Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 16 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The plans of the heart belong to man, but the answer of the tongue comes from our Father. Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
2 All a man's ways are pure in his own eyes, but our Father weighs the motives. Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
3 Commit your works to our Father, and your plans will be established. Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
4 Our Father has made everything for its purpose, even the wicked for the day of trouble. Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
5 Everyone proud of heart is detestable to our Father; be assured, he will not go unpunished. Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
6 Loving devotion and faithfulness atone for sin, and the fear of our Father turns a person away from evil. Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
7 When a man's ways please our Father, our Father makes even the man's enemies live at peace with him. Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
8 Better a little with righteousness than great income with injustice. Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
9 The heart of man plans his way, but our Father establishes his steps. Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
10 A divine verdict is on the lips of a king; his mouth does not betray justice. Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
11 Honest scales and balances belong to our Father; every weight and measure is his work. Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
12 It is detestable for kings to do wickedness, for a throne is established through righteousness. Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
13 Righteous lips are the delight of kings, and they love the one who speaks what is right. Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
14 A king's wrath is a messenger of death, but a wise man will appease it. Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
15 In the light of a king's face is life, and his favor is like a cloud bringing the spring rain. Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
16 How much better to get wisdom than gold! Getting understanding is worth more than silver. Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
17 The highway of the upright turns away from evil; whoever guards his way protects his life. Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
18 Pride goes before destruction, and a haughty spirit before a fall. Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
19 Better to be lowly in spirit among the poor than to share the plunder with the proud. Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
20 Whoever heeds the word will find good, and blessed is the one who trusts in our Father. Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
21 The wise of heart is called discerning, and pleasant speech increases persuasiveness. Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
22 Understanding is a fountain of life to the one who has it, but fools are corrected by their own foolishness. Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
23 The heart of the wise makes his speech wise and adds persuasiveness to his lips. Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
24 Pleasant words are a honeycomb, sweet to the soul and healing to the bones. Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
25 There is a way that seems right to a man, but its end is the way of death. Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
26 A worker's appetite works for him; his hunger drives him on. Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
27 A worthless man digs up evil, and on his lips is a scorching fire. Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
28 A perverse man spreads strife, and a gossip separates close friends. Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
29 A violent man entices his neighbor and leads him down a harmful path. Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
30 Whoever winks his eyes plots perversity; whoever purses his lips is bent on evil. Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
31 Gray hair is a crown of glory; it is gained in the way of righteousness. Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
32 Better a patient person than a mighty one, and one who rules his spirit than one who takes a city. Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
33 The lot is cast into the lap, but its every decision is from our Father. Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]