Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Mark 11 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Nearing Jerusalem, at Bethphage and Bethany by the Mount of Olives, Jesus sent two of his disciples ahead, Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge;
2 telling them, "Go into the village ahead of you, and as soon as you enter it, you'll find a tied colt no one has ever ridden. Untie it and bring it here." akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa.
3 If anyone asks you, 'Why are you doing this?' say, 'The Lord needs it and will send it back here at once.' Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.”
4 They went and found a colt tied at a doorway outside in the street, and untied it. Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis,
5 Some of those standing there asked them, "What are you doing, untying that colt?" namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
6 They answered as Jesus had told them, and the people let them go. Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan.
7 They brought the colt to Jesus and threw their cloaks over it, and he sat on it. Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe.
8 Many spread their cloaks on the road; others spread leafy branches cut from the fields. Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan.
9 Those who went ahead and those who followed were shouting, "Hosanna! Blessed is he who comes in the name of our Father! Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”
10 Blessed is the coming kingdom of our father David! Hosanna in the highest!" “Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
11 Jesus entered Jerusalem and the temple, looked around at everything, and—since it was already late—went out to Bethany with the Twelve. Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.
12 The next day, as they were leaving Bethany, Jesus was hungry. Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe.
13 Seeing a leafy fig tree in the distance, he went to see if it had anything on it. Reaching it, he found nothing but leaves, since it wasn't fig season. Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne.
14 Then he told it, "May no one ever eat fruit from you again." His disciples heard him say it. Yesuusis muka sanaan, “Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin” jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan.
15 They arrived in Jerusalem, and Jesus entered the temple and began driving out the sellers and buyers there. He overturned the money-changers' tables and the seats of those selling doves, Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
16 and he would not allow anyone to carry merchandise through the temple courts. Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne.
17 And he taught them, saying, "Isn't it written: 'My house will be called a house of prayer for all the nations'? But you've made it a den of robbers." Innis akkana jedhee isaan barsiise; “ ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’ jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu.”
18 The chief priests and scribes heard this and sought a way to destroy him, for they feared him, since the whole crowd was amazed at his teaching. Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii.
19 And when evening came, they went out of the city. Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan.
20 In the morning, as they passed by, they saw the fig tree withered from its roots. Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan.
21 Peter remembered and said to him, "Rabbi, look! The fig tree you cursed has withered." Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe.
22 Jesus answered them, "Have faith in our Father. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Waaqatti amanaa.
23 Truly I tell you, whoever tells this mountain, 'Be lifted up and thrown into the sea,' without doubting in his heart but believing what he says will happen—it will be done for him. Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
24 So I tell you: whatever you pray and ask for, believe you've received it - it will be yours. Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
25 When you stand praying, forgive whatever you hold against anyone, so your Father in heaven may also forgive you your sins." Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [
26 Not in this edition Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]
27 They returned to Jerusalem. While Jesus walked in the temple, the chief priests, scribes, and elders came to him, Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan.
28 and asked, "By what authority are you doing this? Or who gave you this authority to do it?" Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.
29 Jesus said to them, "I'll ask you one question. Answer me, and I'll tell you by what authority I do these things. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
30 John's baptism—was it from heaven, or of human origin? Answer me." Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”
31 They discussed it among themselves: "If we say, 'From heaven,' he'll ask, 'Then why didn't you believe him?' Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata;
32 But if we say, 'From humans'"—they feared the crowd, since all considered John a true prophet. Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.
33 They answered Jesus, "We don't know." Jesus said, "Neither will I tell you by what authority I do these things." Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]