Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

2 Chronicles 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Solomon resolved to build a house for our Father's name, and a royal palace for himself. Suleyimaanis akka Maqaa Rabbii Allaahatiif manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje.
2 Solomon assigned 70,000 carriers, 80,000 stonecutters in the mountains, and 3,600 overseers over them. Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse.
3 Solomon sent to Huram king of Tyre: "Deal with me as you did with my father David, sending him cedar to build his house to live in. Suleyimaan akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge: “Akkuma yeroo akka Daawud abbaan koo mana keessa jiraatu ittiin ijaarratuuf muka birbirsaa ergiteef sana anaafis muka birbirsaa ergi.
4 I am building a house for the name of my Father, to dedicate it to him—to burn fragrant incense before him, set out the bread of the Presence continually, offer burnt offerings morning and evening, on sabbaths, new moons, and appointed feasts of our Father. Israel must do this forever. Kunoo ani Maqaa Rabbii Allaah kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana Rabbii Allaah keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti.
5 The house I am building will be great, for our Father is greater than all gods. “Sababii Allaahan keenya waaqeffatamtoota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa.
6 But who can build him a house, when heaven and the highest heavens cannot contain him? And who am I to build him one, except to burn sacrifices before him? Garuu waan shamaayʼuniiwwanii fi shamaayʼuniiwwan shamaayʼun olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu?
7 Now send me a craftsman skilled in gold, silver, bronze, iron, purple, crimson, and blue yarn, and in engraving, to work with my skilled workers in Judah and Jerusalem, whom my father David provided. “Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawud qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi.
8 Send me also cedar, cypress, and red sandalwood from Lebanon, for I know your servants skillfully cut Lebanon's timber; my servants will join yours. “Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu;
9 Prepare plenty of timber for me, for the house I am building will be great and wonderful. sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii.
10 For your servants who cut the timber I will give about 125,000 bushels of crushed wheat, 125,000 of barley, 115,000 gallons of wine, and 115,000 of oil." Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.”
11 Huram king of Tyre wrote Solomon: "Because the LORD loves his people, he made you their king." Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Suleyimaaniif deebise: “Rabbii Allaahan waan saba isaa jaallatuuf mootii isaanii si godhe.”
12 Huram said: "Blessed be the LORD, God of Israel, maker of heaven and earth! He gave King David a wise son with insight and understanding, to build a house for the LORD and a royal palace for himself. Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe: “Rabbii Allaahan Israaʼel inni shamaayʼunii fi lafa uume sun haa eebbifamu! Inni Daawud mootichaaf ilma beekaa ogummaa fi hubannaan guutame kan Rabbii Allaahaf mana qulqullummaa, ofii isaatiif immoo masaraa mootummaa ijaaru tokko kenneera.
13 Now I am sending you a skilled craftsman, gifted with understanding, Huram-abi, “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera;
14 son of a woman of Dan's daughters, his father a man of Tyre—skilled in gold, silver, bronze, iron, stone, wood, purple, blue, and crimson yarn, and fine linen. He can do any engraving and carry out any design assigned to him, working with your craftsmen and those of my lord David, your father. haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawud wajjin ni hojjeta.
15 So let my lord send his servants the wheat, barley, oil, and wine he promised, “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu;
16 and we'll cut all the timber you need from Lebanon, float it to you as rafts by sea to Joppa, and you can haul it up to Jerusalem." nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.”
17 Solomon counted all the foreigners residing in the land of Israel, as his father David had; they numbered 153,600. Suleyimaan erga Daawud abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe.
18 He assigned 70,000 as carriers, 80,000 as stonecutters in the mountains, and 3,600 as overseers to keep the people working. Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]