Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

John 16 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 "I have told you all this so that you will not fall away. “Ani akka isin hin gufanneef jedhee wantoota kanneen isinitti himeera.
2 They will expel you from synagogues; but the hour is coming when whoever kills you will think he offers a service to God. Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa.
3 They will do this because they have not known the Father or me. Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.
4 But I've told you this so that when their hour comes, you'll remember I told you. I didn't tell you this from the start, because I was with you. Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
5 "But now I'm going to him who sent me, and none of you asks me, 'Where are you going?' “Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; taʼus isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu tokko iyyuu hin jiru.
6 Instead, because I have said these things to you, sorrow has filled your heart. Garuu waan ani wantoota kanneen isinitti himeef garaan keessan gaddaan guutameera.
7 I tell you the truth: my going is for your good. If I don't go, the Helper, the Holy Spirit, won't come to you. But if I go, I will send him to you. Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.
8 And when he comes, he will convict the world concerning sin and righteousness and judgment: Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;
9 concerning sin, because they do not believe in me; waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;
10 concerning righteousness, because I am going to my Father and you will see me no longer; waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef;
11 concerning judgment, because the ruler of this world has been judged. waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.
12 "I still have many things to say to you, but you cannot bear them now. “Ani amma iyyuu waanan isinitti himu baayʼee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeessan.
13 But when he, the Spirit of truth, comes, he will guide you into all truth. He won't speak on his own, but will speak whatever he hears, and will tell you what is coming. Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
14 He will glorify me, for he will take what is mine and tell it to you. Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.
15 All my Father has is mine; that's why I said he takes from what is mine and will tell you. Wanni Abbaan qabu hundinuu kan koo ti. Inni waanuma koo fuudhee isinitti beeksisa jechuun koos kanumaaf.
16 "Soon you'll no longer see me; then soon again you'll see me." “Isin yeroo muraasa booddee na hin argitan; yeroo muraasa booddee immoo deebitanii na argitu.”
17 So some of his disciples asked each other, "What does he mean: 'In a little while you will not see me, and then in a little while you will see me,' and, 'Because I am going to the Father'?" Barattoota isaa keessaas tokko tokko, “Inni, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ akkanumas ‘Ani waanan gara Abbaa dhaquuf’ nuun jechuun isaa maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan.
18 So they kept saying, "What does he mean, 'a little while'? We don't know what he's talking about." Isaanis, “ ‘Yeroo muraasaaf’ jechuun isaa maal jechuu isaa ti? Maal jechuu isaa akka taʼe nu hin beeknu” jedhan.
19 Jesus knew they wanted to ask him, so he said to them, "Are you asking each other what I meant by saying, 'In a little while you will not see me, and then a little while you will see me'? Yesuus immoo akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; “Wanni ani, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ jedhe sun maal jechuu koo akka taʼe wal gaafachaa jirtuu?
20 "Truly, truly, I tell you: you will weep and mourn, but the world rejoices. You'll grieve, but your grief will become joy. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin ni boossu; ni gadittus. Addunyaan garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni geeddarama.
21 A woman in labor has pain because her hour has come; but once she gives birth, she forgets the anguish, because she is joyful that a person has been born into the world. Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
22 So you also have sorrow now, but I will see you again, and your heart will rejoice, and no one will take your joy from you. Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
23 In that day you will ask me nothing. Truly, truly, I tell you: whatever you ask my Father in my name, he will give you. Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna.
24 Until now you've asked nothing in my name. Ask, and you will receive, so your joy may be complete. Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.
25 I've told you these things in figures. The hour is coming when I'll no longer speak in figures, but tell you plainly about my Father. “Ani wantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebiʼee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; yommus ani waaʼee Abbaa koo ifaan ifatti isinittin hima.
26 That day you'll ask in my name, and I'm not telling you I'll ask my Father on your behalf; Isin gaafas maqaa kootiin ni kadhattu. Ani Abbaa isiniif nan kadhadha isiniin hin jedhu.
27 for the Father himself loves you, because you've loved me and believed I came from our Father. Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.
28 I came from my Father and entered the world; again, I leave the world, going to my Father." Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”
29 His disciples said, "Now you are speaking plainly and not using any figure of speech! Barattoonni isaas akkana jedhan; “Kunoo, ati amma iyyuu fakkeenyaan utuu hin taʼin ifaan ifatti dubbachaa jirta.
30 Now we know you know everything and need no one to ask you questions; so we believe you came from our Father." Akka ati waan hunda beektuu fi akka namni tokko iyyuu gaaffii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma ni beekna. Kanaanis nu akka ati Waaqa biraa baate ni amanna.”
31 Jesus replied, "Do you now believe? Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Isin amma ni amantuu?
32 "See, the hour is coming—has come—when you'll be scattered, each to his own home, leaving me alone. Yet I'm not alone; my Father is with me. Kunoo yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii tokkoon tokkoon keessan gara feetanitti bittinnooftan tokko ni dhufa. Ammuma iyyuu dhufeera. Garuu waan Abbaan koo na wajjin jiruuf ani kophaa koo miti.
33 I've told you this so you may have peace in me. In the world you'll face trouble, but take heart—I've overcome the world." “Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]