Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 6 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then Solomon said, "Our Father has said that he would dwell in thick darkness. Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera;
2 But I have built you an exalted house, a place for you to dwell in forever." ani mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”
3 Then the king turned and blessed the whole assembly of Israel as they all stood. Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise.
4 He said, "Praise our Father, the God of Israel, whose hand has fulfilled what his mouth promised my father David, saying, Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
5 'Since the day I brought my people out of Egypt, I chose no city from all the tribes of Israel to build a house for my name to be there, nor any man to rule my people Israel. ‘Ani gaafan saba koo Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne, yookaan akka inni bulchaa saba koo Israaʼel taʼuuf nama tokko illee hin filanne.
6 But I chose Jerusalem for my name to be there, and I chose David to lead my people Israel.' Amma garuu akka maqaan koo achi jiraatuuf Yerusaalemin filadheera; akka inni saba koo Israaʼelin bulchuufis Daawitin filadheera.’
7 David my father had it in his heart to build a house for the name of our Father, the God of Israel. “Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture.
8 But our Father told David my father, 'Because building a house for my name was in your heart, you did well to intend this. Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha.
9 But you will not build the house; your son, from your own body—he will build the house for my name.' Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee, isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’
10 Now our Father has fulfilled the word he spoke: I have succeeded David my father and sit on Israel's throne, as he promised, and I have built the house for the name of our Father, the God of Israel. “Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera.
11 There I placed the ark, holding the covenant our Father made with the people of Israel." Anis achi keessa taabota kaaʼeera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni saba Israaʼel wajjin galetu jira.”
12 Then Solomon stood before our Father's altar in the presence of the whole assembly of Israel and spread out his hands. Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise.
13 Solomon had made a bronze platform about seven and a half feet long, seven and a half feet wide, four and a half feet high, and set it in the middle of the court. He stood on it, knelt before the whole assembly of Israel, and spread his hands toward heaven. Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise.
14 He said, O my Father, God of Israel, no Father is like you in heaven or on earth, keeping covenant and showing loyal love to your servants who walk before you wholeheartedly. Akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
15 You kept your promise to your servant David my father; what you spoke with your mouth you fulfilled with your hand today. Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.
16 So now, my Father, God of Israel, keep for your servant David my father what you promised: "You will never lack a man before me on Israel's throne, if only your sons watch their way to walk in my law, as you have walked before me." “Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, akkuma seera kootti fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif.
17 And now, my Father, God of Israel, let the word you spoke to your servant David be confirmed. Kanaafuu amma yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, dubbiin ati garbicha kee Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.
18 But will our Father really live with people on earth? The heavens and highest heavens can't hold you—how much less this house I built. “Garuu dhugumaan Waaqni nama wajjin lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatuu ree!
19 Yet hear the prayer of your servant and his plea, O my Father, and hear the cry and prayer your servant prays before you. Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi.
20 May your eyes be open toward this house day and night, toward the place where you said you'd put your name, to hear the prayer your servant prays toward this place. Iji kees halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa gara iddoo ati akka Maqaa kee achi kaaʼattu dubbatte sanaa haa ilaalu. Kadhannaa garbichi kee gara iddoo kanaatti fuula deebifatee kadhatu illee dhagaʼi.
21 Hear your servant's and your people Israel's pleas when they pray toward this place. Hear from heaven, your dwelling; and when you hear, forgive. Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
22 If a man sins against his neighbor and must swear an oath, and he comes and swears his oath before your altar in this house, “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti, fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate,
23 then hear from heaven and act. Judge your servants: pay back the guilty for their deeds, and clear the righteous, rewarding them by their righteousness. ati samii irraa dhagaʼiitii garboota kee gidduutti tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.
24 If your people Israel, defeated by enemies for sinning against you, turn back to praise your name, pray, and plead with you in this house, “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti si duratti kadhatee si waammatutti,
25 then hear from heaven, forgive the sin of your people Israel, and bring them back to the land you gave to them and their ancestors. samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.
26 When the sky is shut with no rain because they sinned against you, if they pray toward this place, praise your name, and turn from their sin when you make them suffer, “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan,
27 then hear from heaven, forgive your servants' sin, your people Israel, when you teach them the good path to walk, and send rain on your land, which you gave your people as their inheritance. ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee, saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.
28 If famine, plague, blight, mildew, locust, or caterpillar strikes the land; if enemies besiege them in their towns—whatever plague or sickness comes, “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinonni isaan marsanitti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti,
29 whatever prayer or plea anyone or all your people Israel makes, each knowing his own suffering and pain and spreading his hands toward this house, yoo sabni kee Israaʼel rakkinaa fi dhukkubbii ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse,
30 then hear from heaven, your home, and forgive, and repay each according to all his ways, since you know his heart—for you alone know every human heart, ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
31 so they may fear you and walk in your ways as long as they live on the land you gave our ancestors. yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaatanii karaa kee irra ni deemu.
32 Also, when a foreigner not of your people Israel comes from a distant land for your great name, your mighty hand, and your outstretched arm—when they come and pray toward this house, “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa kee guddichaaf, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaatiif jedhee biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate,
33 then hear from heaven where you live, and do all the foreigner asks, so all the earth's peoples may know your name and fear you, as your people Israel do, and know this house I built bears your name. ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.
34 If your people go to war against their enemies wherever you send them, and pray to you toward this city you have chosen and the house I built for your name, “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee si kadhate,
35 then hear from heaven their prayer and their plea, and uphold their cause. ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.
36 If they sin against you—for no one is without sin—and you are angry with them and hand them to an enemy who takes them captive to a land far or near, “Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita;
37 yet if in the land of their captivity they take it to heart, and turn back and plead with you there, saying, "We have sinned, we did wrong, we acted evilly," yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan,
38 if they turn back to you with all their heart and soul in the land of their captivity where they were taken, and pray toward their land you gave their ancestors, the city you chose, and the house I built for your name, yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan,
39 then hear from heaven, your dwelling place, their prayer and pleas, uphold their cause, and forgive your people who sinned against you. ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi.
40 Now, my Father, let your eyes be open and your ears attentive to the prayer of this place. “Ammas yaa Waaqa koo kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatu iji kee haa argu; gurri kees haa dhagaʼu.
41 And now arise, my Father, and come to your resting place, you and the ark of your might. Let your priests, my Father, be clothed with salvation, and let your faithful ones rejoice in your goodness. “Kanaafuu yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kaʼiitii gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, luboonni kee fayyina haa uffatan; qulqulloonni kees gaarummaa keetti haa gammadan.
42 My Father, do not reject your anointed one. Remember your covenant love for David your servant. Yaa Waaqayyo, Gooftaa, ati dibamaa kee hin gatin; jaalala guddaa ati garbicha kee Daawitin abdachiifte sana illee yaadadhu.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]