud, for the glory of our Father filled the house of our Father. luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Rabbii Allaah mana qulqullummaa Allaaha guutee tureetii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]