Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Samuel 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The war between Saul's house and the house of David dragged on a long time. David grew steadily stronger, while Saul's house grew weaker and weaker. Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme.
2 Sons were born to David in Hebron. His firstborn was Amnon, whose mother was Ahinoam of Jezreel; Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis: Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha;
3 his second, Chileab, by Abigail, Nabal of Carmel's widow; the third, Absalom, son of Maacah, daughter of Talmai king of Geshur; inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha; sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha;
4 the fourth, Adonijah son of Haggith; the fifth, Shephatiah son of Abital; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
5 and the sixth, Ithream, by David's wife Eglah. These were David's sons born in Hebron. jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha. Isaan kunneen Kebroonitti Daawitiif dhalatan.
6 During the war between the house of Saul and the house of David, Abner kept strengthening his position in Saul's house. Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture.
7 Saul had a concubine named Rizpah, daughter of Aiah. Ish-bosheth said to Abner, "Why did you sleep with my father's concubine?" Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe.
8 Abner, very angry at Ish-bosheth's words, said, "Am I a dog's head loyal to Judah? Today I keep showing loyalty to your father Saul's house, his brothers and friends, and haven't handed you to David. Yet now you charge me over this woman! Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta!
9 May our Father do the same to Abner, and more, if I do not do for David what our Father swore to him, Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe Waaqayyo Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu;
10 to transfer the kingdom from Saul's house and set up David's throne over Israel and over Judah, from Dan to Beersheba." wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.”
11 And Ish-bosheth could not say another word to Abner, because he was afraid of him. Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye.
12 Abner sent messengers to David on his behalf: "Whose is the land? Make your covenant with me, and my hand will be with you to bring all Israel over to you." Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge.
13 David said, "Good; I'll make a covenant with you. But I require one thing: you won't see my face unless you first bring Michal, Saul's daughter, when you come." Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe.
14 David sent messengers to Ish-bosheth, Saul's son: "Give me my wife Michal, whom I betrothed to me for one hundred Philistine foreskins." Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge.
15 So Ish-bosheth sent and took her from her husband, Paltiel son of Laish. Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate.
16 Her husband went with her, weeping as he followed her to Bahurim. Then Abner told him, "Go back." So he returned. Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe.
17 Abner spoke with Israel's elders: "You've long wanted David as king over you. Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan.
18 Now act, for our Father promised David: 'By my servant David's hand I will save my people Israel from the Philistines and all their enemies.'" Waaqayyo, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!”
19 Abner also spoke to Benjamin, then went to Hebron to tell David all that Israel and the whole house of Benjamin had agreed to do. Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime.
20 When Abner came to David at Hebron with twenty men, David held a feast for Abner and his men. Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse.
21 Abner told David, "Let me go gather all Israel to my lord the king, so they make a covenant with you and you reign over all your heart desires." So David sent Abner off, and he left in peace. Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme.
22 Just then David's servants and Joab returned from a raid with much plunder. But Abner was not with David at Hebron, for David had sent him away, and he had gone in peace. Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii.
23 When Joab and all his army arrived, he was told, "Abner son of Ner came to the king, who sent him off, and he left in peace." Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame.
24 So Joab went to the king: "What have you done? Abner came to you—why did you send him off, and now he's gone? Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera!
25 You know Abner son of Ner came to deceive you, to learn your movements and everything you're doing." Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.”
26 When Joab left David, he sent messengers after Abner, who brought him back from the well of Sirah. But David knew nothing. Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne.
27 When Abner returned to Hebron, Joab pulled him aside inside the gate as if to speak privately, and there stabbed him in the stomach. He died—for the blood of Joab's brother Asahel. Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe.
28 Later, when David heard, he said, "I and my kingdom are forever innocent before our Father of the blood of Abner son of Ner. Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu dha.
29 May it fall on Joab's head and all his father's house! May Joab's house never lack someone with a discharge or skin disease, who leans on a crutch, falls by the sword, or lacks food." Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.”
30 So Joab and his brother Abishai killed Abner for killing their brother Asahel in the battle at Gibeon. Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan.
31 David told Joab and all the people with him, "Tear your clothes, put on sackcloth, and mourn before Abner." King David walked behind the bier. Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse.
32 They buried Abner in Hebron, and the king wept aloud at his grave, and all the people wept. Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan.
33 The king sang this lament for Abner: "Should Abner have died as a fool dies? Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse: “Abneer akka duʼa nama yaraa tokkootti duʼuu qabaa?
34 Your hands were not bound, your feet not set in chains. You fell as one falls before the wicked." And all the people wept over him again. Harki kee hin hidhamne; miilli kee foncaadhaan hin gaadiʼamne. Ati akkuma nama fuula hamootaa duratti kufu tokkootti kufte.” Namoonni hundinuu amma illee ni booʼaniif.
35 Then all the people came to urge David to eat something while it was still day, but David swore: "May our Father do so to me, and worse, if I taste bread or anything else before sunset!" Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate.
36 All the people noticed and were pleased; everything the king did pleased all the people. Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise.
37 So that day all the people and all Israel knew the king had not willed the death of Abner son of Ner. Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan.
38 The king told his servants, "Don't you know a prince and a great man has fallen today in Israel? Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee?
39 Today, though the anointed king, I am weak, and these men, Zeruiah's sons, are too hard for me. May our Father repay the one who does evil for his evil." Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. Waaqayyo nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]