Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 45 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Joseph could not control himself before everyone standing by him, so he cried out, "Send everyone away from me!" No one stayed with him when Joseph made himself known to his brothers. Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre.
2 He wept so loudly that the Egyptians heard it, and Pharaoh's household heard it. Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
3 Joseph said to his brothers, "I am Joseph! Is my father still alive?" His brothers could not answer him, for they were terrified at his presence. Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
4 Joseph said to his brothers, "Please, come close to me." They came close. He said, "I am your brother Joseph, whom you sold into Egypt. Yoosefis obboloota isaatiin, “Mee as natti dhiʼaadhaa” jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; “Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha!
5 Now don't be distressed or angry with yourselves for selling me here, since our Father sent me ahead of you to preserve life. Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii.
6 Famine has been in the land two years now; five more years remain with no plowing or harvest. Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru.
7 Our Father sent me ahead of you to preserve a remnant for you on earth, and keep you alive as a great band of survivors. Waaqni lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.
8 So now, it wasn't you who sent me here, but our Father—he made me father to Pharaoh, lord of all his household, and ruler over all the land of Egypt. “Waaqatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe.
9 Hurry, go up to my father, tell him: Your son Joseph says: Our Father has made me lord of all Egypt. Come down to me; don't delay. Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis.
10 You'll live in Goshen, near me—you, your children, your children's children, your flocks, your herds, all you own. Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu.
11 I will provide for you there—five years of famine remain—so you, your household, and all you own don't fall into poverty. Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’
12 Your eyes see, and my brother Benjamin's eyes see, that it is my own mouth speaking to you. “Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Beniyaamis ni arga.
13 Tell my father all my honor in Egypt, and all you have seen. Hurry and bring my father down here. Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.”
14 Then he threw his arms around his brother Benjamin and wept, and Benjamin wept on his neck." Ergasiis morma obboleessa isaa Beniyaamitti marmee booʼe; Beniyaamis booʼaa isa hammate.
15 He kissed all his brothers and wept over them. After that his brothers talked with him. Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.
16 News reached Pharaoh's house: "Joseph's brothers have come." It pleased Pharaoh and his officials. Yommuu akka obboloonni Yoosef dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan.
17 Pharaoh said to Joseph, "Say to your brothers: do this—load your animals, go, return to the land of Canaan. Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii
18 Take your father and your households and come to me. I will give you the best of Egypt's land, and you will eat the richness of the land. abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’
19 You are commanded: tell them, 'Do this—take wagons from Egypt for your children and wives, bring your father, and come. “Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa.
20 Don't worry about your belongings—the best of all Egypt's land is yours.'" Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’ ”
21 The sons of Israel did so; Joseph gave them wagons per Pharaoh's order, and gave them provisions for the road. Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef.
22 He gave each a change of clothes, but Benjamin 300 pieces of silver and five changes of clothes. Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Beniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne.
23 He sent his father ten donkeys loaded with Egypt's best, and ten female donkeys loaded with grain, bread, and food for his journey. Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge.
24 He sent his brothers off; as they left, he said, "Don't quarrel on the way." Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, “Karaatti wal hin lolinaa!” jedheen.
25 So they left Egypt and came to their father Jacob in Canaan. Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhaqan.
26 They told him, "Joseph is still alive—ruler over all Egypt!" But his heart went numb; he didn't believe them. Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya.
27 But when they told him all Joseph's words to them, and he saw the wagons Joseph sent to carry him, their father Jacob's spirit revived. Garuu yeroo jarri waan Yoosef isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yoosef isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaqoob ni bayyanatte.
28 Israel said, "Enough! Joseph my son is still alive. I will go and see him before I die." Israaʼelis, “Na gaʼa! Ilmi koo Yoosef amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga” jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]