Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Romans 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Paul, a servant of Christ Jesus, called to be an apostle, set apart for the gospel of our Father, Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:
2 the gospel he promised beforehand through his prophets in the holy Scriptures, Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
3 concerning his Son, who in his earthly life was descended from David, Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee,
4 and was declared to be the Son of our Father in power according to the Spirit of holiness by his resurrection from the dead—Jesus Christ our Lord. akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.
5 Through him we received grace and apostleship for the obedience of faith among all the nations, for his name's sake, Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra.
6 and you also are among those called to belong to Jesus Christ. Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.
7 To all in Rome, loved by our Father and called his holy people: Grace to you and peace from our Father and the Lord Jesus Christ. Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf: Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
8 First, I thank my Father through Jesus Christ for all of you, since your faith is reported worldwide. Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha.
9 For our Father is my witness, whom I serve with my spirit in the gospel of his Son, that I constantly remember you in my prayers, Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;
10 asking that somehow by our Father's will I may now at last succeed in coming to you. ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha.
11 For I long to see you, to share a spiritual gift that strengthens you, Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa;
12 that is, that we may be mutually encouraged by each other's faith, both yours and mine. kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
13 I want you to know, brothers and sisters: I often planned to visit you, but was kept from it until now—to reap some harvest among you too, as among the rest of the nations. Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.
14 I'm obligated to Greeks and non-Greeks, to wise and foolish. Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
15 So I am eager to preach the gospel to you also who are in Rome. Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.
16 I'm not ashamed of the gospel—it is our Father's power for salvation to everyone who believes, to the Jew first, and also the Greek. Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
17 For in it our Father's righteousness is revealed, from faith to faith, as it is written: "The righteous will live by faith." Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
18 For our Father's wrath is revealed from heaven against all human godlessness and injustice, people who suppress the truth by injustice. Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;
19 What can be known about our Father is evident to them, for he has made it evident to them. kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii.
20 Since the world's creation, his invisible qualities—eternal power and divine nature—are clearly seen, understood from what he made. So they have no excuse. Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.
21 Though they knew our Father, they didn't honor him as God or thank him—instead their thinking became empty, and their senseless hearts grew dark. Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.
22 Claiming to be wise, they became fools, Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
23 and exchanged our immortal Father's glory for images shaped like mortal man and birds and animals and reptiles. ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
24 So our Father gave them over to their hearts' desires, to impurity, dishonoring their bodies among themselves, Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.
25 because they traded the truth about our Father for a lie, worshiping and serving the creation instead of the Creator, who is blessed forever. Amen. Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.
26 Because of this, our Father gave them over to shameful desires. Their women exchanged natural relations for unnatural ones. Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran.
27 Likewise, men too abandoned natural relations with women, burning with lust for each other—men committing indecency with men, and receiving in themselves the penalty their error deserved. Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.
28 Since they refused to keep our Father in their knowledge, he handed them over to an unfit mind, to do improper things. Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne.
29 They were filled with all injustice, evil, greed, and malice; full of envy, murder, conflict, deceit, and spite; they are gossips, Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,
30 slanderers, haters of our Father, insolent, arrogant, boastful, inventors of evil, disobedient to their parents, warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha;
31 foolish, faithless, heartless, ruthless. isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha.
32 Though they know our Father's righteous decree that those who do such things deserve death, they not only do them but applaud those who do them. Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]