Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Genesis 32 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Jacob went on his way, and the angels of our Father met him. Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan.
2 Jacob saw them and said, "This is our Father's camp!" He named that place Mahanaim. Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase.
3 Jacob sent messengers ahead of him to Esau his brother in the land of Seir, the territory of Edom. Yaaqoobis gara obboleessa isaa Esaawu kan biyya Edoom lafa Seeʼiir jedhamu keessa jiraatuutti ergamoota of dura erge.
4 He ordered them, "Tell my lord Esau: your servant Jacob says, I've lived with Laban and stayed until now. Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture.
5 I own oxen, donkeys, flocks, and servants—male and female. I've sent to inform my lord, to find favor in your eyes." Ani loonii fi harroota, hoolotaa fi reʼoota, hojjettoota dhiiraatii fi dubartootas qaba. Ammas ani fuula kee duratti surraa akkan argadhuuf ergaa kana gooftaa kootti nan erga.’ ”
6 The messengers returned to Jacob: "We went to your brother Esau—he's coming to meet you, 400 men with him." Ergamoonni sunis gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Nu obboleessa kee Esaawu bira dhaqneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni dhibba afur isa wajjin jiru” jedhaniin.
7 Jacob was very afraid and distressed. He split the people with him, and the flocks, herds, and camels, into two camps, Yaaqoobis akka malee sodaatee dhiphate; namoota isa wajjin turanis garee lamatti qoode; bushaayee, loowwanii fi gaalawwan illee akkasuma garee lamatti qoode.
8 thinking, "If Esau reaches one camp and attacks it, the remaining camp will escape." Innis, “Yoo Esaawu dhufee garee tokko dhaʼe, gareen kaan jalaa baʼa” jedhee yaade.
9 Then Jacob said, "God of my father Abraham and God of my father Isaac, my Father, who said to me, 'Return to your land and family, so I may treat you well,' Yaaqoob akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqa abbaa koo Abrahaam, Waaqa abbaa koo Yisihaaq, yaa Waaqayyo, isa ‘Ati gara biyya keetii fi gara firoota keetiitti deebiʼi, ani waan gaarii siifin godhaa’ naan jette sun,
10 I am too small for the least of all the covenant love and faithfulness you have shown your servant, for I crossed this Jordan with only my staff, and now I have become two camps. ani gaarummaa fi amanamummaa ati ana garbicha kee argisiifte kana hundaaf hin malu. Ani yeroo Yordaanos kana ceʼetti ulee koo qofa qaban ture; amma garuu garee lama taʼeen jira.
11 Rescue me, please, from my brother's hand, from Esau's hand—I fear him: he may come and strike me down, mothers with children. Ani akka ati harka obboleessa koo Esaawu jalaa na baastu sin kadhadha. Ani, ‘Inni dhufee na ajjeesa; haadhotas ijoollee isaanii wajjin ni ajjeesa’ jedhee sodaadheeraatii.
12 But you said, 'I will surely be good to you and make your descendants like the sand of the sea, too many to count.'" Ati garuu, ‘Ani dhugumaan waan gaarii siifin godha; sanyii kees akka cirracha galaanaa kan lakkaaʼamuu hin dandeenye sanaa nan godha’ jetteerta.”
13 He stayed there that night, then took a gift for his brother Esau from what he had: Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate;
14 200 female goats and twenty male goats, 200 ewes and twenty rams, isaanis reʼoota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii reʼee digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama,
15 thirty nursing camels with their young, forty cows, ten bulls, twenty female donkeys, ten male donkeys. gaalawwan dhalaa soddoma ilmaan isaanii wajjin, saawwan afurtama, jiboota loonii kudhan, harroota dhaltuu digdama, wadala harrootaa kudhan turan.
16 He gave them to his servants, drove by drove, separately, and told his servants, "Pass ahead of me, and leave space between drove and drove." Innis karra karraan addaan baasee tajaajiltoota isaatti kennee, “Na dura darbaa deemaa; karrawwan horii gidduuttis lafa hambisaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
17 He ordered the first, "When Esau my brother meets you and asks you, 'Whose are you? Where are you going? Whose are these ahead of you?' Namicha fuula duraan jiru sanaanis akkana jedhe: “Yoo Esaaw obboleessi koo sitti dhufe, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin fuula kee dura jiru kun kan eenyuu ti?’ jedhee si gaafate,
18 then say, 'They're your servant Jacob's, a gift sent to my lord Esau. Look, he himself is behind us.'" ati, ‘Kan garbicha kee Yaaqoob. Isaanis kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamanii dha; kunoo, Yaaqoobis nu duubaan dhufaa jira’ jechuu qabda.”
19 He also commanded the second, the third, and all who followed the herds, "Say the same to Esau when you find him, Namicha lammaffaa, sadaffaa fi warra karrawwan sana faana deeman hundas akkana jedhee ajaje; “Isinis yoo Esaawun argitan waanuma kana isatti himaa.
20 and you will say, 'Also, your servant Jacob is behind us.'" For he thought, "I will appease him with the gift ahead of me, then see his face; perhaps he'll accept me." Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii.
21 So the gift passed on ahead of him, and he himself stayed that night in the camp. Kennaan Yaaqoobiis isa dura darbe; Yaaqoob garuu halkan sana qubata sana keessa bule.
22 That night he got up, took his two wives, two female servants, and eleven sons, and crossed the Jabbok ford. Halkanuma sana Yaaqoob kaʼee niitota isaa lamaan, xomboreewwan isaa lamaanii fi ilmaan isaa kudha tokko fudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.
23 He took them and sent them across the stream, and likewise sent across everything he had. Innis erga laga isaan ceesisee booddee qabeenya isaa hunda erge.
24 And Jacob was left alone. And a man wrestled with him until the breaking of the day. Yaaqoob immoo kophaa isaa hafe; namichi tokkos hamma lafti bariitutti walʼaansoo isa qabe.
25 Seeing he could not defeat Jacob, the man touched his hip socket, and Jacob's hip was wrenched as they wrestled. Namichis yommuu akka Yaaqoobin moʼachuu hin dandeenye argetti, buusaa luqqeettuu Yaaqoob tuqe; yeroo inni namicha wajjin walʼaansoo qabettis luqqeettuun Yaaqoob ni adoode.
26 He said, "Let me go; dawn is breaking." But Jacob said, "I won't let you go unless you bless me." Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise.
27 And he said to him, "What is your name?" And he said, "Jacob." Namichis, “Maqaan kee eenyu” jedhee isa gaafate. Inni immoo, “Yaaqoob” jedhee deebise.
28 He said, "You will no longer be named Jacob, but Israel, for you have struggled with our Father and with men, and won." Namichis, “Ati sababii Waaqaa fi namoota wajjin walʼaansoo qabdee moʼatteef siʼachi Israaʼel jedhamta malee Yaaqoob hin jedhamtu” jedhe.
29 Jacob asked him, "Please tell me your name." He said, "Why do you ask my name?" And he blessed him there. Yaaqoobis, “Maaloo maqaa kee natti himi” jedheen. Inni garuu, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta?” jedheen. Ergasiis inni achumatti isa eebbise.
30 So Jacob named the place Peniel: "For I have seen our Father face to face, yet my life was saved." Yaaqoobis, “Ani ifaan ifatti Waaqa argeeraatii; lubbuun koo garuu oolfamteerti” jedhee iddoo sana Pheniiʼeel jedhee moggaase.
31 The sun rose upon him as he passed Penuel, limping because of his hip. Akkuma inni Phenuuʼeelin darbeen aduun isatti baate; innis sababii luqqeettuu isaatiif okkolaa ture.
32 This is why, even now, the Israelites won't eat the thigh muscle on the hip socket—because he struck Jacob's hip socket there, at the thigh muscle. Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti ribuu tafaa hin nyaatan; inni buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tafaan wal qabatu tuqee tureetii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]