Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 22 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 "Brothers and fathers, listen now to my defense before you." “Yaa obbolootaa fi abbootii, falmata ani amma isin duratti dhiʼeeffadhu kana mee naa dhagaʼaa.”
2 When they heard him speaking to them in Hebrew, they grew even more quiet. And he said: Jarris yommuu isaa afaan Ibraayisxiitiin isaanitti dubbatu dhagaʼanitti kan duraa illee caalaa calʼisan. Phaawulosis akkana jedhe;
3 "I am a Jew, born in Tarsus of Cilicia, raised in this city, trained at Gamaliel's feet in the strict law of our ancestors, as eager for God as all of you are today. “Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture.
4 I persecuted this Way to the death, binding and delivering to prison both men and women, Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera;
5 as the high priest and the whole council of elders can testify. From them I received letters to the brothers in Damascus, and went to bring those there as prisoners to Jerusalem for punishment." waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.
6 "Traveling and nearing Damascus about noon, a great light from heaven suddenly flashed around me." “Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise.
7 I fell to the ground and heard a voice say to me, "Saul, Saul, why are you persecuting me?" Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
8 I answered, "Who are you, Lord?" He replied, "I am Jesus of Nazareth, whom you're persecuting." “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe.
9 "Those with me saw the light but didn't understand the voice of the one speaking to me." Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne.
10 I said, "What should I do, Lord?" The Lord replied, "Get up and go into Damascus. There you'll be told all you've been appointed to do." “Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. “Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe.
11 "Since that light's brightness blinded me, my companions led me by the hand into Damascus." Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan.
12 "A man named Ananias, devout by the law, well spoken of by all the Jews living there, “Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture.
13 came and stood by me and said, 'Brother Saul, receive your sight.' At that very hour I looked up and saw him." Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe.
14 "He said, 'The God of our fathers appointed you to know his will, to see the Righteous One, and to hear a voice from his mouth; “Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera.
15 for you will be his witness to everyone of what you have seen and heard. Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata.
16 And now, why wait? Get up, be baptized, wash away your sins, calling on his name." Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
17 "When I had returned to Jerusalem and was praying in the temple, I fell into a trance," “Anis Yerusaalemitti deebiʼee utuu mana qulqullummaa keessatti kadhannaatti jiruu akka waan of wallaaluu nan taʼe.
18 and saw him saying to me, "Hurry and leave Jerusalem quickly, because they won't accept your testimony about me." Gooftaa illee isaa, ‘Jarri kun waan ati waaʼee koo dhugaa baatu hin fudhataniitii dafii ammuma Yerusaalem keessaa baʼi!’ jedhee natti dubbatu nan arge.
19 I said, "Lord, they themselves know that I went from synagogue to synagogue imprisoning and beating those who believed in you. “Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku.
20 When the blood of your witness Stephen was being shed, I stood by, approving and guarding the cloaks of those killing him.'" Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’
21 "And he said to me, 'Go, for I will send you far away to the Gentiles.'" “Gooftaanis, ‘Ani fagootti, gara Namoota Ormaatti sin ergaatii deemi’ naan jedhe.”
22 Up to that point they listened, then they raised their voices and shouted, "Erase such a man from the earth! He shouldn't be allowed to live!" Namoonni sunis hamma inni dubbii kana dubbatutti isa dhagaʼaa turan; ergasiis sagalee isaanii ol fudhatanii, “Namni akkanaa jiraachuu hin qabuutii lafa irraa balleessaa!” jedhanii iyyan.
23 And as they were shouting and throwing off their cloaks and flinging dust into the air, Utuu isaan uffata isaanii dadarbatanii, awwaaras qilleensa keessa bibittinneessanii iyyanuu,
24 the commander ordered him taken into the barracks and whipped, to learn why they were shouting against him like this. ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje.
25 As they stretched him out for the straps, Paul said to the centurion standing there, "Is it legal for you to whip a Roman citizen who hasn't been condemned?" Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe.
26 Hearing this, the centurion went to the commander and reported it: "What are you about to do? This man is a Roman citizen." Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen.
27 So the commander came and asked, "Tell me, are you a Roman citizen?" "Yes," he said. Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee” jedhee deebise.
28 The commander said, "I paid a large sum for this citizenship." But Paul said, "I was born a citizen." Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe.
29 So those about to question him withdrew at once; the commander was afraid, realizing he had bound a Roman citizen. Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate.
30 The next day, wanting to know exactly why the Jews accused him, the commander freed Paul, ordered the chief priests and the whole council to assemble, brought Paul down, and set him before them. Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]