Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Leviticus 7 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 "This is the law of the guilt offering. It is most holy. “ ‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:
2 Where they slaughter the burnt offering, they must slaughter the guilt offering; splatter its blood on all sides of the altar. Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.
3 All its fat is offered: the fat tail and fat covering the inner organs, Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,
4 the two kidneys and their fat at the loins, and the liver's long lobe, removed with the kidneys. kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.
5 The priest burns them on the altar as a food offering to our Father; a guilt offering. Lubichis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.
6 Any male priest may eat it, eaten only in a holy place; it is most holy. Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
7 "The sin offering and guilt offering share one law: it belongs to the priest who makes atonement with it. “ ‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.
8 The priest who offers anyone's burnt offering keeps its hide for himself. Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.
9 Any grain offering baked in an oven, and all made in a pan or on a griddle, belongs to the priest who offers it. Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;
10 Every grain offering, mixed with oil or dry, belongs equally to all Aaron's sons. kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu.
11 "This is the law of the sacrifice of peace offerings that anyone may bring to our Father. “ ‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu kana.
12 If he presents it as a thank offering, with it he must offer unleavened cakes mixed with oil, unleavened wafers coated with oil, and cakes of fine flour well kneaded and mixed with oil. “ ‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.
13 He must bring loaves of leavened bread with his thanksgiving sacrifice of peace offerings. Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.
14 From it he must give one of each as a contribution to our Father; it belongs to the priest who spatters the blood of the peace offerings. Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.
15 The meat of his thanksgiving peace offerings must be eaten the day it's offered; none of it may remain until morning. Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.
16 "If his offering is a vow or voluntary sacrifice, it must be eaten the day he offers it; what remains may be eaten the next day. “ ‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.
17 But any sacrifice flesh remaining on the third day must be burned in fire. Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.
18 If any of his peace offering's meat is eaten on the third day, it won't be accepted, it won't count for the offerer—it's tainted, and whoever eats it bears his guilt. Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.
19 "Flesh that touches anything unclean must not be eaten—burn that flesh in fire. But other flesh: anyone clean may eat it. “ ‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.
20 Anyone who eats meat of our Father's peace offering while unclean will be cut off from his people. Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.
21 Whoever touches anything unclean—human impurity, an unclean animal, or any unclean, detestable thing—then eats meat from our Father's peace offering, that person will be cut off from his people." Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’ ”
22 Our Father spoke to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 "Tell the people of Israel: Do not eat any fat from ox, sheep, or goat. “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.
24 Fat from a carcass or animal mauled by a predator may serve any purpose, but never eat it. Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.
25 Anyone who eats fat from an animal offered to me by fire will be cut off from his people. Namni horii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.
26 You must not eat any blood at all, from bird or animal, wherever you live. Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.
27 Anyone who eats any blood will be cut off from his people." Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”
28 Our Father spoke to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
29 "Speak to the Israelites: Whoever presents his peace offering to me must bring his offering to me from that sacrifice. “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
30 With his hands he must bring my food offerings; the fat with the breast he must bring, to wave the breast as a wave offering before me. Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
31 The priest burns the fat on the altar; the breast belongs to Aaron and his sons. Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.
32 You are to give the right thigh to the priest as a contribution from your peace offerings. Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.
33 Whichever son of Aaron offers the peace offering's blood and fat gets the right thigh as his portion. Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.
34 For I have taken the breast of the wave offering and thigh of the contribution from Israel's peace offerings, and given them to Aaron the priest and his sons as a permanent share from Israel." Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ”
35 This is Aaron and his sons' portion from our Father's food offerings, from the day they were presented to serve our Father as priests. Gaafa isaan lubummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.
36 Our Father commanded this be given them from the Israelites, the day he anointed them—a permanent share for all their generations. Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Waaqayyo ajajeera.
37 This is the law for burnt offerings, grain offerings, sin offerings, guilt offerings, ordination offerings, and peace offerings, Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;
38 which our Father commanded Moses on Mount Sinai, the day he commanded the people of Israel to bring their offerings to our Father in the Wilderness of Sinai. kunis ajaja Waaqayyo gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Waaqayyoof dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]