Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

3 John 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The elder, to the beloved Gaius, whom I love in truth. Jaarsicha irraa, Gara Gaayoos michuu koo, isa ani dhugaadhaan jaalladhuutti.
2 Beloved, I pray you prosper in every way and stay healthy, as your soul prospers. Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
3 I rejoiced greatly when brothers arrived and testified about your faithfulness to the truth—for you truly are walking in it. Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
4 I have no greater joy than this: to hear that my children are walking in the truth. Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
5 Beloved, you act faithfully in all you do for the brothers, even strangers. Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
6 They testified to your love before the church. Send them on in a way worthy of our Father. Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
7 For they went out for the sake of the Name, accepting nothing from the Gentiles. Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
8 Therefore we ought to support such people, so that we may be fellow workers for the truth. Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
9 I wrote something to the church, but Diotrephes, who loves being first among them, does not receive us. Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
10 So if I come, I'll expose what he's doing—slandering us with malicious words. Not satisfied with that, he refuses to welcome the brothers, stops those who want to, and throws them out of the church. Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
11 Beloved, don't imitate evil, but good. Whoever does good is from our Father; whoever does evil hasn't seen our Father. Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
12 All speak well of Demetrius, and so does the truth. We testify too, and you know our testimony is true. Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
13 I had much to write to you, but I would rather not write with pen and ink. Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
14 I hope to see you soon, and we will talk face to face. Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna.
15 Peace to you. The friends send their greetings. Greet each of the friends by name. Nagaan siif haa taʼu. Michoonni as jiran nagaa siif dhaamu. Atis michoota achi jiran tokko tokkoon maqaa dhaʼiitii nagaa itti nuu himi.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]