Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Daniel 9 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In the first year of Darius son of Xerxes, a Mede, made king over the Babylonian realm. Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti
2 In his reign's first year, I, Daniel, understood from the books how many years our Father told Jeremiah the prophet: seventy, to complete Jerusalem's ruins. bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Waaqayyoo kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe.
3 So I turned my face to the Sovereign Father, to seek him in prayer and pleading, with fasting, sackcloth, and ashes. Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe.
4 I prayed to my Father, confessing: "Sovereign Father, great and awesome, keeping covenant and faithful love for those loving him and keeping his commands, Anis Waaqayyo Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu,
5 we have sinned, done wrong, done evil, rebelled, turning from your commands and rulings. nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.
6 We haven't listened to your servant prophets speaking in your name to our kings, princes, ancestors, and all the land's people. Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
7 Righteousness is yours, Sovereign Father, but ours is open shame today—Judah's people, Jerusalem's residents, all Israel, near and far, in every land where you drove them for their unfaithfulness to you. “Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra.
8 O our Father, open shame belongs to us—our kings, princes, and ancestors—because we sinned against you. Yaa Waaqayyo nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra.
9 To the Sovereign Father belong mercy and forgiveness, for we have rebelled against him, Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha;
10 and we disobeyed our Father's voice to walk in his laws set before us through his servants the prophets. nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne.
11 All Israel broke your law and turned away, refusing to obey your voice. So the curse and the sworn oath written in the Law of Moses, our Father's servant, poured out on us, because we sinned against him. Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe.
12 He confirmed his words against us and our judges who judged us, bringing great disaster on us; nothing under all heaven matches what happened to Jerusalem. Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa samiitii gaditti taʼee hin beeku.
13 As written in the Law of Moses, all this disaster came on us; yet we have not sought our Father's favor by turning from our sins and understanding your truth. Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan Waaqayyo Waaqa keenya irraa araara hin barbaanne.
14 So our Father readied the disaster and brought it on us, for our Father is righteous in all he does; but we did not obey his voice. Waaqayyo balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; Waaqayyo Waaqni keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne.
15 And now, Sovereign Father, you brought your people out of Egypt with a strong hand and made yourself a name lasting to this day—we sinned, we did wrong. “Egaa amma yaa Waaqa keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras.
16 Sovereign Father, by all your righteous acts, turn your anger and rage from your city Jerusalem, your holy mountain—for our sins and our ancestors' wrongdoing made Jerusalem and your people a disgrace to all around us. Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera.
17 Now, our Father, hear your servant's prayer and pleas, and shine your face on your desolate sanctuary, for your own sake, Sovereign Father. “Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi.
18 Turn your ear toward us, my Father, and hear; open your eyes, see our ruins and the city called by your name. We bring our pleas before you not for our righteousness but your great mercy. Yaa Waaqa ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si kadhanna.
19 Sovereign Father, hear! Sovereign Father, forgive! Sovereign Father, listen and act! Don't delay, for your sake, my Father, because your city and your people bear your name." Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Waaqa ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin.”
20 Still speaking, praying, confessing my sin and my people Israel's sin, laying my plea before my Father for my Father's holy hill, Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis Waaqayyo Waaqa koo gaafachaa jiruu,
21 while I was still praying, Gabriel, the man I saw earlier in the vision, reached me, flying fast, about the time of the evening offering. utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe.
22 He gave me insight, speaking with me and saying, "Daniel, I have now come out to give you insight and understanding. Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera.
23 As your pleas began, a word went out, and I came to tell you, for you are deeply loved. So weigh the word and understand the vision: Akkuma ati Waaqa kadhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu:
24 "Seventy weeks are decreed for your people and your holy city: to end wrongdoing, finish sin, atone for guilt, bring in everlasting righteousness, seal vision and prophet, and anoint a most holy place. “Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera.
25 Know therefore and understand: from the time the command goes out to restore and rebuild Jerusalem until the coming of the Anointed One, the Prince, there will be seven weeks and sixty-two weeks. It will be rebuilt with streets and a moat, but in troubled times. “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa.
26 And after the sixty-two weeks the Anointed One will be cut off and will have nothing. The people of the prince who is to come will destroy the city and the sanctuary. Its end will come like a flood, and to the end there will be war; desolations are decreed. ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera.
27 He will confirm a covenant with many for one week; mid-week he will stop sacrifice and offering. On a temple wing he will set up an abomination that causes desolation, until the decreed end pours on the desolator." Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]