Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 39 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Joseph was brought down to Egypt; Potiphar, Pharaoh's Egyptian official and captain of the guard, bought him from the Ishmaelites who had brought him down there. Yeroo kanatti Yoosef Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ishmaaʼeeloota achi isa geessan irraa isa bitate.
2 Our Father was with Joseph; he thrived, serving in his Egyptian master's house. Yoosefis waan Waaqayyo isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate.
3 His master saw our Father was with him, our Father making all he did succeed in his hand. Gooftaan isaas akka Waaqayyo isa wajjin jiruu fi akka Waaqayyo waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge;
4 Joseph found favor with him and served him; his master put Joseph over his house, entrusting him with all he owned. Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne.
5 From when he put Joseph over his house and all he owned, our Father blessed the Egyptian's house for Joseph's sake; our Father's blessing was on all he had, house and field. Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture.
6 Potiphar left all he owned in Joseph's care, aware of nothing except what he ate. Joseph was well-built and handsome. Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture;
7 After these things, his master's wife cast her eyes on Joseph and said, "Sleep with me." niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen.
8 He refused, telling his master's wife, "Look, with me here, my master oversees nothing in the house; all he owns he has put in my hands. Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera.
9 He is no greater in this house than I am; he's held back nothing from me except you, since you are his wife. How could I do this great evil and sin against our Father?" Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?”
10 Day after day she spoke to Joseph, but he refused to listen to her, to lie beside her, to be with her. Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.
11 One day Joseph entered the house to do his work, with no household man inside. Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre.
12 She caught him by his garment, saying, "Sleep with me!" He left it in her hand and fled outside. Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.
13 When she saw that he had left his garment in her hand and fled outside, Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti,
14 she called the men of her household and said, "Look—he brought us a Hebrew man to mock us. He came in to me to sleep with me, and I screamed loudly. hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye.
15 When he heard me cry out, he left his garment beside me and fled outside. Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
16 She kept his garment beside her until his master came home." Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse.
17 She told him the same story: "The Hebrew servant you brought us came to me to mock me. Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene.
18 But when I cried out, he left his garment beside me and fled outside." Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
19 When his master heard his wife's words to him—"Your servant did these things to me"—his anger flared. Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate.
20 Joseph's master took him and put him in the prison holding the king's prisoners. He stayed there in the prison. Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti,
21 But our Father was with Joseph, showing him covenant love and favor with the prison warden. Waaqayyo isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe.
22 The prison warden put Joseph in charge of all its prisoners; whatever was done there, he did. Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yoosefin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe.
23 The warden checked nothing in Joseph's care, since our Father was with him—whatever he did, our Father made succeed. Sababii Waaqayyo isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yoosef jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]